Putiin dhiibbaan warra lixaa akka hin hojjenne mul'isuuf michootasaa walitti qabe

Madda suuraa, Reuters
Namni akka Vilaadmiir Putiin dhiibbaan warra lixaa itti heddummaate hin jiru. Yukireen weerare jedhamee uleen qoqqobbii inni ittiin hin rukutamne hin jiru.
Biyyoonni lixaa diinagdee Raashiyaa addunyaarraa kutuun laamshessuuf irreesaanii tokkoomsanii irratti hojjetaa jiru.
Ammoo hunda caalaa Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) ajaja hidhaa irratti baasuun biyyaa ba'uusaa adamsaa jira.
Putiin grauu dhiibbaan kun hundi isa biratti gatii akka hin qabne akkamiin mul'ise? Ammoo kora addunyaarratti isa guddaa ta'e gaggeessa.
Pirezidant Putiin torbee kana keessa magaalaa Kazan keessatti dureewwan biyyoota 20 caalanii simateera.
Aanga'oonni kunneen kora diinagdee biyyoota guddtaa jiranii jajjabeessu- Bricx summit irratti hirmaachuuf wayita gara Raashiyaa imalanittidha kan isaan Putiin wal argan.
Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinping, Ministirri Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii fi Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan aanga'oota Putiin affeere keessaati.
Mootummaan Raashiyaa kora kanaan ''sagantaa imaammata dhimma alaa fooyyessu isa guddaa,'' jechuun ibseera.
Hundeessitoota dhaabbata gorsaa Micro-Advisory jedhamu keessaa tokko kan ta'e Kiris Wiifar ''ergaan korri kun dabarsu yaaliin Raashiyaa addatti baasuuf taasifamu akka kufedha,'' jedha.
''Raashiyaan qoqqobbii irra tuulame dandamachaa jiraachuu ergaa Kireemlin dabarsaa jirtuudha. Qoqqobbiin Raashiyaarra kaa'ame danuudha. Garuu Raashiyaan sadarkaa kanatti michoota qabdi. Biyyoonni kora kanaaf dhufan hunduu michuuwwan Raashiyaati.''
Michuuwwan Raashiyaa eenyufaadha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Brics jechuun Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa jechuudha. Gareen kun akkaataa olaantummaa gurmaa'ina biyyoota lixaan gituu danda'uun ijaarame.
Ammoo caayaasaa bal'isuun biyyoota akka Masirii, Itoophiyaa, Iraan fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ofitti dabalaniiru.
Sa'uudii Arabiyaanis akka itti makamtuuf affeeramteetti.
Biyyoonni Brics baayyina uummataa adunyaa keessaa dhibbeentaa 45 qooddatu.
Diinagdeen biyyoota miseensa ta'anii yoo walitti ida'amu doolaaraa tiriliyoona 28.5 caala. Kun ammoo diinagdee addunyaa keessaa dhibbeentaa 28 jechuudha.
Aanga'oonni Raashiyaa biyyoonni 30 ta'an biroon garee kanatti makamuun michummaa Raashiyaa cimsuuf fedhii akka qaban ibsu.
Biyyoonni yaada kana qaban gariin kora Brics irratti hirmaatu.
Kazan keessatti torbee kana korri Brics waa'ee diinagdeedhaan addunyaarratti olaantummaa qabaachuu irratti xiyyeeffata.
Pirezidant Vilaadmiir Putiin dhiibbaa warra lixaa dura dhaabbachuuf biyyoota miseensa Brics kunneen of jala oofa.
Kireemlin kora Brics kana akka carraatti fayyadamuun biyyoonni hirmaatan bakka doolaaraa maallaqa biraa fayyadamuurratti akka waliigalaniifi haala kanaan warra lixaa gabaa keessaa akka baasan irratti xiyyeeffatti.
Kanneen yaada kana qeeqan ammoo miseensota Brics gidduutti adda addummaan yaadaa dhalachuu kaasu.
Miseensummaa yeroo ammaa jiru ibsuuf ''wammuu walfakkaataan waan walfakkaataa yaaduu'' jettee ibsuu hin dandeessu jedha Jim Ooniil.
Duraan jaarmiyaa- Goldman Sachs jedhamutti ogeessa diinagdee gameessa kan ture Ooniil, ''Chaayinaa fi Indiyaan waan tokkorratti waliigaluuf baayyee rakkatu. Kun warra lixaaf waan gaariidha. Ammoo sababa isaan garee kana keessa jiraniif Brics dhiibbaa guddaa uuma,'' jedhe.
Biyyoonni Brics wayita miseensa dabalataa deeman garee biyyoota diinagdeen badhaadhanii- G7 jedhamuun beekamaniin waldorgomuun kaayyoosaanii gooroodha.
Biyyoonni G7 kan gareen Brics ittiin morkatu Kanaadaa, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaan, Jappaan, UK fi US.
Brics keessatti adda addummaa yaadaa kan qaban Chaayinaa fi Indiyaa qofa miti. Kanneen boodarra itti dabalaman, Itoophiyaa fi Masrii, gidduus muddama hamaatu jira.
Akkasumas Iraan fi Sa'uudii Arabiyaas Baha Giddugaleessaa keessatti biyyoota walqoollifachuun beekamaniidha.
Raashiyaan garee Brics cimsuun madaallii aangoo fi diinagdee gara baha addunyaatti akka dhufu feeti, Indiyaan ammoo warra lixaa waliin hariiroo siyaasaa fi diinagdee cimsachuu feeti.
Haasaan Pirezidant Putiin magaalaa Kazan keessatti taasisu garaagarummaa kana kan suphuu fi tokkummaa kan itichu ta'a.
Kana gochuudhaan Raashiyaan akka biyyoonni lixaa fedhan biyya moggaatti baafamte akka hin taane fi hawaasa idiladdunyaa jajjaboo ta'an hedduun akka ishee waliin jiran mul'isuuf deemti.












