Hidha Haaromsaa: Lammiileen Itoophiyaa dubbii Tiraamp mormuun Landanitti hiriira bahan

Madda suuraa, Alebachew Desalegn
Lammiileen Itoophiyaa dubbii dhiheenya pireezidantiin Ameerikaa waa'ee Hidha Haaromsaa ilaalchisuun dubbataniin aaran Kamisa kaleessaa biyya Ingiliizi, magaalaa Landanitti daanditti bahuun mormii isaanii dhageessisan.
Pireezidant Tiraamp torban darbe yeroo haariroo tolfachuu Israa'elii fi Sudaan ifoomsan ture ''Masriin hidha Abbayyaa ni rukutti,'' jechuun kan dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni Itoophiyaa mufachiiseera. 'Dorsiifni dhimma Hidha Abbayyaarratti taasifaman seera idil-addunyaa kan cabsaniidha' jechuun Itoophiyaan Tiraampiif deebiste.
Kanneen Landanitti gaafa Kamisaa hiriira bahan Tiraamp dubbii ''maal na dhibde'' dubbataniif ''dhiifama'' gaafachuu qabu jedhan.
''Dubbii dhihoo waa'ee hidha Abbayyaa dubbatanif dhiifama jechuun deeggarsa Itoophiyaaf kennamuuf ture qaban akka itti yaadan gaafanna,'' jedha ibsi waldaan lammiilee Itoophiyaa UK jiraatanii baase.
Hidhi Itoophiyaan ijaaraa jirtu biyyoota yaa'a laga Abbayyaa kan ta'an Masrii fi Sudaan waliin muddama keessa ishee galcheera.
Birrii biiliyoona 100 oliin hidhi ijaaramu kuni hidha bishaanii elektirikii maddisiisuu fi Afrikaa keessaa guddicha ta'a jedhamee eegama.
Tiraamp dubbii dubbataniin Itoophiyaan waliigalteetti isaan akka jaarsummaatti hirmaatan irratti Itoophiyaan waliigaluun akka mallatteessitu barbaadu.
Itoophiyaan garuu fedhii biyyaalessaa dhiiba jechuun itti dhiisuu ishii ibsuun ni yaadatama.
Guraandhala darbe Itoophiyaan marii Waashingitan biraa erga haftee booda yeroo ammaa Gamtaan Afrikaa (AU) marii biyyoota sadanii harkaa qaba.















