Hariiroo Chaayinaafi Itoophiyaa: Dubartii Chaayinaa Beejingitti Afaan Amaaraa barsiistu

Madda suuraa, Zhang Chungai
Maqaanshee Nig Chuungaay jedhamti. Lammii Chaayinaa yoo taatu, isheen garuu walakkaan lammii Ioophiyaati ofiin jettii.
Kun dhiigaan lammummaa Itoophiyaa qabaattee osoo hin taane, afaan Amaaraa waan dandeesseefiidha.
Dubbii keenya itti fufuu jecha 'Chungaa' jedhee waamnaan, lakkii 'Tsadayi' jedhii na waamii jette. ''Tsaday Jaangi jedhama. Beejingitti Yunvarsitii qorannoo Alaa keessatti barsiiftuu Amaariffaati'' jechuun an waliin of barsiifte.
Maqaa Tsaday jedhu kanas kan moggaasaniif barsiiftuu yunvarsitichatti waliin hojjatan Dr Sinqinash Axaal turan.
Maqaan Chaayinaashee 'Chuungaay' yoo ta'u, isa keessaa jechi 'Chu' jedhu sun Amaariffaan Tsaday jechuudha. Sababii kanaatiin Tsaday jedhamte.
''Tsaday Itoophiyaatti maqaa dubartii beekamu ta'u nan beeka. Maqaa kiyyas baayyeen jaaladha,'' jetti.
Afaan Chaayinaa 'Maandaariin' ykn Puutonhaa' jedhamun beekama. Akka waljalaa hindhoofneef ammoo afaan Chaayinaa jennee itti fufna.
Tsaday Amaariffa wayita dubbattu akka afaan ijoolleetti cafaqaa haasofti. Haata'u malee hima caasaa sirrii ta'e dubbatti.
Tsaday beekumsa Amaariffaa muuxannoo qofaan miti kan argatte, barnootaanis deeggarte jirti.
Bara 2009- 2012tti Yunvarsitii Finfinneetti barachuun digrii jalqabaa argattee jirti. Yeroo turmaataa sanatti caalaa beekumsa akka argattee dubbatti.
Haata'u malee sun waan salphaa akka hinturre kaafti. Jechoota tokko tokko cimsaniifi laaffiisuun dubbachu baruuf yeroo akka itti fudhate yaadatti.
Ammatti gaazexaa fi barruulee Amaariffaan barraa'an sirriitti dubbifti. Akkasumas fiilmiifi diraamaa Amaariffaas hordofuun ni doowwatti. Fiilmiiwwan hordofuun ilaalte keessaa filmii 'Made in China' jedhu caalaa akka jaalattu himti.
Tsaday ogbarruu Amaariffaatiif orma miti. Ogbarruuwwan Amaariiffaan barraa'an kan akka Kaadimaas Baashaagar, Maahileet, Xayim Inqu fi kkf akka dubbifte himti.

Madda suuraa, Zhang Chungai
Tsaday maaliif Afaan Amaaraa jaalatte?
Tsaday barsiiftuu ta'u ijoollummaa irraa kaafte jaalalaafi hawwii cimaa akka qabdu dubbatti.
Ogummaan ishee kan akka barsiistuu Afaan Amaaraa taatu ishee kakaasee ammo walitti dhufeenyi Chaayinaa fi Itoophiyaa jidduu yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuusaati.
Chaayinaa keessatti namoonni Amaariffa haalaan barreechanii dubbatan waan hinjirreef qaawwa kana guutuuf jecha barsiisuu eegaluu himti.
Afaan furtuu waliigalteeti kan jettu Tsaday, sababii kanaatiif jecha Amaariffa barsiisuuf fedhii olaanaa akka horatte himti.
''Afaan beekumsa haaraa argachuuf furtuudha. Furtuu kana qabachuunis waa'ee Itoophiyaa sirriitti barachuuf imala eegaleera,'' jetti Tsaday.
Walitti dhufeenya Itiyoo-Chaayinaatiif keessattuu waljijjiirraa aadaa gochuuf abdii akka qabdu himti.
Rakkoon ishee mudate maal ture?
Barsiiftuu Afaan Amaaraa ta'usheetti rakkoolee hedduun ishee mudataniiru. Daree barnoota Afaan Amaaraa sana keessatti Chaayinaatti kan jalqabaa waan ta'eef wanti hunduu isheef haaraadha.
Kitaabooleen qajeelfama barnoota Amaariffaa barraa'an hinjiran. Isheenis yoo taate muxannoo barsiisuu hedduu hinqabdu. Ta'us kunneen duubatti ishee hindeebifne.
Wanti haaraan tokko wayita eegalamuttis rakkoo qofaas osoo hintaane carraallee akka qabaatu kan himtu Tsaday, yunvarsitichatti dareen barnoota sanii erga eegalee kaasee waamichi hojii hedduun akka dhiyaateef dubbatti.
''Dhaabbileen garaa garaa hojjattoonni isaanii lammiilee Chaayinaa ta'aniifi Afaan Amaaraa beekan akka barbaadan fi barattoonnis erga eebbifamaniin booda dhaabbata isaanii keessa hojjachu akka danda'an natti himaniiru,'' jetti Tsaday.
'Ogbarruuwwan Itoophiyaa Afaan Chaayinaatti hiikuun fedha'
Tsaday dandeettiin afaan Amaaraa ishee dagaagfachuuf dursa akka kennitu himti. Amaariffa gufannaa tokko malee dubbachuufi hubachuu barbaaddi.
Kutaa afaanii amma keessatti barsiisaa jirtutti kitaaboolee qajeelfama Afaan Amaaraa Afaan Chaayinaatiin qophaa'e, galmee jechootaa fi kitaabota gargaarsaa kan biraa qopheessuuf karoora qabaachuu dubbatti.
Kana malee ogbarruuwwan Itoophiyaa gara Afaan Chaayinaatti hiikuuf ni yaaddi. Kana gochuun kan yeroo gaafatu ta'ulleen, ''adeemsa keessa aadaa Itoophiyaa Chaayinootaan wal barsiisuuf nan hojjadha'' jetti.
Tsaday wayita ammaa kanatti barattoota gara 12 ta'an Amaariffa barsiisaa kan jirtu yoo ta'u, barattoonni ishees akkasuma erga barataniin booda hojii walfakkaatu hojjachuu akka danda'an yaalii taasisaa jiraachu himti.
Beejiingiitti Imbaasii Itoophiyaa keessatti sadarkaa Ministiraatiin Ittigaafatamaan kutaa dippilomaasii Ummataa Obbo Saamu'eel Fitsumebirihaan, Fulbaanaa bara darbe keessa Beejiingiitti Yunvarsitiin Qorannoo Alaa Afaan Amaaraa digrii jalqabaatiin barsiisuuf akka ta'e BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Chaayinoota hedduu biratti Afaan Amaara barachuuf fedhii dabalaa dhufuusaafi walitti dhufeenyi biyyoota lamaan jidduu jiru cimaa adeemuun isaatiin walqabatee, Amaariffa digrii jalqabaatiin kennuuf murteeffamu dubbatanii ture.
Haaluma kanaanis lammiileen Chaayinaa Afaan Chaayinaa barachuu barbaadan 30 galmaa'uun isaan keessaa kanneen 12 ta'an ammaan tana barnooticha hordofaa jiru.
















