Miseensoonni humna Tigraay waa’ee waraanaafi waliigaltee nagaa maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Tigraay kan Sadaasa 4, 2020 eegale waggoota lamaaf gaaga'ama lubbuufi qabeenyaa hedduu qaqqabsiiseen booda, erga waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaa - Piritoriyaatti mallattaa’ee ammoo baatii shanaffaa isaa qabateera.
Qaamooleen lamaanis erga waliigaltee nagaa qabxii 12 qabate waliin mallatteessaniin booda dhukaasa dhaabuun, TPLF hidhannoo fi meeshaa gurguddaa waraanaa humnoota Tigraay irraa walitti qabame Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti kenneera.
Waraana hamaa sanaan boodas Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin yeroo jalqabaatiif wal kan argan dureewwan TPLF, Tigraayiitti bulchiinsa yeroo hundeessuuf qophiirratti argamu.
Miseensoonni humnoota Tigraay, kanneen waraanicha keessatti hirmaachuun haarsaa garaagaraa kanfalan, waa’ee waliigaltee nagaa mallattaa'ee kanarratti miira garaagaraa akka qaban dubbatu.
Miseensoonni humnootiin Tigraay kunneenis ammatti haaroomsaaf akka qophaa’aniif itti himamee eegataa jiraachuu dubbatu.
‘Ifa ijakootiin dhabe’
Miseensoonni humnoota Tigraay BBCn dubbise, wayita waliigalteen nagaa mallattaa’uutti waraana cimaa keessa akka turaniifi waa’ee waliigaltee nagaa omaayyuu akka hin dhageenye dubbatu.
Waliigalteen nagaa mallattaa’un ifatti wayita ibsametti humnootiin Tigraay tokko tokko naasuu cimaa keessa galuu BBC'tti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dargaggoon waggaa 21 Haafitoom waraanarratti rukutamuun ijasaa dhabe. Miidhaa funyaaniifi laagaa isaa irra gaheen ammoo afura baafachuuf ni rakkata. Ammattis hiriyootasaa miidhaan irra gahe kaan waliin haala rakkisaa keessatti akka argamu hima.
Haaftoom barataa kutaa sagalii ture. Yeroo sanattis uggura sababii Covid-19n kaa’ameetiin barnoota dhaabee ture. ALI Bitooteessa 17, 2013tti ammoo waraana Tigraayitti makamuu hima.
Badiiwwan eddoowwan Tigraay garaa garaa keessatti raawwataman irraa ka'ee waraanatti akka makame dubbata.
‘‘Manatti dhufanii reebichaafi miidhaa hedduu raawwatu turan. Calliftee dirree irratti du’urra aarsaa kanfallee ummata keenya bilisa baafna jennee humnoota Tigraayitti makamne,’’ jedhan.
Haaftoom tibba waraanni Tigraayi ka’uun gara naannoolee ollaatti babal’achuun humnootiin Tigraay gara Finfinneetti qajeelaa turanitti, Gaashanaarratti miidhaa olaanaan irra gahe.
‘‘ALI Hagayya 13, 2013 ijaafi funyaan koorra miidhaan qaqqabe. Amma hin argu. Ijikoo mirgaa guutummaatti dhangala’eera. Ijikoo bitaa yeroo muraasaaf ibsaafi aduu argaa turte. Amma akka duraa sana guutummaatti hinargu,’’ jechuun miidhaa irra gahe ibsa.
‘‘Kana malees miidhaa funyaankoorra gaheen rakkoo afuura baafachuun qaba. Akkasumas midhaan nyaachuuf nan rakkadha. Ijakee lama dhabuun baayyee cimaadha!’’ jechuun tajaajilli wallaansaa fi qorichaa waan hin jirreef wallaansa argachuuf abdiin eeggataa akka jiru BBCtti hime.
Osoo hospitaala keessa jiruu waliigalteen nagaa mallattaa’uu kan dhagahe Haaftoom, haleellaa guyyaa guyyaan ummaticharra gahu waan dhaabeef, beela keessatti kanneen argamaniif deeggarsa akka argataniif waan gargaaruuf waan gaariidha jedha.
