Marii hidha Haaromsaa: 'Yaadni Tiraampi marii hidhichaa boru ittifufuu irratti dhiibbaa hinqabaatu' - AU

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa fi Dura taa'aan Gamtaa Afriikaa Siriil Raamofosaan mariin biyyoota sadii jidduutti dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa irratti taasifamu adda citee ture boruu [Kibxata] deebiise akka eegalu beeksiisan.
Mariin torban torbaaf adda cite ture boru deebiisee akka eegalu fuula tiwitarii isaaniirratti ibsan.
Pireezidaant Raamaafoosaan akka jedhaniitti dureewwan biyyoota sadanii jechuunis, pireezidaantii Masrii Abdull Fataah Al-Sisii, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad fi MM Suudaan Abdallaa Haamdook waliin erga marii gadi fageenya qabu taasifameen booda walgahiin biyyoota sadanii boru eegaluuf.
Mariin kunis erga pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Masriin Hidha Abbaayyaa ''haleeluu dandeessi'' jechuun yaada kennaniin booda kan jalqabaati.
Doonaald Tiiraamp Jimaataa darbee bakka gaazexessitoonni Waayit Hawuusiitti walitti qabamaniitti, ''Itoophiyaan gara waliigalteetti deebi'uu qabdi. Masriin yoo mufatte dhugaa qabdi, hidha sana haleeluu dandeessi'' wayita jedhan dhagahaman.
Itoophiyaan gama isheetiin yaanni doorsisaa Tiraamp hidha Haaromsaa ilaalchisee kennan kan hanqina odeeffannoo irraa maddee fi kan waliigalteewwan idil-addunyaa cabsaniidha jechuunshee ni yaadatama.
Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaadar Diinaa Muftii, yaadni pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kennanii turan marii boru eegalamurratti dhiibbaa omaa hin qabatu jechuun BBC'f yaada kennaniiru.
''Marichi kan of danda'eedha. Dhimma biyyoonni sadan jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin gaggeefamaa jiruudha. Pirezidaanticha hin ilaallatu," jedhan.
"Kan isaan ilaalattu yoo jiraatee akka waliigalluuf dhiibbaa taasisuu, deeggaruu fi kan nuti irratti waliigallee fudhachu qofaadha malee kanaan ala dhimmaa sadarkaa Gamtaa Afriikaatti gaggeeffamaa jiru dhimma nama biraa ta'u hindanda'u'' jedhaniiru Ambaasaadar Diinaan.
Pirezidaanti Raamaafosaan biyyota sadan gara walta'insaafi gara marii miira qajeelaan fudhatamaa ta'eetti deebiisuuf murteessuu isaanii haala gaariin kan fudhatan ta'us ibsaniiru.
Pireezidanti Raamaafosaanis biyyoonni sadan dhimmoota seeraa fi teeknikaa irratti waliigalteerraa akka gahaniif abdii qabaachu ibsaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Itoophiyaan haala hidhichi bishaan guutamuu fi gadhiifamu ilaalchisee sanada waliigaltee US qopheessitee turte hin mallatteessu jechuun diduunni yaadatama.
Pireezidant Tiraamp wayita bilbilaan pireezidantii Sudaan waliin haasa'aa turanitti 'Itoophiyaan waliigaltee ani qopheesse fudhachuu didde, kanaafis deeggarsa irraa kunneerra, hanga waliigalticha mallatteessaniitti maallaqa sana hin argatan' jedhanii dubbatan.
Jaarsummaa motummaa Ameerikaafi Baankii Addunyaatiin mariiwwan Finfinnee, Kaayiroo, Kaartuumii fi Waashingitan DCtti gaggeefamaa turanis bu'aa malee akka addaan bahamu kan ta'e sababii qabxiilee falmii Masriin jijjiraa turteen ta'u himti Itoophiyaan
BBCn oggeessoota dhimmichatti dhiheenya qaban irraa akka hubateetti mariiwwan gaggeefaman haala hidhiichi ittiin bishaaniin gutamuufi bishaan itti gadhiifamu irratti akka xiyyeefatuuf Itoophiyaan yaalii taasisaa turtus Masriin garuu marichi gahee bishaanii qooddachuu irratti akka xiyeeeffatuuf dhiibaa taasisaa turte.














