Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Itoophiyaa daawwachuuf

Antoonii Biliinken Bitootessa 15 Itoophiyaa daawwachuuf

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Bitootessa 15 Itoophiyaa daawachuuf akka jedhan ministerri Dhimma Alaa biyyattii hime.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabeen as Antoonii Biliinken Itoophiyaa yoo daawwatan kun isa jalqabaati.

Dhiyeenya MM Itoophiyaa Abiy Ahimed kora Ameerikaa-Afrikaa irratti argamuuf US deemanii turan.

Kun erga lameen isaanii dhimma hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu waraana Tigiraayii fi nageenya Oromiyaa keessaa irratti bilbilaan waliin dubbataniiti.

Hariiroon Ameerikaa fi Itoophiyaa erga waraanni Kaaba biyyattii jalqabeen as akka duraa hin turre.

Biliinken daawwannaa isaanii ammaan dhimma hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti malla’aate irratti ni mari’atu.

Nagaan waaraa biyyattii keessatti akka dhufuu fi dhimma haqa yeroo ce’umsaa irratti marii ni taasisu jedhamee eegama.

Dabalataan dhaabbilee gargaarsa namoomaa kennanii fi dhaabbilee siivilii biroo waliin akkaataa deeggarsi itti dhaqabu, wabii nyaataa fi mirga namoomaa irratti ni mari’atu jechuun Ministerri Dhmma Alaa US BBC’f mirkaneessera.

Turtii isaanii Finfinnee irratti Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat waliin dhimmoota ijoo addunyaafi naanichaa irratti ni mari’atu.

Keessumaa wal gahii gaggeesitoota Afrikaa fi US hordofee dhimma wabii nyaataa ardichaa, jijjiirama qilleensaa fi ce’umsa madda aannisaa irratti marii taasisu.

Kana malees, diyaaspooraa Afrikaa - Ameerikaa jiraatan fi fayyaan addunyaas dhimma marii isaanii biroo akka tahe himeera dippaartimantichi

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Antoonii Biliinken bakka bu’insa dhaabbataa Afrikaa qaamolee idil addunyaa gurguddoo keessatti argachuu qabdu irrattis akka deeggarsa taasisan ni himu jedhamee eegama.

Afrikaan mana maree nageenyaa UN keessatti taa’umsa dhaabbataa qabaachuu akka qabdu yeroo adda addaatti ka’eera.

Keessumaa yeroo walgahii gaggeessitoota Afrikaa-Ameerikaa dubbii ijoo tahee ture.

Hanga ammaatti biyyootni addunyaa Mana Maree nageenyaa UN keessatti taa’umsa dhaabbataa qaban Ameerikaa, Chaayinaa, Raashiyaa, Faransaayii fi Biriitenidha.

Taa’umsi hafe kudhan ammoo waggoota lama lamaan biyyoota miseensa hin taaneef dabaree kennama.

Ardiin Afrikaa uummata biliyoona 1.3 ol qaba jedhamee tilmamamu garuu taa’umsa dhaabataa qaama UN kana keessaa hin qabu.

Antoonii Biliinken daawwannaa isaanii Itoophiyaa akka xumuraniin yeroo jalqabaaf gara Niijer imaluun pirezidantii biyyattii Mohaammad Baazuum waliin wal argu.

Biliinken daawwanaa isaanii kanaan hariiroo biyyootni Afrikaa US waliin qaban cimsuun garasitti ardichatti bulchiinsi gaarii, tasgabbii fi nagaan akka mirkanaa’uuf marii taasisu.

Dhiyeenya Ministerri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov irra deddeebiin biyyoota Afrikaatti daawwannaa taasisuun hariiroo biyyi isaanii ardicha waliin qabdu cimsuuf hojjetaa turan.