Waraana Tigraay: UNHCR Tigraayitti kaampiiwwan lama baqattoonni Ertiraa keessa dahatan bira gahuu hime

Loltoota Tigraay

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattootni Eertiraa 'hidhattoota TPLF fi humnoota mootummaan' miidhamuu ragaa amansiisaan jira jedha UN

Ejensiin baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii - UNHCR, naannoo Tigrayitti kaampiiwwan lama baqattoonni Ertiraa keessatti dahatan irra deebiin qaqqabuu danda'uu hime.

Qarqaarsi kaampiiwwan baqattootaa Maay Ayiniifi Addii Haruush qaqqabuu hime ejensichi.

Garuu kaampiiwwan lammileen 23,000 itti dahatan kanatti, haalli jiru ammallee yaaddeessaadha jedheera.

Kana malees dhaabni kun baqattoota kanniin nageenyi isaanii eegamee gara kaampii haaraa dhiyeenya magaalaa Daabaatitti argamu Alamwaacitti akka dabarfaman gaafateera.

Waraanni naannoo Tigraay dhalachuu dura Itoophiyaan baqattoota Eertiraa 100,000 ol dahachiiftee kan turte ta'us, waraana humnoota mootummaafi hidhattoota TPLF gidduutti dhalateen baqattootni Ertiraa danuu miidhamuun gabasameera.

Torban dabre keessa UN'tti qorataan Mirgoota namoomaa Eertiraa Dr. Mohamed Abdelsalam Babiker, baqattootni Eertiraa lola keessatti danqaman qaamolee waraanatti jiran lamaaniin miidhamaniiru jedhanii turan.

Akka UNHCR jedhutti, ammllee taanaan kaampiiwwan baqattootaa lameen kana haala nageenyaa yeroo yeroon jijjiiramuun guutummaatti qaqqabuu hin dandeenye. Kaampiiwwan kanneenitti tajaajilli fayyaa kan hinjirre tahuufi bishaan dhugaatiinis obba'aa jiraachuu himeera.

Ejensichi dabaluun waraana naannolee Amhaaraafi Affaaritti gaggeeffamaa jiruun buqqa'insi amma ta'aa jiru akka isa yaaddesse ibse. Naannolee kanneenitti tilmaamaan namoonni 170,000 qe'eerraa buqqa'aniiru jedhama.

Kana malees waraanicha baqachuun biyya ollaa Sudaanitti kanneen cehanis lakkoofsi dabaluu hima dhaabni kun.

Rakkoolee harkaa qabu furuuf ejensichi deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona 164.5 gaafachaa jira.

Kanaanis namoota naannoo Tigraay keessa jiran 750,000 fi baqattoota Itoophiyaa Sudaan keessa jiran 120,000 tahan ittin gargaaruuf oolcha jedheera.

Waraanni naannoo Tigraay Sadaasa bara dabre keessa eegale namoota miiliyoona lamaa ol qe'eerraa kan buqqise oggaa tahu, kanneen kuma dhibbaan lakka'aman ammoo hanqina nyaataadaran hamaa tahe keessa jiru jedhameera.