Itoophiyaan oomishalee 1,600 ol qaraxa malee Chaayinaatti akka ergitu eeyyamameef

Madda suuraa, POOL
Itoophiyaan biyyoota Chaayinaan oomisha isaanii qaraxarraa bilisa gochuun carraa gabaa bilisaatti akka gargaaramtu eeyyamteef keessaa tokko ta’uu Ministirri Daldalaa fi Hariiroo Qaxanaa hime.
Mootummaan Chaayinaa biyyoota Afrikaa harka caalu waliin hariiroo daldalaa cimsachuuf oomishni omishni heddu qaraxa irraa bilisa ta'ee gara gabaa ishee akka ergamuuf eeyyamtee jirti.
Itoophiyaan carraa gabaa bilisaatti gargaaramuuf ragaalee barbaachisoo otoo hin guutin haftee, carraa gabaa bilisaa Chaayinaan bante kanatti dhimma bahuu hin daneenye turte.
Haa ta'u garuu oomishni Itoophiyaa qaraxa malee Chaayinaa akka seenu eeyyamamuusaa Daarektara Kominikeeshinii Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Qaxanaa kan ta'an Qumnagar Iwunatuu BBCtti himan.
Kanaanis omishaaleen Itoophiyaa lakkoofsan 1,600 ta'an qaraxa malee akka ergaman Chaayinaan eeyyamtee jirti.
Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Qaxanaa akka himetti, Chaayinaan eeyyama kana yeroo kennitutti Itoophiyaan addatti waanti akka haalduretti raawwachuu qabdi jettee eerte hin jiru.
Chaayinaan kanaan dura biyyootav 10 qaraxa irraa bilisa omisha isaanii akka ergatan eeyyamteef keessatti Itoophiyaan dabamuu dhabuun gaaffii kaasee ture. Amma garuu Itoophiyaanis carraa biyyoonni kaan argatan argattee jirti.
Oomisha eeyyamame baayyinaan gabaa Chaayinaaf erguun sharafa maallaqa biyya alaa fooyyee qabu argamsiisa.
Kunis dinagdee Itoophiyaaratti gumaacha gaarii akka qabu himu Obbo Qumnagar.
Omishaalen Itoophiyaan gabaa addunyaaf dhiyeessuun beekamtu horii gaanfaa, midhaan dheedhii fi qonnaati.
Duraan Ameerikaan yeroo dheeraaf carraa gabaa bilisaa AGOA (African Growth and Opportunity Act ) jedhamu keessatti Itoophiyaan dabaltee turte.
Haa ta'uu garuu, waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa tureen walqabateen bara darberra kaasee Itoophiyaan carraa gabaa kana dhorkamtee turte.












