UN hojiirra oolmaa haqa yeroo ce'umsaa Itoophiyaa akka deeggaru ibse

Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Volkar Tark waa'ee naannoo Oromiyaa keessaas ibsaniiru

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Volkar Tark waa'ee naannoo Oromiyaa keessaas ibsaniiru

Komishinarri Olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Voolkar Tark hojiirra oolmaa haqa yeroo ce'umsaa Itoophiyaa akka deeggaran ibsan.

Komishinarichi kan kana jedhan yaa’ii waliigalaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN 52ffaa irratti hojiiwwan dhaabbati isaanii dalagaa jiru irratti gabaasa yeroo dhiheessaniittidha.

Komishinar Voolkar Waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduu raawwatame guutummaan akka raawwatu gaafatan.

Ta'us, ammallee gabaasonni yaaddessoo ta’an akka jiran ibsan.

Naannoo Tigraay keessa ammallee humnooti Amaaraafi Ertiraa badiiwwan raawwachuu gabaasonni mul’isan akka jiran himani.

Naannolee biroo kanneen akka Oromiyaa keessammoo haalli mirga namoomaa ''baay'ee yaaddessaa'' ta’uu ibsan.

Dhihoo mariin biyyaalessaa haqa ce’umsaa irratti xiyyeeffate Itoophiyaatti eegaleera. Sochiin kuni dhaabbata isaaniin akka deeggaramu qondaalli UN kuni ibsaniiru.

Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani’el Baqqalaa haqi ce’umsaa qorannoo waloo UN waliin taasisan irratti kanneen akka hojiirra oolu yaada dhiheessan keessaa tokko ta’uu BBC’tti himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon waloo hunda hin hammanne jechuun garee qorattoota idil-addunyaa dhimma Itoophiyaa qoratu Mana Maree Mirga Namoomaa UN'n waggaa tokko dura hundaa'eera.

Haa ta'u malee, kana kan mormite Itoophiyaan haqa ce'umsaa hojiirra oolchuuf sochiitti jirti

Haqni yeroo ce'umsaa walitti bu’iinsi hamaan, hacuuccaafi sarbama mirgoota namoomaa mudachuu hordofee itti gaafatamummaa, haqaafi araarri akka ta’u mirkaneessun adeemsa hojiilee nagaa itti fufiinsa qabu hojjachuu of keessatti hammata jedha UN.

Sochii Itoophiyaa kana kan gaaffii irratti kaasan jiru.

Gama kaaniin dhimma Ertiraa irratti gabaasa dhiheessaniin bulchiinsi Pirezidant Isaayyaas tajaajila loltummaa dirqamaan raawwachuu itti fufuu gabaasi nu gaheera jedhan qondaalli UN.

Tajaajilli loltummaa ‘’gabrummaan kan qixxaatudha’’ jechuun kan ibsan komishinarichi, rakkoon kuni sababa ijoo lammiileen biyya isaanii dhiisanii akka deeman kan dirqudha jedhan.

Tajaajilli loltummaa kuni akka dhaabatus gaafataniiru.

Erga Ertiraan biyya walabaa taate eegalee tajaajilli kuni hojiirra oolaa jira. Lammiileen biyyattiis kanaan mufii jabaa ibsaa turaniiru.

Ertiraan akkaataa qabiinsa mirga namoomaan haalaan qeeqamti.