Filannoo Itoophiyaa 2021: Boordiin filannoo 'iyyatan dhiyeeffadheef deebii hin kennu taanaan mana murtiin dhaqa' - IZEMA

Madda suuraa, Ethiopian Citizens for Social Justice
Paartiin Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaatiif (IZEMA) rakkooleen filannoon walqabatee mul'ataniif boordichi deebii kan hin kennine yoo ta'e dhimmicha mana murtiittan geessa jedhe.
Paartichi ibsa har'a waajjira isaatti kenneen hanga bu'aan filannoo dhumaa ibsamuutti nan eega jedhee, tibba filannoo fi filannoon booda naannoolee filannoo irratti dorgomeetti rakkoolee hedduun mudachuu boordii filannootti beeksiiseera jedhe.
Haaluma kanaanis iyyannoowwan dhiyeesse boordiichi ''cimsee ilaaluun murtee kan itti hin kenniin yoo ta'e, haal-duree itti dhimmicha gara qaama haqaatti geessinu irratti ummata kan beeksiifnu ta'a'' jedheera.
Barreeessaan paartiichaa Obbo Abbaba Akaaluu ibsa paartiichaa kan dhiyeessan yoo ta'u, IZEMA'n paartii yeroo mitis jedhan.
''Paartiin IZEMA kan yeroo osoo hin taanee kan daandii dheeraa imaluufi baroota dheeraaf turuudha'' jedhanii, filannoon booda caasaa paartichaa cimsuuf hojiitti galuu keenya ibsuu barbaadna,'' jedhan.
IZEMA'n paarrtii morkattootaa kamiyyuu caalaa jedhamuu karaa danda'uunguutuu biyyaatti caasaa aanaalee filannoo 455 hundeessuun kan socho'aa turee fi filannoo bara kanaa irrattis paartii biyya bulchaa jiru kan morkate tahuu ibsameera.
''Aduu fi rooba keessa halkanii fi guyyaa dhiibbaa fi raafama gidduutti hiriirtanii warra sagalee keessan IZEMA'f kennitaniif onneerraa isin galateeffanna. Warra nu hin filannes murtee keessan kan kabajnu tahuu ibsina,'' jedhe.
Dura taa'aan IZEMA Yeshiiwaas Asaffaa, paartichi qabxii kamiyyuu haa galmeessu IZEMA'n paartii bara keessa jiraatuu tahuu fi sochiiwwan jalqabe kan itti fufan tahuu deeggartoota keenyaafi uummata guutuuf ibsina jedhe.
IZEMA'n magaalaa Finfinnee, naannoo Amaaraa, fi naannoo Kibbaatti rakkoolee na mudatan jedhe 400 ol tahan boordii filannoof beeksisuu himuun hanga boordichi hojii isaa xumurutti eeguu qabna jedhe.
Itti aanaan Dura Taa'aa IZEMA Andu'alem Arraagee filannoo duraa fi gaafa filannoo miseensota paartichaa fi deeggartoota isaa irra dhiibbaan garaagaraa gahaa ture jedhee, uummatni yoo nu hin filanne amannee fudhachuu qabna jedhe.
Bu'aan filannoo Itoophiyaa 2021 sadarkaa naannolee filannootti ibsamaa jira. Filannichi naannoo Tigiraayii fi bakkeewwan tokko tokko rakkoon nageenyaa jirutti osoo hin gaggeeffamiin hafeera.
Qaamolee filannicha taajjaban ilaalchisee Gareen taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaan hanqinoota hedduu qabaatus karaa amanamummaa qabuun gaggeeffamuu isaa taajjabeera jedhe gabaasa jalqabaa baaseen.
Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa jalqabaa kanaan filannichi hanqinoota loojistikiifi nageenyaa, dhiibbaa siyaasaafi of eeggannoo dhabuu weerara koroonaavaayirasii irraa kan hafe qophiiwwan filannoon duraa fi guyyaa filannoo wantootni hojjetaman karaa seera qabeessa, naga qabeessaa fi amanamummaa qabuun raawwatan jedhe.
Gamtaan waldaaleen biyya keessaa 176 walitti dhufuun hundeessan Gamtaan Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Itoophiyaa Filannoof naannolee filannichi itti adeemsifame torba fi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti adeemsa filannoo biyyaalessaa taajjabuun gabaasa jalqabaa baasee filannoo Itoophiyaarratti taateewwan yaaddessoo 300 ol mirkaneeffadhe jedhe.















