Turkiin garee Itoophiyaan keessa jirtu, BRICS, maaliif seenuu barbaadde?

Akka xinxalaan jedhanitti, Turkiin yoo BRICS seente biyya jalqabaa miseensa NATO taate taati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka xinxalaan jedhanitti, Turkiin yoo BRICS seente biyya jalqabaa miseensa NATO taate taati

''Turkiin gareewwan barbaachisoo ta’an hunda keessatti akka seentu pirezidantiin keenya ifatti ibsaniiru,'' jedhan dubbii himaan paartii Rasiiph Xayyib Erdogaan.

Biyyattiin ifatti garee BRICS seenuuf iyyachuu ishee mirkaneessuu hin barbaanne. Ammoo ''adeemsarra jira'' jedhan.

Miseensonni BRICS kan Itoophiyaan miseensa itti taate Onkoloolessa 22-24 magaalaa Raashiyaa Kaazaanitti miseensa haaraa fudhachuurratti mari’atu.

Turkiin BRICS yoo seentewoo?

Yoo Turkiin dhuguma akka seentu affeerraan taasifameef jiraate biyya jalqabaa miseensa NATO garee miseensota biyyoota Lixaa hin taane seente taati.

Sababni isaa BRICS Raashiyaafi Chaayinaan hogganama.

''Akkan yaadutti waan guddaadha, Turkiifi BRICS qofaaf miti NATO fi biyyoota Lixaafillee,'' jedhu hariiroo Turkiifi Raashiyaa kan xinxalan Keerim Haas.

Turkiin waan rakkoo dinagdee ishee qunnamaa jiruuf invastimantii alaa barbaaddi, hariiroo ishees bal’ifachuu qabdi jedhu.

''Dinagdeen Turkii yoo kufe, baankota Awurooppaaf miidhaa qaba. Sababni isaa dinagdeen Turkii gara caalu isaanirratti hundaa’e,'' jedhan.

Akka Manni Maree Gamtaa Awurooppaa jedhutti, daldala Turkii keessaa 31.8% Gamtaa Awurooppaa waliin taasifama.

Bara 2022, daldalli Gamtaa Awurooppaafi Turkii yuuroo biiliyoona 200 gaheera.

Sababa kanattidha waraana Yukireen booda biyyoonni Lixaa Raashiyaa yeroo qoqqoban Turkiin qoqqobuu dhiisuushee akka waan hin agarre kan callisaniin jechuun falmu.

''Biyyoonni Lixaa Turkiin hariiroo dinagdee Raashiyaa fi biyyoota BRICS biroo waliin tolfachuu ishee kan obsaniif,'' jedhu.

Gama kaaniin, Turkiin BRICS yoo seente qoodi ishee tokko yaada farra warra Lixaa garicha keessa dhagahamu xiqqeessuudha jechuun himu.

''Akka US fi UK’n ilaalanitti Turkiin BRICS keessa seenuun qoodni ishee garicha garee biyyoota lixaa hin taane akka farra-Biyya Lixaatti hin jijjiiramne taasisuudha.''

Turkiin maaliif BRICS'tti fulleeffatte?

Waggoota 20 olif aangoorra kan jiran pirezidant Erdogaan, Turkiin miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’uf sochiin eegale saffisuu dhabuu isaan yaaddoo qabu.

Sababa kanatti Turkiin hariiroo ishii biyyoota warra Bahaa fi Lixaa waliin ''erga takkaa'' cimsachuu qabdi jedhanii dubbataa turan.

Hunduuf ''haala gaarii'' ta’en hariiroo tolfachuun barbaachisa jedhan.

Bara 2022, daldala biyyootaa waliin Turkiin qabdu keessaa 11% kan Raashiyaa waliin qabdudha. Kan Chaayinaa waliin qabdummoo 7.2%.

Turkiin BRICS akka seentu Raashiyaan barbaaddi, haalaan ni deeggartis jedhu xinxalaan dubbisne.

''Raashiyaan dura aantummaan waraana Yukireen keessa adeemsiftu itti fufsiisuuf dinagdee ishee tasgabbeessuu barbaaddi.

''Kunis, sababa qoqqobbii biyyoota Lixaan dinagdeen ishee akka hin hubamne gochuufi,'' jedhu.

Itoophiyaa dabalatee booda kana Iraan, Masrii, akkasumas UAE miseensa BRICS ta'aniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa dabalatee booda kana Iraan, Masrii, akkasumas UAE miseensa BRICS ta'aniiru

''Sababa kanaaf Moskoon yeroo hunda Turkii ofitti dhiheessuu barbaaddi. Annisaatii eegalee hanga turizimiitti hariiroo hedduu waliin qabu.

