Mootummaan 'humna ittisaa isaa guutuun' hidhattoota TPLF akka waraanu akeekkachiise

Madda suuraa, Ministeera Rayyaa Ittisaa Itoophiyaa
Mootummaan Itoophiyaa Humna raayyaa ittisa biyyaa guutuun waraana humnoota TPLF waliin godhamutti akka deebi'u beeksise.
Ji'a tokko dura labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun naannoo Tigraay gadhiisee kan bahe mootummaan Federaalaa, ergasii humnoonni TPLF naannolee Affaariifi Amaaraa tokko tokko qabachuu hordofeeti humna jabaan waraanatti deebi'uuf kan dirqamu ta'uu kan ibse.
Mootummaan karaa Ministeera Haajaa Alaa ibsa Jimaata galgala baaseen, labsiin dhukaasa dhaabuu deeggarsa namoomaaf jecha labsame humnoota TPLF'n fadhatamuu dhabuu isaatiin, akkasumas naannoleen biyyattii biroo haleellaaf saaxilamuu isaaniitiin ji'a tokko darbeef mootummaan tarkaanfii ofirraa ittisuurratti qofa xiyyeefate jijjiiruun haleeluu akka eegalu ibse.
Ibsi kun kan bahe wayita humnoonni TPLF bakka hambaa addunyaa ta'e, Laalibaa, to'achuun isaanii erga dhagaahameeti.
Dhukaasni gama kaaniin dhaabachaa waan hin jirreef humna ittisaa biyyattii guutuu ni duulchifna'' jedhe mootummaan ibsa isaa kana keessatti.
Torbanoota muraasa erga mootummaan raayyaa ittisaa Tigraay keessaa baasee, kutaalee Itoophiyaa guutuutti galmeen miseensota waraanaa haaraa bal'inaan gaggeefamaa ture.
Naannoleenis humnoota addaa isaanii gara adda waraanaatti duulchisaa turan.
Mootummaan ibsa isaa keessatti ''gochaan TPLF obsa mootummaa federaalaa qoree, mootummaan ejjennoo ofirraa ittisuu qabatee ture akka jijjiiru dirqisiisaa jira'' jedhe.
Itti dabaluunis '' Mootummaan Itoophiyaa gareen dubbii barbaadu kun naannolee ollaa haleelaa jiruufi jireenya uummataa akka jeequ hin hayyamu'' jedha.
Laalibalaan harka TPLF galuu hordofee hoogganaan biiroo bulchinsaa fi nageenyaa naaannoo Amaaraa obbo Semmaa Xiruuneeh Jimaata miidiyaa naannichaa- Amhara Media Corporation'f yaada kennaniin, ''Namni hunduu duula ofirraa ittisuu'' kanatti akka makamu dubbatanii turan.
Dhimma kana ilaalchisee Asoosheetiid Pireesiif deebii kan kennan dubbii himaan TPLF obbo Getaachew Raddaa, humnoota isaan loluu bahaniif ''simannaa ho'aa goonaaf'' jechuun deebii kennaniiru.
''Haala naannoo Tigraay jiru karaa nagaa fixuuf mootummaan dhagaa hin garagalchine hin qabu'' kan jedhu ibsi mootummaa Federaalaa kun, humnoonni TPLF yaaliiwwan isaa fudhatama dhabsiisuu ibse.
Dhaabbileen idila addunyaa gocha hidhattoota TPLF kana ''akka balaaleffatu irra deebiin waamicha godha'' jedha mootummaan Itoophiyaa.
Mootummaan Itoophiyaa amma dura irra deddeebiin hawaasni idila addunyaa gocha hidhattoota TPLF balaaleffachuurra dhimma keessoo Itoophiyaa keessa harka galfachuun, badii qaamolee kanaa osoo arganuu callisuun ejjennoon isaanii maal akka ta'e gaaffii natti uuma jechaa ture.
Ibsa isaa kana keessattis ''fedha uummata Itoophiyaa isa kaardii filannoon ibsamee sarbuuf sochii fi dhiibbaa gadhamu kamuu cimseen balaaleffaadha'' jedha mootummaan.
Filannoo biyyaaleessaa ji'oota dura godhameen walqabatee sagalee mootummaa hundeessuuf isa dandeessisu kan injifate paartiin biyya bulchaa jiru, mootummaan haaraan ijaaramu miseensota paartilee mormituu of keessatti kan qabatu ta'a, mariin biyyaaleessaa amma dura eegales itti fufee ijaarsi dimookrasii akka cimu akka hojjetus ibsa afaan ingiliziin barreefame kana keessatti eereera.
TPLF waarana dhaabuuf haaldureewwan mootummaan akka fudhatu barbaadu lafa kaahee kan ture ta'us, mootummaan federaalaa ammoo haaldureewwan kana hin fudhanne.
Dhiyeenya mootummaan Ameerikaa qaamoleen lamaan haalduree tokko malee waraanni atattamaan dhaabatee mariin biyyaalessaa humnoota siyaasaa hunda hirmaachisu akka gaggeefamu waamicha godhee ture.













