BRICS: Gareen kun maali, biyyoota kamitu haaraa itti makame?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni afur haaraan garee biyyoota BRICS jedhamutti makamaniiru. BRICS michuu biyyoota guddinarra jiraniiti jedhama.
Diinagdeen biyyoota kanaa dabalaa adeemun gabaa addunyaa keessatti dhiibbaan isaan uumanis guddataa jira.
Biyyoota dhiyeenya BRICS’tti dabalaman keessaa Sa’ud Arabiyaan Amajji 1 irraa kaasee akka ifatti itti dabalamtu eegamus, sababa duras mirkanaa’uu qaba jedhameef harkifateera.
Fedhiin BRICS kanaas biyyoonni guddachaa jiran siyaasa idil-addunyaa keessatti dhiibbaan qabaatan akka dabaludha.
Ofii biyyoonni haaraa miseensa ta’an eenyufaadha?
BRICS bara 2006tti Biraazil, Raashiyaa, Hindiifi Chaayinaa qabachuun kan hundaa'e yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa boodarra itti makamte.
Afrikaa keessaa miseensa jalqabaa kan taate Afrikaa Kibbaa yoo taatu, amma Itoophiyaa fi Masrii Afrikaa irraa itti dabalamanii jiru.
Biyyoonni miseensa BRICS ta'an kunneen baay'ina uummata addunyaa dhibeentaa 40 kan qabatan yoo ta'u, diinagdeen biyyoonni miseensa BRICS ta'an jalqabaa shanan qaban diinagdee addunyaa keessaa harka 26 kan ta'uudha.
Kaayyoon BRICS biyyoota guddataa jiran murteessoo ta’an walitti fiduun siyaasaafi dinagdee biyyoota dureeyyii Ameerikaa Kaabaafi Awuroopaa Lixaa dura dhaabbachuu akka danda’an gochuudha.
Itoophiyaa, Masririi, Iraan, Sa’ud ARabiyaafi Yunaayitid Arab Emiretis (UAE) Amajji 1, 2024 irraa kaasanii miseensa akka ta’an simataman.
Ministeerri mootummaa Sa’ud Arabiyaa Amajji walakkeessarra akka itti hin makamiin jiran himan.
Haata’u malee, isa booda mootummaan Afrikaa Kibbaa miseensummaa Sa’ud Arabiyaa mirkaneesseeera.
Argentiinaanis akka itti makamtu hafeeramtee turte. Garuu pirezidantiin haaraa biyyattii Jaaviir Miliyee akkuma aangoo qabataniin Mudde 2023 keessa keessaa baasan.
Gareen kun ajandaawwan ijoo tarreeffachuun murteewwan kan dabarsu kara wagga isaarrattidha. Biyyoonni miseensa ta’anis wagga waggaan wal jijjiiruun pirezidantii ta’uun tajaajilu.
Maqaan garee kanaa erga miseensota dabalatee maal akka ta’e hin taane, garuu “BRICS +” ta’uu danda’a.

BRICS maaliif murteessaa ta’e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni BRICS biyyoota addunyaarratti humna qaban akka Chaayinaafi Raashiyaa, akkasumas biyyoota ardii keessaa jiran keessatti dhiibbaa guddaa qaban akka Afrikaa Kibbaafi Biraazil dabalata.
BRICS erga miseensa dabalatee bal’atee booda baayyinni uummata biyyoota miseensa ta’anii biliyoona 3.5 ykn baayyina uummata addunyaa %45 ta’a.
Dinagdeen biyyoota miseensa BRICS walumatti dolaara Tiriiliyoona 28,5 ykn dinagdee addunyaa %28 ta’a.
Iraan, Sa’ud Arabiyaafi UAE miseensa ta’uu isaaniitiin biyyoonni BRICS boba’aa addunyaan omishtu keessaa gara %44 qabatu.
Haata’u malee, gareen kun biyyoonni Lixaa jaarmiyaalee addunyaa barbaachisoo ta’an kanneen akka Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa fi Baankii Addunyaa kanneen mootummootaaf maallaqa liqeessan irratti ol’aantummaa qabu jechuun falma.
