Ayyaana Du'aa Ka'uu ykn Faasikaa: Maaliif lama ta'e, biyyoota Arabaatti akkamiin kabajama?

Madda suuraa, Reuters
Ayyaanni Du'aa Ka'uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoos yookiin Faasikaa Itoophiyaatti hordoftoota Kiristaanaa hunda biratti guyyaa Dilbataa kabajama.
Keessumaa hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti yeroon kuni soomanni baatii lama ture itti hiikamudha.
Ayyaanni kuni guyyaa guddaafi Kiristaanonni kaan kabajanii torban tokko booda kabajamudha. Kanaafis, Orthodox Easter (Ayyaana Du'aa Ka'u Kiristaanota Ortodoksii) jedhamuun beekama.
Guyyaa kana Kiristaanonni Ortodoksii biyyoota Giddugala Bahaa, Awuroppaa, fi Afrikaa keessa argamaniifi miiliyoonaan lakkaa'aman ayyaana kana kabajuuf walgahu.
Itoophiyaa keessas ayyaanichi ho'inaan kan kabajama. Taateewwan ayyaanaafi aadaan kan dabaalamedhas. Nyaatiifi dhugaatiinis bal'inaan ni qophaa'a. Ollaafi firriis waliin dabarsa.
Gabaasni kuni sababa biyyoonni ayyaana kana yeroo garagaraatti kabajatan, maalummaa Ayyaana Du'aa Ka'uu Ortodoksii (Orthodox Easter), akkaataa biyyoota Arabaatti kabajamuufi kaan hima.
Ayyaanni Faasikaa addunyaa maaliif lama ta'e?
Ayyaanichi tokkuma. Haa ta'u malee, biyyoonni addunyaa yeroo adda addaa lamatti kabaju. Garaagarteen kuni kalandarii (dhaha) Juuliyaaniifi Girigoriyaan fayyadamuurraa madda.
''Haala lakkoofsa baraarraan kan hafe,'' sababa biraa hin qabu jechuun ibsu Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa, Sadarkaa Teessoo Paatriyaarkiitti miseensa hayyootaa kan ta'an Luba Badhaasaa Tolaa.
Manneen amantaa Ortodoksii kanneen akka Girikii, Qophiroos, Fi Romaaniyaa guyyaa Ayyaana Du'aa Ka'u dhaha Juliyaanirratti kaa'u.
Kaalandariin Juuliyaan Dhaloota Kiristoos Dura (DHKD) 45'tti Juuliyes Qeesaariin tolfame. Kunis waggaan tokko hanga aduun dachee naanna'uf itti fudhatu bu'uura godhun kan shallagamedha.
Kaalandariin Girigoriyaan immoo Phaaphasii Girigoriin bara 1582 tolfame. Kunis, astironomii bu'uura godhachuuni.
Waggaatti baatiiwwan 13 kan qabdu Itoophiyaan dhaha yookiin Kaalandarii adda ta'e qabdi.
Ayyaanni Du'aa Ka'uu maaliif kabajama?
Ayyaanni kuni Du'aa Ka'u Gooftaa Iyyasuus Kiristoos yaadachuuf kabajama. Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ayyaana guddaadha.
Hordoftoota Ortodoksii biratti ayyaanni kuni soomana torban saddeetiif yookiin ji'a lama booda kabajama. Luba Badhaasaa Tolaa sababa soomana kanaa akkanaan ibsu.
''Humna Waaqayyoo argachuuf, cubbuu keenya Waaqayyoon kadhannee dhiifama argachuuf, diina keenya seexana mo'uudhaaf humna ykn ayyaana Waaqayyoo argachuudhaaf soomna,'' jechuun ibsu.
''Innimmoo Waaqadha, cubbuu hin qabu. Ilaa ani soomeera isiniis soomaa jedhee fakkeenya nuuf ta'uudhaaf kan inni kana godhe..''
Soomiin yookiin lagannaan nyaataa guyyaa Wiixataa kan eegalu yoo ta'u torban saddeet booda ayyaanni Dilbatarra oola.
Yeroo soomana kana foon, dhadhaa, hanqaaquufi kaan bu'aalee horii ta'an ni dhorkamu. Midhaan dheedhii, kuduraafi muduraa qofatu eeyyamama.
Akkaataa seera Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti torban saddeettanuu maqaa ofii qabu. Torban xumuraa 'Torban Dhukkubbii' jedhama.
''Dhukkuba keenya, badii keenya, adabbii nurra gahuun irra ture, beenyaa nuu kaffaluudhaaf torban kana keessa Waaqayyoon Gooftaan keenya torbee dhukkubbii isaatii yaadannudha,'' jechuun himu.
Yeroo sooma guddaa kana seerri mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa meeshaawwan afuuraa kanneen akka dibbee, shak shakii [tsinaatsila] fa'i dhorka. Kanaaf, Baganaan fa'i bal'inaan caqafama.
'Ortodoksii obbolaa'
Itoophiyaan Phaaphasii ofii osoo muuduu hin eegaliin dura yeroo dheeraaf Phaaphasiin Masriirraa muudamaaf ture.
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaan ala Manneen Kiristaanaa 'obbolaa' kan jedhaman jiru.
Luba Badhaasaa Tolaa kunneen ''Qanoonaadhaafi doogmaadhaan kan wal fakkaatanidha,'' jedhu.
Fakkeenyaaf kanneen akka Armeeniyaa, Hindii, Sooriyaa, Masrii, Itoophiyaafi Ertiraan Mana Kiristaanaa Ortodoksii obbolaa jedhamu jechuun ibsu.
Araboota Ortodoksii kabajan?
Biyyoota Arabaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii keessatti argaman keessaa tokko Masriidha.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Masrii keessa manni amantaa Ortodoksii Koptikii (Coptic Orthodox Church) waggaa dheeraa lakkoofsisteetti.
''Isaan amma Qiddaaseen isaanii, haalli galata isaanii, kadhannaa isaaniillee Afaan Arabaati,'' jedhu Lubi Badhaasaa.
Manni amantaa Koptikii Ortodoksii Masrii keessa mana kiristaanaa ijoodha, US fi UK dabalatee manneen kiristaanaafi hordoftoota hedduu qabdi.
Manni Kiristaanaa ortodoksii Tawaahidoollee Dubaay, Sa'udi Arabiyaa, Ameerikaa, fi kaan hedduutti mannee kiristaanaa hundeessiteetti.
''Biyya Gibtsittis akkasuma ni jira Phaaphasii Itoophiyaan kan bulu. Akka heera seera biyya sanaatti ayyamameefii ayyaana kan ayyaanessan ni jiru.''
''Gibtsii duwwaa osoo hin ta'in Sa'udi Arabiyaas, biyya Kuweet kanas Fannoon bakkeetti bahee gubbee isheerratti, taa'aafi keessatti maxxanfama. Eeyyamni ni kennamaafi,'' jechuun ibsu.
Manni Kiristaanaa Koptikii Ortodoksii Masriis biyyoota Arabaa kaanitti dabalatee biyyoota hedduutti manneen amantaa qabdi.
''Kan Gibtsis yoo ilaalle lakkoofsi isaanii xiqqaadha. Garuu Ortodoksiin Gibtsii keessa jiranii Ortodoksummaa isaaniitti baay'ee jabaatoodha,'' jechuun ibsu Luba Badhaasaan.
Hordoftoonni Ortodoksii Masrii ummata biyyattii keessaa miiliyoona jaha - kudha tokko tilmamamu. Haa ta'u malee, hacuuccaan nurra gaha jechuun himatu.
Kanaan achi, hordoftonni Kirisitaanaa Ortodoksii Turkii, Sooriyaa, Israa'el, Romaaniyaa, Bulgaariyaafi kaan hedduuttis argamu. Kunneenis, kan biyyoonni Lixaa kaan kabajanirraa guyyaa addatti kabaju.

