US sochii qalbii Afrikaa haawwachuuf taasistuun Chaayinaa dagachiisuu dandeessi?

Kamalaa Haaris

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii ittaantuun Ameerikaa Kaamalaa Haaris walgahii Ameerikaa fi Afrikaa Muddee keessa Waashingitanitti gaggeeffame irratti walgahii qopheessan

Jalqaba Ministiira Dhimma Alaa Ameerikaatu gara Afrikaatti imalee ture.

Amma Pirezidantii ittaantuu Ameerikaatu gara Afrikaatti imale.

Bara kana gara boodatti ammoo Pirezidaantiin Ameerikaa gara Afrikaatti imalu jedhamee eegama.

Daawwannaan qondaaltonni olaanoon bulchiinsa Ameerikaa kun, US ardii kana waliin walitti dhufeenya qabdu cimsuu akka qabdu hubannoo guddachaa dhufe irraa madde.

Kun hundi dorgommii biyyoota addunyaa biroo, keessattuu Chaayinaa fi Raashiyaa irraa guddachaa dhufeen walqabateedha.

Pirezidantii Ittaantuun Ameerikaa Kaamalaa Haaris imala guyyoota sagaliin Gaanaan eegalte achiin booda gara Taanzaaniyaa fi Zaambiyaatti ce’uuf.

Gaanaan, hariiroo diyaaspooraa Afrikaa waliin qabdu cimsuurratti, akkasumas aangoo karaa dimokiraatawaa fi nagaa yeroo hedduudabarsuun waan beekamtutuuf, Aadde Haarisiif bakka gaarii kenniti.

Imala ishee ilaalchisuun ibsi bahe akka agarsiisutti, walgahii Ameerikaa fi Afrikaa Muddee keessa Waashingitanitti taa'ame 'cimsuuf'' kan yaadame yoo ta'u, Pirezidaantiin Joo Baayiden US ''egeree Afrikaa hunda hammate ijaaruu waliin jirti'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu egeree sana, kan dargaggootaa fi baay'ina ummataa guddachaa jiruun akkasumas qabeenya uumamaa guddaa ardii kanaatiin jajjabeeffametti, biyyoonni humna qaban dhiibbaa uummuuf akka dorgoman taasisaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Blinken dhiheenya kana Itoophiyaa fi Niijar daawwannaan isaanii qormaata nageenyaa biyyoota kanneenii irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, daawwannaan Pirezidaantii Ittaantuu kun biyyoota rakkoo diinagdee hamaan isaan mudate bira geesse.

Dinagdeen Gaanaa duraan guddachaa ture, amma waggoota kurnan darban keessatti rakkoo maallaqaa rakkisaa ta'e keessa jirti.

Qaala'iinsa jireenyaa dhibbeentaa 50'n ol dabalaa dhufe keessatti biyyattiin liqaa ishee irra deebiin gurmeessuu barbaadaa jirti.

Ministirri Maallaqaa Ken Ofori-Atta, tibanna Beejiingitti argamuun mootummaa Chaayinaa waliin marii geggeessaa ture.

''Hanga ammaatti, walgahii baayyee gaarii fi jajjabeessaa Chaayinaa keessatti geggeessaa jirra,'' jechuun ministirri Maallaqaa kun ''yeroo dhiyootti'' biyyonni kaanis kana akka mirkaneessan abdii qaba jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Deeggarsa maallaqaa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) irraa argamu banuuf mirkaneessitoota isa barbaachisa.

Gargaarsi yoo jiraate Aadde Haaris maal dhiyeessu akka dandeessu ifa miti, garuu daawwannaa Chaayinaa Ofori-Atta hordofuun akka michuu fedhii qabuutti socho’uuf dhiibbaa irra ga’a.

'US hiriyyaa - akka Chaayinaa fi Raashiyaa'

Ogeessi dinagdee fi Piroofeesarri faayinaansii Yunivarsiitii Gaanaa, Godfired Alufar Bokpin, daawwannaan kun rakkoo maallaqaa biyyattii salphisuuf ''bu'aa battalaa'' argamsiisa jedhee hin yaadu.

