Barnoota: Gadaan akka gosa barnootaatti guutuu Oromiyaatti kennamuu jalqabe

Sirni Gadaa erga hambaa kiliyaa Addunyaa ta'ee UNESCOtti galmaa'ee waggoottan afur ta'eera.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Biiroon Aaadaa fi Turiizimii Oromiyaa aadaan diimokiraasii hambaa addunyaa ta'ee galmaa'e kun akka gosa barnootaatti yoo kenname fedhiin uummataa maal fakkaata kan jedhu qorannoo gaggeessaa turaniiru.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa BBC'tti akka himanitti qorannoo bu'a qabeessummaa waggoota darbe adeemsifameen fedhiin Gadaan akka barsiifamuuf jiru daran olaanaa ture jedhan.
Qophii Kitaabaa
Wixata Mudde 1, 2020 irraa kaasuun barnoonni sirna Gadaa akka gosa barumsaa tokkootti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisan hunda keessatti kennamuu jalqabeera.
Hayyoonni hedduun kan sirna Gadaa irratti qorannoo adeemsisaa turan qophii kitaabaa kanarratti hirmaataniiru. Kitaabni kuni barattoota kutaa 1 hanga 8 jiraniifi kan qophaa'e," jedhan Obbo Efreem.
Hanga ammaattis kitaabni barataa fi qajeelchi barsiisaa miliyoona walakkaa ol ta'u maxxanfamee manneen barnootaatiif rabsamuu eeran.
Kitaabni Gadaa kun duudhaa sirna Gadaa gadi fageenyaan kan barsiisuu fi gulantaalee sirna Gadaa, duudhaawwan Waaqeffannaa akkasumas ga'ee gulantaalee Gadaa sirritti kan hammate ta'uu himan.
"Barnootni Gadaa kun duudhaa sirna Gadaa karaa aadaatiin daddarbaa ture ammayyeesuuf kan gargaarudha. Barattoota beekumsaa fi amala gaarii kan gonfachiisu waan ta'eef jijjiirama biyyaatiif gumaacha guddaa fida" jedhan.

Gara fuula duraattis naannolee Ollaa kanneen fedhii barsiisuu qabanitti babal'isuuf karoorri qabamee jiraachuus himu Obbo Efreem.
"Afaan Oromoo barachuuf fedhiin jiru amma naannolee hedduu biraa dhufaa jira. Akkuma sana karaa fedhii isaanii giddugaleessa godhateen Afaan Oromoos ta'e barnoota sirna Gadaa kana naannolee biraattis kan babal'atu taha" jedhan.
Afaan naannolee ollaa barachuu
Godinaalee Oromiyaa daangaa Naannolee Somaalee fi Affaar jiranitti afaan Somaalee fi Afaan Affaar barsiifamuuf hojiin eegalamuus Obbo Efreem Himaniiru.
Tibba darbe kanas biirooleen barnootaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee akkaataa jiraattonni daangaa afaan walii baratan irratti waliigaltee duraa waliif mallatteessuu himaniiru.
Karoora Kanaan naannoo Somaaleettis Afaan Oromoo ni barsiifama.
"Jiraattonni daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee akkasumas Affaar dhimmoota hawaasummaa waliin qooddatu, Oromooni hedduun gara bahaa jiranimmoo Afaan Somaalees ni fayyadamu. Somaalee keessas afaan Oromoo ni fayyadamu. Kanaaf afaanota kana waliin guddisuuf yaadameeti" jedhan.
Yeroo ammaa kanas koreen akkaataa somaalee keessatti Afaan Oromoo barsiifamu akkasumas Oromiyaa keessatti Af-Somaalii barsiifamuu danda'u qoratu hundaa'ee hojiitti galuus eeran.