Madda suuraa, EPA
Akka qorannoo Giddugali Qorannoo Pew bara 2017 taasisetti, hordoftoonni Kiristaana Ortodoksii addunyaa hedduun kan itti argaman Raashiyaa, Itoophiyaa, fi Yukireen fa'idha.
Biyyoota Awurooppaa keessa keessumaa hordoftoonni Ortodoksii Bahaafi Giddugala Awuroppaatti argamu.
Akkaataa biyyoonni soomana itti hiikan
Biyyoota garagaraatti akkuma aadaa isaanitti soorati ittiin sooma hiikanis gargari.
Giriikiitti sooma shorbaa Magiritsa jedhamuun hiiku. Soorati bifa dhangala'aan qophaa'u kuni foon hoolaa, ruuziifi biqiltuu 'dill' jedhamuun miidhagee qophaa'a.
Maatiin Ortodoksii Sarbiyaa immoo nyaata kanneen foon ibiddaan waxalame, akka baaduu furdaa, hanqaaquu affeelame, fi wayinii diimaan hiiku.
Kiristaanonni Ortodoksii Raashiyaammo soomana kan hiikan keekii Paskha jedhamuufi bifa aadaan qophaa'uni.
Aadaa ummata Oromoo keessa mulluu affeeluun alatti, guyyoota ayyaanaa dura adamoonis baratamaadha.
''Abalu akkasittin foon nu nyaachise sooma nu hiiksise jedhee hawaasi ni dubbata. Qurupheefi bosonuu kan adamsan ni jiru. Kunis, ayyaana ittiin ooluufi,'' jedhu Lubi kuni.
Manneen kiristaanaa Lixaatti hanqaaquun fakkeenya du'aa ka'uufi jireenya haaraatti fakkeeffama.

Madda suuraa, Getty Images
Hanqaaquun Itoophiyaa keessattis nyaata soomana itti hiikan keessa jira. Keesumaa ittoon hindaaqqoo yookiin lukkuun qophaa'u beekamaadha. Halkan ka'anii hiikunis akkasuma.
Ittoo biratti itittuu, akkasumas kaan baratamaadha. Bulee isaa hoolaa qaluu, yookiin sangaa qaluun qircaa hirachuunis waanuma aadeffame.
Akkasumas ayyaana booda guyyoota walitti aananiif ollaan firri ciree, laaqana darbees irbaata dabareen wal waamun ni jira.
Ogeeyyiin soorataa soomana dheeraa booda nyaata cooma qabu of eeggannoon akka nyaatamu gorsu.
Ayyaana Gaarii!

















