'Filannoon Itoophiyaan dhiheenya gaggeessite lammii hundaaf bilisaafi haqa-qabeessa hin turre' - Ameerikaan

Antonii Bilinken - ministeera haajaa alaa Ameerikaa

Madda suuraa, Reuters

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa Jimaata baaseen, filannoon Itoophiyaan Waxabajji 21, 2021 gaggeessite wayita biyyattiin rakkoo nageenyaa jabaa keessa jirtu, wayita walitti bu’iinsi sabaafi hawaasa jidduutti dabalaa jirutti ture jechuun, adeemsi filannichaa lammilee hundaaf haqa-qabeessaafi bilisa hin turre jedhe.

Ibsi kun, Ameerikaan filannoo paartilee siyaasa hunda hirmaachise Itoophiyaa gara diimokiraasitti ceesisu jajjabeessiti jedheera.

Lammilee Itoophiyaa mirga filachuu isaaniitti dhimmi bahan ni jajjabeessina kan jedhan US Isteet Sakreetarii Antoonii Bilinken, haata’u malee filannoon qofaa isaatti agarsiiftuu diimokiraasii miti jedhan.

Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni addunyaa 10 ol ta’anis filannoo Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa waloo baasaniiru.

Filannichi kan gaggeeffame paartileen morkattootaa yeroo hidhamanii jiranitti, ogeessonni sabaa himaalee yeroo dhiibbaan irra gahaa jiruttiifi paartileen siyaasa bilisaan duula gaggeeffachuu yeroo dadhabanitti jedha ibsi kun.

MM Abiy Ahimad dabalatee qondaalonni mootummaa Itoophiyaa garuu filannoon kun seenaa Itoophiyaa keessatti filannoo isa haqa-qabeessaafi bilisaa jalqabaati jedhu.

Ibsi imbaasiiwwan Finfinnee keessa jiran kan akka Jarman, UK fi Kanaadaa dabalate kun, filannichi haala qormaata qabuufi rakkisaa ta'e keessatti gaggeeffamuufi Itoophiyaa bakkawwan hedduu rakkoon nageenyaa yaaddessaa keessa wayita jiruttidha jedha.

"Filannoon qophaa isaa jijjiirama dimokiraasii hin fidu. Rakkooleen siyaasaa amma mudachaa jiranis hin hiiku," kan jedhu ibsi biyyoota kanneeni, mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon marii biyyaalessaa bal'aa hiika qabu gaggeeffamuu isaa akka mirkaneessaniifi furmaata naga qabeessa ta'eef murannoo akka qabaataniif gaafateera.

Paartileen moormituu filannoo keessaa bahuu, hogganoonni paartilee mormituu jajjaboon hidhamuu, biyyattii keessatti iddoo hedduu hokkorri baay’achuun kan eere ibsi Antoonii Blinken, rakkooleen kunneen biyyattii keessatti waliigalteen biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu agarsiisu jedhe.

Mariin akka jiraatu, walitti bu’iinsi akka furamuufi araarri akka bu’u Ameerikaan Itoophiyaa deeggaruuf qophiidhas jedhan.

Naannoo Tigraayitti lolli akka dhaabbatu, loltoonni Eertiraa akka bahanii fi sarbama mirgoota namoomaa raawwatame irratti qorannoon akka gaggeeffamus Ameerikaan irra deebiin gaafattee jirti.

Ameerikaan siyaasa hunda hirmaachise jajjabeessuufi biyyattii gara diimokiraasii fi tokkummaatti geessuu irratti uummata Itoophiyaa waliin michoomaan hojjetti jedhan.

Filannoon qofaa isaa diimokiraasii hin fidu kan jedhe ibsi waloo biyyoota Gamtaa Awurooppaatiifi kaaniis, mariin biyyaalessaa bal’aa ni barbaachisa jedheera.

