Amantaa Ortodoksii: Baganaa, meeshaa galataa sagalee 'mararoo' qabu, Waaqa ittiin galateeffatan

Madda suuraa, Amensisa Negera/BBC
Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti meeshaalee afuuraa Waaqayyoo galateeffachuuf oolan keessa tokko Baganaadha.
Keessumaa meeshaan galataa kuni yeroo soomana guddaa [Faasikaa] bal'inaan hojiirra oola.
''Baganaan meeshaa muuziqaa keessatti hin ramadamu. Sababni isaas Baganaa jechuun afaan Gi'iziin faarfannaa jechuudha,'' jechuun ibsu Faarfataa Ijoo Getaachaw Birhaanu.
''Meeshaa Waaqayyoo qofa galateeffachuuf ooludha.''
Sagalee 'addaa, mararoo' qaba
Yeroo sooma guddaa kana seerri mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa meeshaawwan afuuraa kanneen akka dibbee, shak shakii [tsinaatsila] fa'i dhorka jechuun himu Diyaaqon Masfiin Geetuu.
''Dibbee rukutuun akka waan missiraachoo himudha. Yeroon kunimmoo sooma Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos cubbuufi badii ilma namaatif jedhee soomedha.
''Osoo cubbuu hin qabaatiin cubbuu keenyaaf jecha kan hunda itti arge waan ta'ef yerootti missiraachoo himnu osoo hin taane yerootti Waaqayyoo itti yaadannudha,'' jechuun ibsu.
''Yeroo sooma kana keessatti faaruu gaabbii fi faaruu galataa qofa faarfanna.''
Yeroo soomana kana meeshaalee dibbeefi tsinaatsila ala harka rukuchuun gataleeffachuunillee dhorkaadha.
Haa ta'u malee, kiraara yookiin masinqoon Waaqayyoo galateeffachuun akka eeyyamamu himu.
Kana jechuun Baganaan yeroo daanga'e qaba jechuudhaa gaaffii qabu BBC irraa dhihaateef kana deebisan. ''Baganaan yeroo daanga'e hin qabu,'' jedhan.
Kana jechuun garuu yeroo biraa meeshaa afuuraa kanaan Waaqayyoo galateeffachuun hin danda'amu jechuu miti jedhu.
''Baganaan sagalee addaa, sagalee mararfataa qaba. Sagaleen mararfataa kunimmoo gadda ibsachuuf, yookiin kadhannaaf kan ooludha.
''Sooma kana keessammoo yeroo foon keenya dadhabsiifnee lubbuu keenyaaf Waaqayyoo dhiifama itti gaafannu, akkasumas kadhannudha.
''Yeroo gammachuu hir'isnee gadi of qabnee Waaqayyoo itti kadhannu waan ta'eef yeroo sooma guddaa kana Baganaan bal'inaan itti fayyadamna,'' jechuun ibsan.
Ribuun kudhan maal bakka bu'a?
Hojjaan Baganaa tokko 1.20m - 1.50m ta'us kanarra dheerachuus ta'e gabaabbachuu danda'a. Haa ta'u malee, ribuuwwan isaa kudhanii gadiis ta'e ol ta'uu hin danda'u jedhu hooggantoonni amantichaa.
''Baganaan ribuu kudhan qaba. Ribuun kurnan kunneen sagalee yookiin ajajá [abboommii] Waaqayyoo kurnan kan bakka bu'udha.''
Taa'aniis dhaabbataniis ni taphatama. Baganaa barachuuf umriifi koornayaan hin daangessu.
Waa'ee Baganaa barnoota ijoo barachuuf sa'aatii 120 yookiin ji'a jahaan xumuruun danda'ama.
Maalirraa qophaa'a?
Faarfattuu Mulunash Fissahaa gama ishiin Baganaan kan ''Waaqayyoofi qulqulloota Waaqayyoo itti galateeffannudha,'' jechuun ibsiti.
''Baganaan mukkeen Ejersa, birbirsaafi Waddeessarraa hojjetama. Ribuun isaammoo mar'ummaan hoolaarraa hojjetama.''
''Baganaan meeshaa qofaa isaatti taphatamudha. Qofaa isaa rukutama. Kan bareedus gaafa qofaa isaa rukutamudha,'' jedhu Farfataa Ijoo Getaachaw immoo.
Gogaa sanduuqa uffatummoo gogaa sangaa yookiin sa'aa irraa qophaa'a.
Sanduuqni sagaleen keessaa dhagahamu ''duudaa ta'uu qaba'' jechuun gorsu. Farfataan kuni sagalee Baganaa bakka sadiitti qoodu; Gi'izii, Iizil fi Araaraay.
Achii dhuftee?
''Jalqabbiin isaa dhaloota Addaamirraa shanaffaa haa ta'u malee yeroo sana gadda qofa ibsachuudhaaf kan itti fayyadamanidha. Bal'inaan kan beekamu garuu faarfataa Daawwitiini,'' jedhu Diyaaqon Masfiin.
Kunneenis Macaafa Qulqulluu Seera Uumaa Boqonnaa afur lakkoofsa 19 - 24 irratti eeramuu ibsu.
''Daawwit Faaruu isaa keessatti iddoo kudhanii olitti ribuu kudhan kan qabuun Waaqayyoo Baganaadhaan galateeffadhaa jedhee baay'ee ibseera.
''Waaqayyoo galateeffachuudhaaf, gaabbii ittiin galuudhaaf,'' jechuun himan.
Meeshaan galataa kuni gara Itoophiyaa kan seene bara mootittii Saabaa [Queen of Sheba] jedhamee amanama jechuun ibsu.
Jechi Baganaa jedhu jecha Afaan Gi'iziiti kan jedhu himu. Gi'iziidhaan ''Baggana'' jechuun 'rukute, ribuu walirra kaa'uu, yookiin sagalee dhageechisuu'' jennee hiikuu dandeenya jechuun himu.
