​​''Chaayinaa hirmaachisuun walxaxaadha,'' kan jedhan, daawwannaan Aadde Haaris ''hariiroo Gaanan US waliin qabnu sadarkaa biraatti ol guddisa'' waan ta'eef ''baay'ee barbaachisaa'' ta'uu ibsa.

Fedhiin Ameerikaan biyyattiif rakkoo liqaa ishee agarsiisaa jirtuu fi ''gaariidha'' jechuun BBC'tti kan himan yoo ta'u, biyyoonni liqii kennan garuu ''haala daldalaa mijataa hin taane'' fayyadaman jechuun yaaddoo qaban ibse.

Jiil Baayiden

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Duree Jiil Baayiden, ji’a Guraandhala keessa Naamibiyaatti kan argamte, kabajamtuu Ameerikaa kan biraa dhiheenya kana ardii kana daawwatan turan

Zaambiyaan haala Gaanaa wajjin wal fakkaatu keessa jirti.

Biyyi sibiila diimaatiin badhaate kun yeroo weerarri Covid mudate biyya Afrikaa liqaa ishee hin kaffalle kan jalqabaa taate.

Liqaa ishee irra deebiin gurmeessuuf Chaayinaa waliin marii yeroo dheeraa kan gootu yoo ta’u, IMF irraas deeggarsa maallaqaa gaafateera.

Dhaabbanni oduu Rooyitars qondaala olaanaa Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka jedhetti, Aadde Haaris ''hawaasni addunyaa qormaata liqaa Gaanaa fi Zaambiyaa mudate furuuf karaalee gaarii ta'an irratti ni mari'atu".' jedhe.

Akkuma Prof Bokpin xiinxalaan Zaambiyaa Dr Sishuwa Sishuwa, Chaayinaan liqaa irra deebiin gurmeessuu irratti dhiibbaa guddaa qabdi jedhanii yaadu.

Garuu US akka michuu caalaatti amanamtuutti ilaalamuu barbaaddi.

Afriikaan hariiroo addunyaa waliin qabdu keessatti filannoo bilisaa qabaachuu qabdi kan jedhu ardii kana irratti guddachaa dhufeera.

''Zambiyaan Ameerikaa akkuma Chaayinaa fi Raashiyaa ilaaltutti ilaalti - michuudha,'' jechuun Dr Sishuwaan BBC'tti himan.

"Biyyi tokko deeggarsa argachuuf gara Chaayinaa, ykn Raashiyaa, ykn US yeroo garagaltu, kun akka garee humna guddaa tokko ykn isa kaan tuffachuutti ilaalamuu hin qabu."

Biyyoota Afrikaa waliin hariiroo addaa barbaaduuf yaaliin godhamu bu’aa faallaa fi itti fufiinsa kan hin qabne ta’uu mala jedhan.

Kunis yaada Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa bara darbe daawwannaa Waashingitanitti taasisaniin ''nama waliin wal qunnamnu kamiinuu nutti himamuu hin qabu'' jedhan kan deebiseedha.

Qondaaltonni olaanoo Ameerikaa Biyyoota Afrikaa eenyuun waliin michuu ta'uu akka danda'an itti himuun yaada isaanii akka hin taane BBC'tti himaniiru.

US garuu hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu keessatti dimokiraasii irratti xiyyeeffachuu ishee cimsitee ibsuuf fedhii guddaa kan qabdu yoo ta’u, kana irratti itti aantuun pireezidaantiin kun daawwannaa ishee irrattis ni mari’atu jedhamee eegama.

Pirezidantiin Zaambiyaa Hakainde Hichilema Aadde Haaris biyyattii keessatti simachuu isaanii yeroo muraasa dura, Pirezidaantii Baayiden dabalatee hoggantoota biyyoota biroo afur waliin walgahii Dimokiraasii dhugaa (virtual Summit for Democracy) waliin qopheessuuf jiru.