Hogganooti isaanii hidhamufi waajjiraaleen jalaa cufamuu eeruun filannoo baranaa keessaa kan bahan paartileen Adda Bilisummaa Oromoofi Koongirasiin Federaalawaa Oromoo filannoo kana kufaa godhanii, mootummaan humnoota siyaasaa hunda hirmaachise akka ijaaramuu fi mariin siyaasaa hegeree biyyattii akeeku akka eegalu ibsa baasaniin waamicha dhiyeessanii jiru.

Waa'ee filannoo Itoophiyaa Atoonii Bilinkeen maal fa'aa ibsan?

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen ibsa isaanii Jimaata kana keessatti dimokiraasiin kan dagaagu yoo jaarmiyaaleen bulchiinsaa qaamolee hunda hirmaachisan jiraatan, iftoominni, ittigaafatamummaan jiraatefi hawaasaaf deebii kan kennu ta’edha jedhanii eegalan.

Itti fufuun, akka jechan Bilikeen ibsa isaanii keessatti, dhugaa kana bu’uureffachuun, Ameerikaan lammilee Itoophiyaa Waxabajjii 21, bara 2021 mirga qaban filachuun mul’isan galateeffatti jedha.

Filannoon garuu qophaasaanitti mallattoo dimokiraasii gahumsaan argarsiisu hin danda’u ykn jijjirama siyaasa qabatamaan jiraachuu hin agarsiisu jedhanii ibsan.

Filannoon Waxabajjii 21, bara 2021 Itoophiyaatti filatame tasgabbii dhabiinsa yaaddeessaan otoo jiruti gaggeeffamulle eeraniiru.

Tasgabbii dhabiinsi kun saboota gidduutti fi hawaasa giddutti jiraachuufi adeemsi filannoo bilisaafi lammilee Itoophiyaa hunda haqummaan hirmaachise bakka hin jireetti filatame jedhanii qeeqan.

‘’Paartileen mormitoota filannoo lagataniiru, hoggantoonni paartilee siyaasaa dhaga’amtii qaban hiidha jiru’’jedha ibsi kun.

Hokkorritti kutaalee biyyattii iddoo baayeetti itti fufee tattaffiin waliigalteen biyyaleessaa uumuu hunda galeessii, bulchiinsa Itoophiyaa birdummaafi tokkummaan eegamefi heeraan qajeelfamtu akka jalqabamu jala muruun kan agarsiisudha jedha.

Yeroo murteessaa filannicha booda jirutti lammileen Itoophiyaa wal qoodinsarra guddata dhufee tokkummaadhaan qolachuu qabu jedhee waamicha dhiyeessera.

Itti dabaluun, qondaaltonni siyaasaafi hoggantoonni hawaasaa hokkora hambisuun, kaanis jeequmsatti galchuurraa of qusachuu qabu jedhe.

Ameerikaan lammileen Itoophiyaa filannoon boodatti marii gaggeessan gargaaruuf qophiidha jedha ibsi kun. Walitti bu’iinsi, hokkorri fi beelli Tigraay keessa jiraachuun labsame ture tarkaanfii atattamaa barbaada jedhan.

Kunis dhukaasa dhaabuu, loltoota Eertiraa Itoophiyaa keessaa baasuu, yakkoota sukaanneessoo qaqqaban qorachuufi deeggarsi namoomaa hin otoo hin gafatiin hawaasa bira akka qaqqabu kan dabaltuudha jedha.

Ameerikaan michummaa Itoophiyaa wajjin qabdu itti fufuuf akka barbaaddufi tattaffii hirmaannaan siyaasaa hunda hirmaachise akka jiraatufi biyyattiin karaa dimokiraasitti ceetuufi tokkummaan biyyatti akka jiraatu akka deeggaran ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa filannoo Itoophiyaan gaggeesite taajjabuu irraa akka hafan dursanii ture kan beeksisan. Kunis haal-dureewwan guutamuu qaban hin guutamne, haala tureenis filannichi toora sadarkaa idil-adunyaa madaalu irra miti jechuun US, karaa senaaterootashee ibsaa turte.

Bu'aan filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa fuulduratti kan eegamu yoo tahu paartiin mo'atu biyyattii waggoota shanan itti aanaaniif kan bulchu taha.