''[Akkasumas] Moskoof biyya miseensa NATO taate waliin hariiroo waloo tolfachuu akka dandeessu agarsiisuun gaarii ta’a,'' jechuun himu.

Xinxalaan biraa BBC’n dhaabbata Wilson Centre jedhamuufi US buufata taasifateerraa dubbise, Yuusuf Kaan, Turkiin BRICS dhaquun hariiroo jijjiiruutti ilaalamuu hin qabu jedhu.

''NATO’n michuu gartuu akkanaa keessa seentu qabaachuu isaan fayyadamuu danda’a,'' jechuun himu.

Dinagdee Turkii rakkoo seene

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Turkiin dinagdeen ishee rakkoo waan seenef, akkasumas invastimantii alaafi liqaarratti kan hundaa’e waan ta’ef siyaasa idil-addunyaa bitaas mirgattis osoo hin caalsisin hirmaataa jirti.

Akka ragaa IMF 2023’tti Turkiin addunyaa keessatti dinagdee guddaa qabaachuun sadarkaa 17ffaarratti argamti.

Qorannoon dhihoo biyyattii keessatti taasifame qaala’insi jireenyaa lammiilee Turkiitti jabaateera.

Pirezidant Erdogaan baankii giddugalaa biyyattiirratti dhiibbaa cimsaniiru. Hammi dhalaa akka xiqqaatus dirqaa turan.

Akka yaada isaaniitti, rakkoon ijoo dhaladha, qaala’insis sababa kanaaf dhufe.

Waggaa darbe keessa garuu imaammata dinagdee isaanii jijjiiraniiru.

Fakkeenyaaf boordiin Baankii Biyyaalessaa Turkii ji’a sagala keessatti dhala 8.5% irraa 50%’tti ol guddise.

Ministeerri Maallaqaa biyyattii murteen haaraa hojjetaa akka jiruufi yeroon qaala’insa gatii ''darbeera'' jedhanis, baay’een ni shakku.

''Qaala’iinsi gatii xiqqaatuun qaala’iinsi jireenyaa xiqqaate jechuu miti,'' jedhu Barliin School of Economic & Law irraa Dr. Umit Akaay.

Turkiin gurmuu dinagdee biyyoota Lixaa hin taanetti taasistu yoo milkaa’e, dinagdee ishee tasgabbeessa.

Haa ta’u malee, sababni ijoo Turkiin BRICS seenuu barbaaddef siyaasaafisi.

Kunis, tarsiimoo imaammata alaa Pirezidant Erdogaan 360 jedhamu kan cimsee mul’isudha.

BRICS dorgomaa G20tii?

Gareen G20 bara 1999 keessa biyyoota guddataniifi guddachaa jiraniin kan hundeeffame yoo ta’u, dhimmoota addunyaa irratti mari’ata.

Haata'u malee, gareen BRICS biyyoota G20 keessa jiran hedduus of keessaa qaba.

Gara fuulduraattis waliin hojjechuu danda'u jedhu Dr Ireen Miyaa Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa irraa.

"Walta'uun biyyoota guddachaa jiraniif jijjiirama qilleensaa ittisuuf maallaqa dabalataa dhiibbaa gochuu danda'u," jedhu.

BRICS maal hojjeta?

Gurmuun dinagdee kuni jalqaba bara 2006’tti maqaa BRIC jedhuun Biraazil, Raashiyaa, Hindii fi Chaayinaan hundaa’e.

Bara 2010’tti Afrikaa Kibbaa ofitti dabalee maqaa isaa BRICS’tti jijjiire.

Kaayyoon ijoo garee kanaa biyyoota ijoo addunyaa guddataa jiran walitti fiduudha.

Akkasumas dhiibbaa dinagdeefi siyaasaa biyyoota badhaadhan kan akka Kaaba Ameerikaafi Lixa Auroppaa qolachuudha.

Waggoota dhihoommoo Itoophiyaa dabalatee Iraan, Masrii, akkasumas UAE miseensa godhateera.

Sa'udi Arabiyaan seenuuf yaadaa jirti, Azarbaajaan immoo miseensa ta’uf iyyatteetti.

Akka gabaasni Biluumbarg agarsiisutti, Turkiinis baatii muraasa dura miseensa BRICS ta’uf ifatti iyyatteetti.

Pirezidant Erdogaan bara 2018 eegalee dhaabbata kana keessa seenuuf fedhii qaban ibsaa akka turan ni yaadatama.