Hidha Guddicha Itoophiyaa: Tiraamp dhimma hidha laga Abbayyaa irratti akkamiin Itoophiyaa 'gane'?

Madda suuraa, Getty Images
Warreen Pireezidantii Tiraamp qeeqaniif, biyyoota yeroo dheeraaf Ameerikaa deeggaran Masrii fi Itoophiyaa gidduu dhimma hidha guddicha irratti muddama hammeessuun kufaatii hariiroo dippiloomaasii guddaa dha.
Torbee darbe Tiraamp Masriin hidha Itoophiyaa ijaarte ‘rukutuu ykn mancaasuu’ dandeessi jedhanii turan. Kana dura baatii Amajjii keessa badhaasi Nobeelii anaaf taha ture jedhaniis turan.
‘’Anatu waraana guddaa dhaabe, nan oolche’’ jedhan erga ministirri mummee Abiy Ahimad Badhaasa Nobeelii argatanii yeroo gabaabaa keessatti.
Yaadni Tiraamp kennan ifa tahuu baatus, pireezidantiin Masrii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa wal-dhabdee akka furaniif waamicha taasisaniif deebii waan kennan fakkaata. Pireezidantii Masriidhaanis ‘abbaa irree an filadhu’ jedhaniin ture.
Masriin hidha ijaaramaa jiru kana dubbii ‘du’aafi jireenyaatti’ ilaalti. Sudaanillee hamma Masrii tahuu baatus ishee yaaddessa. Gama biraan Itoophiyaan immoo hidhichi anaaf madda aannisaa barbaachisaadha jetti.
Tiraamp Itoophiyaa keessatti 'ija jibbaan’ ilaalamaa?

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxalaan siyaasaa dhimma nageenyaa Gaanfa Afrikaa Raashid Abdii gidduugalummaan Ameerikaa Itoophiyaa fi Masrii gidduu muddama hammeesse jedha.
''Itoophiyaan naannoo hidhichaa eegumsa cimsaa jirti.
Itoophiyaan akka tarkaanfii ittisaattis daangaa qilleensaa naannoo Beenishaangul iddoo hidhichi argamu eegumsa gochaa jirti. Kana malees baatiriiwwan farra-xiyyaaraa tahanillee naannoo hidhichaatti dhaabdeetti jedhama.
Masrii na sakatta’aa jirti sodaa jedhus qabdi,'' jedha
Xiinxalichi Tiraamp hariiroo dippiloomaasii addunyaalessaa irratti hangam akka hin milkoofne agarsiisa kun, jedha.
''Akkuma waliigaltee daldalaatti waa addaan kutuu kan danda’amu itti fakkaata. Kanaafi kan dhimmicha ministeera maallaqaatti kan dhiise.
Silaa imaammatni haajaa alaa ministeera haajaa alaatiin adeemsifama tureeyyu. Bu’aansaas kunoo dubbii hammeesse jedha Abdiin.
Itoophiyaan wal-dhabdee Sudaaniifi Itoophiyaa gidduu jiru otoo hin furiin, hidhicha bishaan guutuun akka amantii hanqisuutti lakkaa’ame.
Kanaanis Ameerikaan biyya garee hidhataa Islaamaa Gaanfa Afrikaa loluun michoomfatte Itoophiyaa irraa gargaarsa doolaara miiliyoona 100 kutuuf murteessitee jirti.
''Itoophiyaan yeroo ammaa Ameerikaan akka ishee gantetti fudhatti, Tiraampis lammiilee Itoophiyaaf nama jibbaa taheera, Joo Baaydan akka mo’atus barbaadu,’’ jedhan xiinxalichi.
Fonqolcha dippiloomaasii Tiraamp...
W Gaayiid Moore Wiirtuu Guddina Addunyaalessa Ameerikaa argamu keessatti kan hojjetan yoo tahu, Tiraamp gara Masrii goruun isaanii nama hin dinqu sababiinsaa immoo kaayyoo michoomaa biyyoota Liigii Arabaa akka haaraatti jalqabe galmaan gahuufi jedhan.
Masriin Israa’el waliin hariiroo yeroo dheeraa waan qabduuf biyyooti Arabaa biroo Isaraa’eliif beekamtii akka kennan dhiibbaa akka taasistuuf barbaadu, kanaaf faallaa Masrii deemuu hin fedhan jedhan Moor.
Biyyoota Arabaa gidduutti michooma haaromsuun imaammata Sudaan irratti qabanillee jijjiirsiiseera jedhu.
Fonqolcha dippiloomaasii Tiraamp filannoon torbee lama hafe jedhanii Israa’elii fi biyyoota Arabaa gara gaariitti akka dhufu gochaa jiru.
Sudaanitti akka ministira haajaa alaatti tajaajilaa kan jiran, murtoon kun ammallee qaama seeraan dura ragga'uu qaba jedhu.
Labsiin biyyooti Liigii Arabaa Israa'el waliin nagaa buusuun biyya Gaanfa Afrikaa kora Liigii Arabaa bara 1967 qopheessiteef murteessaa dha. Yeroos biyyooti kunneen, ''Israa'el waliin waliigaltee nagaa, marii fi beekamtii kennuun hin barbaachisu,'' jedhaniitu turan.
Gama biraan, Tiraamp filannoo ammaa yoo mo'atan, Itoophiyaan yaaddoo Masrii fi Sudaan akka furtuuf dhiibbaa ni taasisu, Sudaan immoo tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jalaa bahuushee ni mirkaneessu jedhameetu eegama.
Moor, Tiraamp Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jalaa baasuun waan dansaa tahus, Israa'eliif beekamtii kennuu waliin hidhachiisuun garuu ministira mummee Sudaan Abdallaa Haamdook balaaf saaxila jedhan.
''Israa'el waliin hariiroo uumuun hawaasa Sudaan biratti yaada qoodamaa tahe kaasa, biyya ofumaa danqaawwan nageenyaa qabduuf tasgabbii waan fidu miti,'' jedhu.

















