Namoota gara Awurooppaatti karaa seeraan alaan dabarsan 205 ta'an irratti Liibiyaan ajaja hidhaa dabarsite

Baqattoota

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Liibiyaan lammiilee Afrikaa Sahaaraan gadii Awurooppaa galuuf yaadaniif daandii filatamaa taatee jirti

Liibiyaan lammiilee biyyattii fi kan biyyoota biroo namoota seeraan ala gara Awurooppaatti daddabarsuun shakkaman 205 irratti ajaja hidhaa dabarsite.

Himanni baname namoota seeraan ala daddabarsuu, reebicha, ajjeechaa fi gudeeddii dabalata.

Hidhanni daddabarsa kanaa miseensota nageenyaa Liibiyaa, dursitoota kaampii baqattootaa fi anga'oota Imbasiiwwan Afrikaa of keessatti akka hammatu waajjirri abbaa alangee waligalaa Liibiyaa ibseera.

Kufaatii Muhaammar Gaadaafi bara 2011 booda Liibiyaan rakkoo bulchiinsaa keessa jirti.

Angoon hidhattoota fi mootummoota wal morman lama harka ta'uun hojiileen seeraan alaa akka baay'atan taasiseera.

Biyyattiin lammiilee Afrikaa Sahaaraan gadii Awurooppaa galuuf yaadaniif daandii filatamaa taatee jirti.

Erga waliigalteen Xaaliyaaniif Liibiyaa gidduutti bara darbe taasifameen booda qaamni hidhata daddabarsitoota kanaa qoratu hundeeffamee qorannoon geggeeffamaa ture.

Anga'oonni dhimma baqattootaa hordofan hedduun dhimma kana keessaa harka akka qaban daayirektarri waajjira abbaa alangee Liibiyaa Sediik al-Suur ibsaniiru.

''Ajajni hidhaa namoota 205 daddabarsa seeraan alaa, reebicha, ajjeechaa fi gudeeddii irratti hirmaatan irratti dabarfamee jira,'' jechuun gabaasaalee miidiyaaf himanii jiru.

Waajjirichi, warreen seeraan ala namoota daddabarsan fi 'IS' gidduu hidhanni akka jiru baruusaas dabaluun dubbatu.