Liibiyaan namticha namoota seeraan ala daddabarsuun gamsiise Abd al-Rahman al-Milad hiite

Madda suuraa, Reuters
Aanga'oonni Liibiyaa namticha namoota seeraan ala daddabarsuun poolisii idil-addunyaa (Interpoliin) barbaadamaa ture to'annoo jala oolchuu beeksisan.
Mootummaan Liibiyaa kan beekamtii idil-addunyaa qabu, namtichi Abd al-Rahman al-Milad jedhamu qabamuu isaa Roobii beeksise.
Bara 2018 manni maree nageenyaa UN Abd al-Rahman al-Milad dabalatee namoota shan biroo Kaaba Afrikaa keessatti namoota seeraan ala daddabarsuun qoqqobbii irra kaa'ee ture.
Liibiyaan biyya adda duree godaantonni gara Awurooppaa seenuuf itti fayyadamanidha.
Bara 2011 hogganaan biyyattii yeroo dheeraa Mu'aammar Gadaafii aangoorraa humnaan buufamee booda biyyattii keessatti seer-maleessummaan babal'ate.
Godaantonni Liibiyaa keessatti dararaa guddaatu irra gaha jedhu gareeleen mirga namoomaaf falman.
Imbasiin Firaans Liibiyaa jiru to'annoo jala oolfamuu Milaaditti gammachuu qabaachuu ibsee, "daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuuf oduu gaariidha" jedhe.
Namni kun interpool qofaan osoo hin taane mootummaa Liibiyaanis barbaadamaa ture.
Gareeleen hidhattootaa gara garaa waliin morkatan hedduun Liibiyaa keessa waan jiraniif namoota sadarkaa idil-addunyaatti barbaadaman salphaatti to'achuun ulfaataa ture.
Abd al-Rahman al-Milad eenyu?
Akka UN jedhutti, Milaad humna nageenya magaalaa qarqara galaanaa Kaaba Lixa biyyattii Zaawiyaa hoggana. Magaalli kun hokkora godaantota mudatuu fi daddabarsa namootaa seeraan alaan beekamti.
Namni kun waahillan isaa waliin taa'uun meeshaa waraanaa fayyadamuun bidiruun godaantotaa akka dhidhimuu gochaa ture jedhe UN.
Magaalaa Zaawiyaa keessatti mana hidhaa godaantotni keessatti dararaman banachuun godaantota daddabarsaa turuu fi bobaa'aallee seeraan ala daddabarsuu keessaa qooda qabaachuu hima.
Erga bara 2014 as namoonni galaana Meediteraaniyaan qaxxaamuruun gara Awurooppaa seenuuf yaalaa turan 20,000 ol du'aniiru jedha Biiroon Godaantotaa Idil-addunyaa.