Tahus guutuu kan ta'u, ‘‘haaluma waliigaltee mallattaa’eetiin humnootiin alaa Tigraay yoo bahaniifi ummanni buqqa’e qee’esaatti yoo deebi’edha,’’ jedha.
Gara fuulduraatti ijisaa wallaansaan deebi’eefi, barnoota sababii Covid fi waraanaatiin adda kuteetti deebi’uuf hawwa.
Biiroo Saayinsii fi Teknoloojii Tigraayiitti ogeessa Ce’umsa Teeknolojii kan ture Tsaggaayee Gabramadihiin, erga waraanni Tigraay eegalee booda, Muddee 17, 2013 tti humnoota Tigraay godina jiddugala keessa jiraniitti makame.
Tsaggaayeen waliigalteen mootummaa fi TPLF jidduutti mallattaa’uu wayita dhagaheetti mirrii wal makaan itti dhagahamuu dubbata.
‘‘Waraanni balleessaadha. Ummanni nagaan haleellaa meeshaalee gurguddaatiin du’aa fi qe’eesaarra buqqa’urra, waliigaltichi ummatichaaf waan boqonnaa kennuuf xiqqoo gammadeera. Garuu ammoo waliigaltichi kaayyoo waraanichi ka’eefiin yoo ilaalame baayyee kan nama amansiisu miti,’’ jedha.
Waraanichaan gama lamaaniinuu loltoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeefamuu gabaasaaleen ni eeru. Kaan kuma hedduun lakkaa’aman ammo miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
'Waa'ee waliigaltee nagaa hin beeknu ture'
Gaheessi waggaa 35 Shawwiiti Biitawu, wayita waraanni Tigiraay eegalu Ameerikaa Kaaliiforniiyaa irraa gara Tigraay imaluun humnoota Tigraayiitti makame.
‘‘Dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’ef waraanaaf dhufe,’’ kan jedhu Shawwiiti, humnoota Tigraayitti makamuunis waraana lafoo keessatti itti gaafatamummaa adda addaarratti ramadamee tajaajiluu dubbata.
Waa’ee waliigaltichaa omaa akka hin beeknee fi icciitiin qabamee akka ture kan dubbatu Shawwiiti, waliigaltichi wayita dhagahameetti loltoota biratti miirri gaarii hin taane akka umamee ture BBCtti hime.
‘‘Waliigaltichi amma osoo hin taane waggaa lama dura ta’uu qaba ture,’’ jechuun komiisaa ibsa.
"Ummanni Tigraay nagaa barbaada. Nagaaf jennee qabsoofnee aarsaa kanfalle. Waggaa lamaan dura haaloonni sirreeffamuu osoo danda’amuu sababii hoggantoota muraasaatiif jecha haarsaa cimaa kanfalle.
Hanqina qorichaa fi haleellaan ummata miliyoonaa ol dhabne. Amma dureewwan TPLF fi Badhaadhinaa akkuma omtuu hin umamneetti dhufanii araara yoo mallatteessan baayyee nama aarsa, ni dhekkamsas,’’ jedha.
Waliigaltichi haala lafarra jiru hubannoo keessa hin galchine jedha.
‘‘Biyya keenya eeguuf qabsoofne. Hidhannoo keessan hiikaa yoo nuun jedhan gaddine. Osoo humnootiin Ertiraa fi kaan guutummaan naannichaa hin bahiin ariifatanii hidhannoo hikkachiisuun dheebuu aangoosaanii agarsiisa,’’ jechuun dureewwan TPLF komata.
Dhukaasa dhaabuun namoomaa Bitooteessa ALI bara 2014 ture diigamuun, waraanni erga eegaleen booda, loltoonni Tigraay bakkeewwan hedduurraa dhiibamanii ture.
Waliigalteen Piritoriyaatti wayita mallattaa’eetti, humnootiin Tigraay eddoowwan akka Shiree, Aksuum, Adawaafi Allaamaaxaa keessaa bahanii ture.
Dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa yeroo sanatti, ‘‘nuti waraana kan eegalle ummata keenya oolchuuf. Carraa hidhannoon ummata keenya oolchinu agarreeti qabsoofne. Hojii gaarii hojjanne.
Haalli ummanni keenya hidhannoo keenya waliin itti badu yoo agarre ammoo, kana hambisun waan nurra jiraatuuf erga karaan nagaadhaan ummata keenya oolchinu jiraannaan sababiin karaa nagaatti hin dhufneef hin jiraatu jennee gara dhimma kanaa seenne,’’ jedhe ture.
‘Aangoosaanii eegsiisuf kan raawwataniidha’
Miseensi humnoota Tigraay Kibroom Zawulii, waliigalteen nagaa mallattaa’uun guyyoota 10 dura naannawa Saqooxaatti miilisaa rukutame.
‘‘Ani Tigraay carraa siyaasa ishee akka murteeffattuu fi bilisummaa Tigraayiifan qabsaa’e,’’ jedha.
Ammatti hirkoo lamaan malee miilasaa lamaaniin lafa dhaabbachuu hin danda’u. Dhaabbilee mootummaatti wallaansa argachuu waan hin dandeenyeef maatiin dhunfaatti wallaansiisaa jiru.
‘‘Waliigalteerra gahamuu yoo dhagahu baayyeen nahe. Waraana cimaa keessa turtee, keessattuu badii ummata Tigraayiirratti raawwatameef itti gaafatamummaan osoo hin mirknaa'in, waliigalteen nagaa ni taasifama jedhee yaadee hin beekun ture.
''Gama tokkoon ammoo haleellaa dirooniifi meeshaalee gurguddaa irraa ummata oolchaa laata jedhees yaadeera. Waliigaltee nagaa taasisuun keenya erga hin ollee badiin kun hundi osoo hin qaqqabiin ta’uu qaba ture jedheen komadha,’’ jedha.
Sababii warana Tigraay kanaan namoonni wallakkaa miliyoonaa ol ta’u beelaafi waraanaan lubbuu dhabuu qorannoon Yunivarsitii Gent biyya Beelijiyeem mul’iseera.
Naannoo Tigraayiin alatti dhalattoota naannichaarratti hidhaafi badii olaanaan qaqqabuunsaa ibsamaa turuun ni yaadatama.
Shawwiiti ‘‘waraanni fedhii lolaa hin qabu. Biyyasaarratti nagaan bu’ee gara jireenya idileessaatti deebi’uu barbaada,’’ jedhan.
Haata’u malee haarsaan kun hundi maaliif kanfalamee? gaaffii jedhu kaasa. ‘‘Dureewwan Tigraay garuu kanaaf deebii hin qaban. Waraana tokkoorraa maal buufne kan jedhuuf deebii kan hin qabne yoo ta’e, haarsaan kun hundi akkasumaan kanfalame jedhuudha,’’ jedhan.
Itti dabaluunis, ‘‘kun hundi erga ta’een booda akka waan omtuu hin umamneetti yoo gammadan argu, kan isaan gammachiise waliigalticha osoo hin taane fedhii dhuunfaa fi dheebuu aangoosaaniti.
Fedhiinsaanii osoo nagaa ta’ee duraan haala gaariin ni furu ture. Kanaafuu dureewwan TPLF waliigalteen amma mootummaa Itoophiyaa waliin taasisan aangoosaanii eegsiisuudhaaf,’’ jedha.
Waliigalticha keessatti hidhattootaan ‘humnoota TPLF' jedhamee eeramuun hidhattootaafi dhalattoota naannichaa dhekkamsiisuu kaasu maddeen.
TPLF waggoota 27f Itoophiyaa keessatti olaantummaa siyaasaa qabatee wayita tureetti, naannichati paartiilee siyaasaa mormituu ukkaamsuufi hidhuun himatamaa ture.
Guddina diinagdeefi hawaasaa fedhii ummata naannichaa guutanis hin mirkanneessine jedhamuun himatamaa ture.