Duudhaalee, mirga namoomaa fi bulchiinsa gaarii waliin, mootummaan Ameerikaa hariiroo ardii kana waliin qabu bu'uura godha jedhe keessaa isa tokkodha - akkasumas Chaayinaa fi Raashiyaa irraa adda isa taasisa.

Shakkii Afrikaa keessatti

Chaayinaan imaammata dhimma siyaasaa keessoo biyyootaa keessa seenuu dhiisuu qabdi - waan hoggantoota abbaa irree waliin walitti dhufeenya qabdu sirreesse.

Chaayinaan imaammata dhimma siyaasaa keessoo biyyootaa keessa seenuu dhiisuu qabdi-Kunis walitti dhufeenya isheen hoggantoonta abbaa irree walliin qabdu kan cimse.

Akkasumas Raashiyaan biyyoota Afrikaa dhiheenya kana fonqolcha mootummaa mudate - Burkina Faasoo fi Maalii - keessatti argamuun ishee fi biyyoota lixaa, keessumaa Faransaay, humna koloneeffataa biyyoota lamaanii kan turte waliin hariiroon isaan gidduu jiru akka hadhaa’u taasise.

Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte biyyoonni Lixaa biyyoota Afrikaa hedduu mo’achuuf miira ariifannaa dabalataa akka kenne hin shakkisiisu.

Sagaleen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii balaaleffachuuf kenne, Taanzaaniyaa sagantaa imala Aadde Haaris irratti argamtu dabalatee, biyyoota Afrikaa kanneen sagalee kennuu irraa fagaatan walakkaa ta’an qoqqoodeera.

Suluhi fi Haaris

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhu Hassan yeroo jalqabaaf gara waggaa tokko dura Waashingitanitti itti aantuu pirezidaantii Haaris waliin wal argan

Pirezidantii Ittaantuun Ameerikaa - dubartii jalqabaa bakka sana qabatte - Pirezidantii Saamiyaa Suluhu Hassan, biyya ishee keessatti dubartii dursituu biyyaa jalqabaa kan taate waliin wal arguuf.

Muuxannoon dubartoota qajeelchitootaa ta'uu waliin qooddatan kun Taanzaaniyaa keessatti namoota gammachiisaa jira.

Namoonni hedduun daawwannaan kun guddina biyyattiin argachaa jirtuu fi kaartaa addunyaa irratti mul’achuu ishee guddachaa dhufe akka raggaasisus ibsaa jiru.

Yeroo dhiyoootti Taanzaaniyaan pirezedanti Joon Maagufulii jalatti akka biyya bakka hin qabneetti ilaalamaa turte.

Maagufuliin hogganaa amala abbaa irree qabu, kan sochii mormitootaa fi miidiyaa walabaa hir’iseetti ilaalama ture.

Aadde Haaris erga walga’ii Ameerikaa fi Afrikaa Muddee keessa gaggeeffameen booda, qondaala olaantuu bulchiinsa Baayiden Afrikaa daawwatan yoo ta’u, kun marroo daawwanna si'a 5ffaadha.

Kaan ammoo Ministira Maallaqaa Jaaneet Yeelen, UNtti Ambaasaaddara Ameerikaa Liindaa Toomaas-Giriinfiild, Giiftii Duree Jiil Baayiden fi Blinken.

Garuu fedhii haaromfame waliin gaaffiin Afrikaa irra dhufu haqaan akka ilaalamu qabu.

Lammiin Gaanaa kan ta’e Prof Bokpin, fedhii Afrikaa guddachaa dhufe kana irratti shakkii akka jiru himan.

"Saamichii haaraan Afrikaa geggeeffamaa jirajedhamee amanama," dhuma Jaarraa 19ffaa keessa biyyoonni Awurooppaa Afrikaa qoqqodachuun waggoota kudhanitti lakkaa'amuuf koloneeffatan.

"Walitti dhufeenyi kun wal kabajuu cimsuu qaba," jechuun dabalaniiru.