Kaayyoon daawwannaa MM Abiy Ahimed biyyoota Awurooppaa maali?

Madda suuraa, PMO
Tibbana Ministirri Muummee Itoophiyaa, Abiy Ahimad, gara Awurooppaatti imaluun biyyoota akka Xaaliyaanii, Maaltaa fi Faransaay daawwataniiru.
Dowwannichis kan hariiroo biyyoota kanneen waliin qaban cimsuu irratti kaayyeffate ta’u ibsan.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeefamuun amma marii nagaan xumurame hordofee, hariiroo Itoophiyaan biyyoota Lixaa waliin qabdu laafuu xiinxaltoonni himaa turan.
MM Abiy daawwannaa isaanii kanaanis Xaaliyaanii irraa deeggarsa hanga Doolaara miliyoona 180 tahu akka argatan himaniiru.
Lammiin Ertiraa, siyaasa Gaanfa Afrikaa xiinxalu, Abdurrahmaan Sayiid daawwannaan isaanii kun dhimmoota sadiif ta’u mala jechuun himu.
Jalqaba irratti kan eeru Abdurahamaan ajandaa dippilomasiidha.
Itoophiyaan dhiyeenya hariiroo dippilomaasii biyyattii fooyyessuuf jecha dippilomaatotaaf leenjii yeroo dheeraa kennaa turte.
''Waraana waggaa lamaaf tureen biyyoonni lixaa mootummaa Itoophiyaarratti komii dhiyeessaa turan. Daawwannaan isaanii kunis waliigaltee nagaatiin booda waan ta’eef, waa’ee hariiroo kana sirreessuu fi gara fuuldura waan ta’u irratti xiyyeeffachuu mala,’’ jedhan.
Torban muraasa darbe jilli Gamtaa Awurooppaa Itophiyaa daawwateera. Sana booda ammoo MM Abiy gara Awurooppaa imalan.
Simannaa Faransaayitti godhameefiin gammaduu kan himan MM Abiy, ''Kaampaaniiwwan Faransaay invastimentii Itoophiyaatti godhan jajjabeessuun barbaada'' jechuun fuula miidiyaalee hawaasaa isaaniirratti maxxansaniiru.
Daawwannaan isaanii Maaltaattis ''dameewwan walta'insaa keenya adda addaa calaatti kan cimsudha'' jedhaniiru.
Ajandaan lammataa Obbo Abdurahaman kaasan dhimma dinagdeedha.
''Itoophiyaan deeggarsas ta’ee hariiroo dinagdee biyyoota waliin cimsuu barbaaddi,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xaaliyaanitti Minisitira Muummee biyyattii waliin mariyachuu kan ibsan Abiy ''Gargaarsa Yuuroo miliyoona 180 fi liqii laafaa dabalatee kallattiin waliigaltee walta'insaa mallatteeffamuu'' beeksisan.
Gargaarsi aragames ''sagantaa riifoormii dinagdee biyyaa fi karoora misoomaa waggaa kudhanii itti fufsiisuuf kan deeggarudha'' jedhan.
Waraanaan booda naannolee waraanaan miidhaman deebisanii misoomsuun bajata guddaa gaafachuu danda’a. Naannoo Tigiraay keessatti bu’uuraaleen misoomaa addaan citanii turan deebi’anii hojii akka jalqaban gochuuf maallaqa guddaa gaafata.
Gama biraan ammoo biyyattiin qaala’insa jireenyaafi hanqina sharafa alaa guddaaf saaxilamtee jirti.
Kanaaf ammoo deeggarsi biyyoota alaa murteessaa waan ta'eef hariiroo qabdu cimsachuu barbaaddi jedhu Obbo Abdurahaman.
Dabalataan akka sababa sadaffaatti, yeroo ammaatti Raashiyaan, Ameerikaafi Chaayinaanis gaanfa Afrikaarratti dhiibbaa uumuuf Itoophiyaa barbaadu jedhan.
Tibbana Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov, biyyoota Afrikaa kan akka Maalii fi Eertiraa fa’i daawwachuun hariiroo isaanii cimsachaa jiru.
Kun ammoo Raashiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin hariiroo cimsachuu akka barbaaddu agarsiisa.
Itophiyaadhaaf maallaqa hedduu kan liqeessite Chaayinaanis Afrikaa keessatti gahee dinagdee olaanaa qabdi.
Yeroo jalqabaafis yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamutti akkuma Ameerikaa ergamaa addaa Gaanfa Afrikaatti muudde.
Biyyoonni kunneen Itoophiyaa waliin yoo wal ta’an fedhii isaan naannoo kana irratti qaban milkeessuu dandeessa.
Itoophiyaan hariiroo gama dippilomaasii, dinagdeefi siyaasaatin biyyoota Lixaa waliin qabdu cimsachuuf akka hojjechaa jirtu amanu Obbo Abdurahaman.












