Manneen barnootaa sababa waraana Kaaba Itoophiyaan manca'an maalirra jiru?

Sababa waraana Tigiraay tureen manneen barnootaa kaampii baqattootaa tahanii ture

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Hojii baruu fi barsiisuu naannoo Tigiraayii fi bakkee waraanaan miidhaman keessatti adda cite ture deebi’ee akka jalqabamuuf koreen hundaa'ee hojjechaa jiraachuu Ministerri Barnootaa hime.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 jalqabe dhiyeenya waliigaltee nagaa TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti mallattaa’een xumurame.

Sababa waraana kanaan hojiin baruu fi barsiisuu naannoo Tigiraay keessaa guutummaan guutuutti yoo xiqqaate waggoota lamaaf addaan cite tureera.

Waraanni waggoota lamaaf ture kumaatama galaafachuun miliyoonota ammoo qe’eerraa buqqiseera.

Naannoo Tigiraayitti jalqabuun gara naannolee ollaattis babal’achuun manneen barnootaa naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa kumaatamaan mancaaseera.

Naannoo Amaaraa keessatti qofa bu’uuraalee misoomaa manca’an deebisanii ijaaruu fi uummata qe’ee isaa irraa buqqa’e qe’eetti deebisuuf yoo xiqqaate Birrii biliyoona 475 akka barbaachisu miidiyaan biyya keessaa Waazeemaan gabaaseera.

Bu’uuraalee misoomaa manca’an deebisanii hojiii jalqabsiisuuf Birrii biliyoona 292 akka barbaachisu kan eere gabaasni kun uummata sababa waraanaan qe’ee isaarraa buqqa’e miliyoona 2.4 tahu deebisanii dhaabuf ammoo Birrii biliyoona 183 akka barbaachisu hime.

Bara 2014 A.L.Itti manneen barnootaa naannoo Amaaraa keessaa sababa waraana Kanaan manca’an gara 4,000 akka gahan qondaalli Biiroo Barnotaa naannichaa himaniiru.

Sababa Kanaan barattootni miliyoona 1.8 tahan barnoota isaanii ala yoo tahan, barsiisonni kuma 116 tahanis hojii isaanii dhaabanii akka turan himaniiru.

Manneen barnootaa naannoo Amaaraa keessaa manca’an suphuun bakka adda addaatti kan jalqabame tahu, Biiroon Barnootaa naannichaa suphaa kanaaf baasii Birrii biliyoona 11 ol akka gaafatu kana dura ibseera.

Barnoota waliigaltee nagaan booda

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan federaalafi TPLF erga walii galtee uumanii as loltootni TPLF meeshaa waraanaa hiikkachuun, mootummaan federaalaa dhaabbilee gurguddoo federaalaa naannica keessaa akka to'atu tahaa jira.

Tajaajilootni bu'uuraa akka ibsaa, baankii fi qunnamtii naannichatti deebi'anii jalqabaa jiru.

Sababa waraana kanaan daa'imman umuriin isaanii gahes tahe kan duraan barnoota irra turan waggoota lamaa oliif barachaa hin turre.

Ministeera Barnootaatti Hojii Raawwachiiftuu Dhimma Qunnamtii fi Komunikeeshinii Uummataa kan tahan Aadde Amalewarqi Hisqeel, naannoo Tigiraayii fi Amaaraa akkasumas Affaar keessatti miidhaa manneen barnootaa irra gahe akka qorataniif koreen hundaa'ee hojiitti galamuu himan.

Koreen kun erga waliigaltee nageenyaa mallattaa'ee kan hojiitti galan tahuu kan himan Aadde Amalewarqi, sadarkaa ministeera barnootaattis koreen teeknikaa tokko hundaa'uun haala barnootni itti jalqabuu danda'u irratti hojjechaa jiraachuu himan.

Koreen jalqabaa miseensota namoota shanii kan of keessaa qabu yoo tahu, kan jalqaba qorannicha gaggeessaa ture ammoo ogeessota of keessaa qaba jedhan.

Koreen kun qaamaan bakkeewan miidhaan dhaqabe deemuun gaggeesitoota dhaabbilee barnootaa olaanoo waliinis mari'achaa jiru jedhan.

Isaan keessaa yuunvarsiitii Raayyaa, Maqalee, Aksumii fi Adigiraat isaan duraa yoo tahan haalatti barnootni jalqabamu irratti marii fi qorannoon gaggeeffamee baajatni barbaadamaa jira jedhan.

''Amma baajatni barbaadamaa jira. Dabalataan miidhaan xiinsammuus barsiisota irras waan jiruuf leenjiin ni kennamaaf. Kanaaf meeshaaleen leenjiif barbaachisan qophaa'aa jiru.''

Kaaba Gondar aanolee naannoo Tigiraay naannoo daangaa Amaaraa jiran keessatti barnootni jalqabuu himan.

Aanolee akka Adealqaay keessatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa shanii fi sadarkaa tokkoffaa 126 tahan keessatti barnootni jalqabuu himan.

Akkasumas Kaaba Walloo kanneen akka Laastaa, Raayyaa, Qobboo fi naannoo isaanii keessatti barnootni adda citee ture irra deebiin jalqabuu himan.

Naannoo Affaar keessaa Zoonii 2 keessatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 6 fi sadarkaa tokkoffaa 202 keessatti barnoota jalqabuu himan.

Zoonii afur keessatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa afur fi sadarkaa tokkoffaa 156 keessatti eegaluu ibsan.

Dabalataan dhaabbilee barnootaa olaanoorra miidhaan gahe qoratamuu kan himan aadde Amalewarqi suphaa fi hojiin qulqulleessuu godhameefii gara tajaajila kennuutti deebi'uu danda'u jedhan.

Yuunvarsiitiileen guutummaan guutuutti barbaadaa'an akka hin jirre himanii kan akka Yuunvarsiitii Maqalee, Raayyaa fa'a suphaan taasifameefi akka hojiijalqabaniif hojjetamaa jira jedhan.

Yeroo waraanaa sana barsiisonnii fi hojjettootni naannichaa baqatan hedduudha. Hojii kana koreen hundaa'e yuunvarsitota waliin kan hojjetu tahuu himanii, hojii guddaan baajata barbaaduu akka tahe himan.

"Ammatti miidhaan dhaabbilee barnootaarra waliigalaan naannoo Tigiraay, Amaaraa fi Affaaritti dhaqabe kan beekamu yoo qorannichi xumuramedha," jedhan Aadde Amalewarqi.

Erga waliigalteen nageenyaa TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti mallattaa'ee mootummaan yeroofii naannicha keessatti akka hundaa'uuf hojjetamaa jira.

Koreen dhimma kana irratti hojjetu adda bahuun dhiyeenya mootummaa yeroo hundaa'u akka ifa godhu ibseera.

Mootummaan federaalaa baajata naannichaaf kan gadhiisu yoo hojiin mootummaa yeroofii ijaaramee xumurame akka tahe dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachoo raddaa dhiyeenya kana himaniiru.

Sababa Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa tureen yoo xiqqaate lubbuun namoota walakkaa miliyoonaa darbuu dhiyeenya ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Olesgun Obaasaanjoo himaniiru.