Lammiin Ertiraa namoota daddabarsuun himatamee Itoophiyaatii miliqe Neezerlaandisin barbaadamaa jira

Goaantota galaanarra osoo imala jiranii

Madda suuraa, Reuters

Lammiin Ertiraa namoota daddabarsu Itoophiyaatii miliqe tarree Neezerlaadis namoota dhiimmitee barbaaddu keessa galchite.

Abbaan Alangaa Neezerlaandis lammii Ertiraa namoota daddabarsu Kidaanee Zakkaariyaas Habtemaariyaamiin tarree namoota seeraan dhimmitee barbaaddu keessatti makeera.

Kidaaneen warreen yakka seeraan ala namoota daddabarsuutiin dhimmamanii barbaadaman keessaa tokko akka ta'e himama.

Abbaan Alangaa Neezerlaandis kun shakkamaan kun qabamee akka mana murtiitti dhiyaatuuf cimsee barbaadaa akka jiru Reuters gabaaseera.

Kidaaneen Finfinneetti waggaa tokkoof yakka ajjeechaa baqattoota lamaa dabalatee namoota seeraan ala dadabarsuun himatamee adeemsa mana murti isaa osoo hordofaa jiruu mana murtiitii miliquun isaa ni yaadatama.

Mana murtiitii miliquun isaa quuqamtoota mirgoota namoomaa akka mana murtiitti dhiyaatuuf sochii taasisanis kan dheekkamsiise ture.

Ogeessota seeraa dhalootaan Ertiraa ta'an akkasumas falmattoota mirgoota namoomaa biyyoota biroo hedduu dabalatee miidiyaalee hawaasummaa irratti mana murtiitti akka dhiyaatuuf yeroo gara garaatti sochii ni taasisu.

Kidaaneen mana murtiitii miliqullee manni murtichaa bakka inni hin jirretti adabbii hidhaa umurii guutuu itti mureera. Yeroo ammaa eessa akka jiru sirriitti hin beekamu.

Waxabajji darbe Itoophiyaatti bakka hin jirretti hidhaa umurii guutuun kan itti murtaa'eefis godaantota Afrikaa gara Awurooppaatti ce'uuf Liibiyaa keessa eeggachaa jiran beelessuu, gidirsuufi rakkisuun himatamuun ture.

Bara darbe Guraandhala keessa ture adeemsi murtii isaa osoo gaggeeffamaa jiruu mana murtiitii akka miliqe kan gabaafame. Eeruu namoota inni rakkisaa ture keessaa tokko kennenidha to'annoo jala oolfamee kan ture.

Yeroo sanatti, "mana fincaanii keessatti uffata jijjiirratee" poolisii jalaa miliquun isaa hin dagatamu.

Maqaa Kidaaneetiin maallaqa fudhachuusheetiin kan waliin himatamte Saabaa Mendir Hayilee ammoo hidhaan wagga 12 itti murtaa'eera.

Namni biraan isa tumsa jedhameefi maqaa Waaliid jedhamuun beekamu Teweldee Goyitoom seeraan ala nama daddabarsuutiin yakkamaa ta'ee hidhaan wagga 18 itti murtaa'eera.

Ayirish Taayims akka gabaasetti, baroota 2014 hanga 2018 jiran keessatti Kidaaneefi Teweldeen godaantota kuma kudhaniin lakkaa'aman Liibiyaan dabarsaniiru.

Abbaan Alangaa Neezerlaandis akka jedhetti, Xaaliyaan waliin ta'uudhaan Kidaanee qabee murtiitti akka dhiyeessu beeksiseera.

Biiroon Abbaa Alangaa Neezerlaandis akka jedhetti, Dhaabbanni Kidaanee Ertiraanota gara Nezerlaandis deemuu barbaadan gudeeduun, hiraarsuun, butuufi dirqisiisee maallaqa saamuu yakkawwan jedhamaniin kan itti gaafatamu akka ta'e bu'aan qorannoo isaanii ni mul'isa.

Liibiyaa keessatti godaantotarraan miidhaa hamaa akka geessisuufi maatii godaantotaa Neezerlaandis keessa jiraatan ammoo maallaqa erguuf akka dirqaman ibsameera.

Akka seera warra Daachitti, namni Neezerlaandis keessa jiraaturra lammileen biyyoota biroo miidhaa geessisan adeemsi seeratti ittiin dhiyaatan ni jira. Kunis itti gaafatamummaa seeraa idil-addunyaa daangaa ce'uun hojjiirra oolfaman waliin kan walqabatudha.

Kidaanee Zakkaariyaas Habtamaariyaam eenyu?

Kidaaneen ''hamaa addunyaa kanaa namoota seeraan ala daddabarsu'' jedhamuun irra deddeebiin maqaansaa dhahama.

Libiyaatti kaampii godaantoti kumaan lakkaa'aman keessa jiran akka qabus ni himama.

Godaantotaa fi maatii isaanii biyya biraa jiraatan irraa dirqamaan qarshii fudhachuun garee beekamu akka hogganus ni himama.

Gareen kuni godaantota gudeeduu, ugguruu, reebuu fi walumaagalatti mirga namoomaa isaanii mulquun himatama.

Gareen yakkaa Kidaaneedhaan hogganama jedhamu kuni gara Awurooppaa deemuuf godaantota Libiyaatti eeggatan ukkaamsuudhaan maatii isaanii Awurooppaa ykn iddoo biraa jiran irraa qarshii guuruun himatama.

Kaampii magaalaa Liibiyaa Baanii Waaliid keessa godaantonni waggaa tokko caalaa ugguramu.

Godaantonni kaampicha yeroo seenan Sudaanirraa Awurooppaa gahuuf qarshii waliigalan caalaa gaafatamu. Isaan ykn maatiin isaanii hamma qarshii kaffalanitti gidiraan irra gaha.

Namoonni gidiraan kuni irra gahu doolaara 5000-12000 akka gaafataman dubbatu.

Falmitoonni mirga godaantotaa Kidaaneen ''godaantota baayyee irratti dararaa qaqqabsiiseef seeraan akka gaafatamu hawaasni addunyaa tumsuu qaba,'' jechuun sagalee isaanii dhageessisu.

Godaantonni gara Awurooppaa imalan Liibiyaa keessatti gadadoo hamaaf saaxilamaa jiru. Rakkoo nageenyaafi tasgabbii Liibiyaa keessa jiru fayyadamuun daddabarsitoonni namootaa, godaantotarraa qarshii fudhachuufi ajjeesuun dhimma yaaddessaa tahaa jira.

Yeroo amma Kidaaneen qorannoo yakkaa addunyaan nama barbaadamu akka tahe abbaan alangee Neezarlaandis beeksiseera.

AP'n akka gabaasetti nama ganna 37 kana to'annoo jala oolchuuf mootummaan Neezarlaand biyyoota garagaraa waliin akka hojjetu beeksiseera.

''Godaantonni kumaan lakkaa'aman karaa seera-qabeessa hin taaneen akka daddabarfamaniifi gidirfaman namni sababa tahe kuni mana-murtiitti dhiyaachuu qaba,'' jechuunis abbaan alangee Neezarlaand ibsa baaseera.