KMNI tibba filannootti dhimmoota mirga namoomaa akka hin taajjabne dhorkame

Madda suuraa, DANIEL/NEBE
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) tibba filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Wiixata dhufu gaggeeffamuutti dhimmoota mirga namoomaa taajjabuuf iyyata galfatulle Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaafii isaaaa akka hin fudhanne beeksiseera.
Filannoo Waxabajji 21,2021 gaggeeffamutti dhimmoota mirga namoomaa taajjabuun hojii isaa keessaa tokko tahuu kan himu Komishinichi, qaamoolee filannicha akka taajjabaniif hayyamameef keessatti akka hin hammatane ibsuun, taajjabuu hin anda'u jedhamuu ibseera.
Xalayaa BBCn maddeen amanamoo irraa argate seera filannoo fooyya'ee bahe caqasuun, ''Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa; hojii taajjabbii, hojii gaazexeesummaa yookaan bakka bu'aa paartii siyaasaafi kaadhimamaa dhuunfaa filannicha irratti hirmaatu waan hin qabneef, Boordichis waraqaa hayyamaa akka kennuuf bu'uurri seeraa waan hin jirreef, gaafficha keessumeessuu hin dandeenye,'' jechuun ibseera.
Waxabajji 7/2013 .A.L.Itti xalayaan barraa'ee miseensa Boordichaa kan tahan Obbo Wuubishet Ayyelee Geexeen kan mallattaa'e yoo tahu, labsii filannoo keewwata 123 caqasuun namoota eeyyamameefiif kaardiin darbinsaa akka kennamu ibsa.
Itti dabaluun keewwata 48 caqasuun, koree filannoo raawwachiistotaa, paartilee siyaasaafi bakka bu'oota kaadhimamtoota dhuunfaa, miseensa koree komii dhageessuufi taajjabdoota eeyyamni kennameefiin ala mooraa buufata filannoo keessatti argamuun akka hin danda'amne himeera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa walitti qabduu boordii filannoof Waxabajji 8/2013, murtichi sirrii miti jechuun komii isaa barreessera.
Labsii Komishinichaa fooyya'e keessatti hojiin kennameef tokko filannoo taajjabuu kan jedhu akka jiru ibsuun hubachiisan.
Boordichis xalayaa kana ilaalchisee labsiin komishinichaa fooyya'e waktii filannootti komishinichi kabaja mirga namoomaa ilaalchisee hordoffii gochuu akka danda'u aangoo akka kennuuf hubachuu ibse.
Haatahu malee, hojii filannoo taajjabuu ilaalchisee buufata filannoo keessa akka galuuf kaardiin darbinsaa yookaan eeyyamaa akka kennamuuf labsichi hin ibsu jedheera.
Xalayaan Daani'eel Baqqalaan (PhD) barraa'e fuula lama qabu qabxiilee kudhan ibse keessatti lammaffaa irra kan jiru, '' Komishinichi itti gaafatamummaa isaa kan bahatu buufataalee filannoo keessatti argamuun'' tahuu himuun, ''akka fakkeenyaatti buufataaleen filannoo qaama miidhamtootaa kan hammatan tahuu mirkaneessuuf buufatalee filannoo keessatti argamuun mirkaneessuu qabna,'' jedha.
Itti dabaluun filannoo idil-adunyaa irratti hojiin hordoffii mirgoota namoomaa waan barame tahuu kan ibsu xalayichi, kunis dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyaalessaa kan hirmaachisedha jedhe.
''Boordichis hojii hordoffii mirgoota namoomaa komishinichaa deeggaruu, gargaaruu,fi jajjabeessun hojii isarraa eegamudha,'' jechuun xalayaa komishinerichi barreessan ni ibsa.Akkasumas kana dura yeroo riferendamiin uummataan gaggeeffamaa turetti hojjettotni komishinichaa baajiin kennameef adeemsicha hordofaa turuu isaanii yaadachiiseera.
Akkasumas '' adeemsi filannoo maalummaa mirgoota namoomaa hedduuti kan jedhu komishinichi, adeemsi mirgootni namoomaa itti kabajaman waan taheef hordofee mirkaneeffachuun qaba,'' jedhe.
Akkaataa bu'uura labsii komishinichaan namni kamiyyuu hojii komishinichaaf deeggarsa barbaachisu kennuuf dirqama akka qabu yaada keessa galchuun boordichi gaaffii isaa simachuu akka qabu gaafateera.
Hogganaan Qunnamtii Uummataa Komishinii Murgoota Namoomaa Itoophiyaa Aaroon maashoo,komishinichi, boordii filannoo waliin dubbacahaa akka jiran beeka jedhee xalayaalee kannen irartti yaada kennuu irraa garuu of qusateera.
Haa tahu malee filannoo kana gama kabaja mirgoota namoomaan kan fooyya'e akka tahuuf hojii baay'ee hojjechaa akka turan himuun guyyaa filannoo irras hojiileen hojjetamuuf karoorfaman akka jiran himeera.
Dhimma kana mirkaneeffachuuf BBC'n boordii filannoof bilbilus yeroodhaaf hin milkoofne. Filannoon Itoophiyaa gaggeefamuuf guyyootni afur kan hafan yoo tahu, filannicha taajjabuuf biyya keessaafi alaa namootni akkabobba'an himameera.


