‘Bu'aa eegamu hin agramsiifne’
Erga waliigalteen Piritoriyaa mallataa’ee baatii afur darbeera. Ta’us qabsoon uummata Tigraay butameera kanneen jedhan jiru.
Simi’oon (maqaansaa kan geeddarame) waraana Tigraayiin dura Itoophiyaafi biyyoota adda addaa keessatti hojiiwwan teknolojiin wal qabatan hojjataa ture.
Waraanni sababii filannoo Tigraay keessatti gaggeeffameen kan walqabatuufi kan gara bilisummaatti geessu jedhee waan amanuuf loltoota Tigraayiitti makamuu kan dubbatu Simoon, waliigalteen nagaa kan kaayyoo qabsoo milkeessu jedhee akka hin fudhanne dubbata.
‘‘Adeemsi waraanaafi badii magaalaafi baadiyyaa keessa ture, carraa Tigraay Itoophiyaa walin itti fufuu baayyee akka hir’ise mul’isa.
Aniifi irra jireessi dargaggoo waraana Tigraay keessa jirru, Tigraay biyya bilisaa akka taatuuf milkeessuuf kan qabsaa’an natti fakkaata.
Kanaafuu irra caalaan miseensa humna Tigraay waliigalteen nagaa fedhii kana kan dheerressu jechuun yaaddoo qaba. Anis imalli kun akka dheereeffame natti mul’ata,’’ jedha.
Tsaggaayee Gabramadihiin gamasaatiin, dargaggoonni Tigraay deeggarsa yerootiif sulula gammoojjii Tigraayiitti hin baane jedha.
‘‘Dargaggoonni Tigraay kan loluuf bahan neetiworkii yeroo, qoricha yeroo, banamuu tajaajila yeroo akkasumas baankii, balaliinsaa fi deeggarsa qamadii barbaadee miti.
Bilisummaa, jiraachuu ummataa, jiraachuu biyyaa fi eenyummaasaa barbaadeeti kan bahe. Waliigalteen nagaa kun ammoo kan heera mootummaa humnoota alaa waamee nu haleelchise deebisuudha, nama aarsa…’’ jedha.
Tarkaanfiin jalqabaa madaa waraanaan booda uumaman fayyisuudha jedha Tsaggaayeen. Shawwiiti gamasaatiin dhalattoonni Tigraay hundi paartiif jedhanii akka hin qabsoofne dubbata.
‘‘Tarii deebinee waraanatti galuu dandeenyaa jedhee yaadda’a. Boru deebinee waraanaatti akka hin galleef wabii hin qabnu,’’ jechuun sodaa isaa ibsa.
‘‘Haala waraanaan booda jiruuf karoorfannee deemuu qabna,’’ jedha.
Ajajoota waraana Tigraay keessa tokko kan ta’e Jenaraal Migbay, marii ummataa tokko irratti argamuun "nageenyi kun firii qabsoo ta’uu'' kaasuun, "gaaffiifi fedhiiwwan keenya karaa nagaatiin akka raawwanu nu dandeessisa. Gufachiifamuu hin qabaatu," yoo jedhan dhagahameera.
Ajajaa humnoota Tigraayiifi Dura taa’aan koree Qopheessituu mootummaa yeroo, Janaraal Taaddasaa Warradaa adeemsi nagaa sadarkaa booddeetti hin deebiifamne irra gahuu miidiyaaleetti himanii ture.
Waliigalteen nagaa lammiilee Tigraayi miiliyoonoota haala sukkaneessaadhaan beela, du’aafi dhibeef saaxilamaniif boqonnaa akka uume dubbatan.
Maatiin bittinaa’ee ture qaamaafi bilbilaan wal arguu, kan dhukkubsate deeggarsa wallaansaa argachuu danda’eera.
Haata’u malee kanneen qe’eesaaniirra buqqa’an fi baqattoonni rakkoo olaanaa keessatti akka ragaman dubbatama.
Sababii waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeeffameetiin walqabatee badiin olaanaan qabeenyaafi namoomaa qaqqabsiisuun isaa dhaabbilee deeggarsa namoomaan himamaa ture.