Diinagdee biyyoota guddachaa jiraniif "sagalee fi bakka bu'ummaa guddaa" arguu barbaada.
Bara 2014tti biyyoonni BRICS bu’uuraalee misoomaa guddisuuf maallaqa liqeessuuf Baankii Misooma Haaraa hundeessan.
BRICS dhuma bara 2022tti pirojektoota daandii haaraa, riqicha, daandii baaburaafi dhiyeessii bishaaniif biyyoota guddachaa jiraniif gara doolaara biiliyoona 32tti dhiyaatu kenneera.
Kun kaayyoo Chaayinaan BRICSf qabdu isa guddaadha, akka Pirof Padaraayig Karmoodii Kollejjii Tiriniitii DUbliin jirurraa irraa dubbatanitti.
"Kara BRICS, Chaayinaan humnaafi dhiibbaashee guddisuuf yaalaa jirti - keessumaa Afrikaa keessatti," jedhan. "Kibba addunyaatiif sagalee adda duree ta'uu barbaaddi."
Humni addunyaa guddaan garee kana keessa jiru inni biraan kaayyoo adda ta’e qaba:
“Raashiyaan [BRICS] akka qaama lola warra LIxaarratti gootutti ilaalti, qoqqobbii weerara Yukireen booda irra kaa’ame akka mo’attuuf ishee gargaara,” jedha Kirehoon Baalter dhaabbata qorannoo Landan keessa jiru Chaatam Hawus jedhamurraa.
Iraan miseensummaan dabalachuun ammoo farrummaan BRICS warra Lixaaf qabu akka dabaluu danda'u taasisa jedhama.
Maallaqni BRICS doolaara bakka bu'aa?
Biyyoonni yeroo baayyee doolaara Ameerikaa fayyadamuun waliin daldalu.
Olaantummaa dolaarri qabu hir’isuudhaaf namoonni siyaasaa adda duree Biraazil fi Raashiyaa maallaqa BRICS uumuuf yaada dhiyeessaniiru. Haata'u malee, kun yaa'ii garee kanaa bara 2023 irratti hin mari'atamne.
Biyyoonni BRICS dinagdeen isaanii baayyee adda waan ta'eef maallaqa waloo uumuun qabatamaa hin ta'u jedhu Piroofeesar Kaarmoodii.
Haata'u malee, "gara fuulduraatti maallaqa haaraa kaffaltii daldala idil-addunyaatiif oolu tokko tokko, ykn maallaqa Kirpitoo-kaarensii daldala idil-addunyaatiif oolu uumuuf yaaduu danda'u," jedha.
BRICS dorgomaa G20tii?
Gareen G20 bara 1999 keessa biyyoota guddataniifi guddachaa jiraniin kan hundeeffame yoo ta’u, dhimmoota addunyaa irratti mari’ata.
Haata'u malee, gareen BRICS biyyoota G20 keessa jiran hedduus of keessaa qaba.
Gara fuulduraattis waliin hojjechuu danda'u jedhu Dr Ireen Miyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa irraa.
"Walta'uun biyyoota guddachaa jiraniif jijjiirama qilleensaa ittisuuf maallaqa dabalataa dhiibaa gochuu danda'u," jedhu.
Raashiyaan 2024 tti attamiin pirezidaantummaa BRICS'itti fayyadamti?
Raashiyaan walga’ii BRICS bara 20024 Onkoloolessa keessa Kaazanitti gaggeeffamu ni keessummeessiti.
Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin akka jedhanitti:
• gahee BRICS sirna faayinaansii idil-addunyaa keessatti qabu guddisuu
• tumsa baankota gidduutti uumuufi itti fayyadama maallaqa BRICS babal’isuu
• tumsa abbootii taayitaa gibiraafi gumurukaa gidduu jiru ni jajjabeessa
"BRICSs waliin, Raashiyaan Yukireen weeraruu isheetiin alatti, ammallee addunyaa guutuu keessatti hiriyyootaafi michoota akka qabdu warra Lixaatti agarsiisuu barbaaddi," jedhu Dr Miyaan.












