Tigraayitti yakki saamichaa hammaate, jiraattonni yaadda'an

magaalaa Maqalee halkan keessa

Madda suuraa, ATAKHELTI DEJENE

Naannoo Tigraay keessa yakki ‘meeshaa hidhannoon’ raawwatamu yaaddoo uumeera.

Rakkoo hawaasaa fi diinagdee Tigraay keessa jiruun dabalataan yakki saamichaa nagaafi tasgabbii jiraataa irratti yaaddoo olaanaa uumaa jiraachuun ibsamaa jira. Jiraattonni BBC’n dubbises rakkoo mudataa jiru ibsaniiru.

Masarat Haadish mobaayilii isheetti ergaan gabaabaa akka ergame waayillishee tokko itti hima.

''Kaleessa anaanis ergaan wal-fakkaataa na qaqqabee ture, qaamoti nuti humna addaadha jedhan, gara iddoo dukkanaa nu dhaqatanii, nu tumanii, nu gadhiisan," jedha ergaan isaan qaqqabe.

Magaalaa Maqalee kan jiraattu Masarat kana dura Amajjii 30, 2023 hojiidhaa baatee yeroo gara manaatti deebitu, addabaabaayi Haawuzeen yeroo geessu, saamtonni harkashee bitaa, mirgaa qabanii miidhaa irraan gahanii turan.

Addabaabaayiin kuni yeroo idileetti kan namaafi konkolaataan baayyee irra darbudha. Yeroo saamtonni harkashee asiifi achi qabatanii boorsaa ishee butan, namni baayyee naannooma sana dhiyeenyatti taajjabaa ture jechuun ibsiti.

"Na gargaaraa otoon reebamuu narratti ilaaltuu? jedhee iyyaan ture. Namni callisee ilaaluun waanuma filmiin hojjetamaa jiru fakkaata,’’ jechuun haala ture ibsiti.

Namni ofiif ijaa sodaatuuf akka duraanii gargara qabuuf hin dhufu jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Akkas hin turre nuti, namni hundi fagootii gaafa ilaalu baayyeen gadde. Yeroo gabaabaafis tahu, ulfaataa ture,’’ jetti.

Masarat sagantaa TV, dubartoota sababa waraanaan haleellaa saalaaf saaxilamaniifi dhimmoota hawaasaa biroo ilaallatu qopheessiti, akkasumas barsiistuu muuziqaati.

Masarat saamicha magaalaa keessatti adeemsifamaa jiruun, "haadholii, dargaggootaafi warreen qabsoo irraa deebi’an otoo hin hafiin dhabaa jirra. Namni baayyee du’aa jira. Homaa hin argatan garuu nama akkasumaan albeedhaan waraanu. Haala yaaddessaa taherra geenyeerra,’’ jetti.

Barreessaa kitaaba "Akkamiin haa rafnu’’ jedhamuu kan tahe Tsaggaayi Gabiramadihiin, halkan keessaa sa’atii 4:00 irratti gara manasaatti yeroo deebi’u, namoota sadiin haleellaan akka irra gahe dubbata.

"Duubarraan dhufanii saggoo koo na qaban, kobilistoonii irratti na kuffisanii qarshii kiisii koo keessa tureefi mobaayilii koo fudhatan. Sa’aatii tokko booda taha kanan gara qalbii kootti deebi’e,’’ jechuun waan irra gahe yaadata.

Torbee kana keessas akkasuma namoonni inni dhiyootti beeku yakka wal-fakkaataaf saaxilamuu dubbata.

Saamichi akkasii kuni yeroo murtaa’eef hir’isee kan ture tahus, torban lamaan darbanitti garuu itti abaaseera jedha Tsaggaayi. Caasaa nageenyaa jiraataa eeguun iddoo hin jireettiifi namni lafa yaaddoodhaan socho’u keessa jirra jechuun ibsa.

"Namoonni manaa bahanii deemuu ni sodaatu. Shufeera baajaajii amantee socho’uu hin dandeessu. Sababiinsaas achi si galchanii nama biraa dabalatanii si saamu,’’ jedha.

Haawwan magaalaa Maqalee keessa lafoo deeman

Madda suuraa, Getty Images

‘Keellaa ofii isaanii dhaabbataniiru’

Waraaana waggoota lamaan darbaniif adeemaa ture dhaabsisuuf mootummaa federaalaafi humnoonni Tigraay waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhaabbataa erga mallatteesanii baatiin sadii lakkaa’amus, ammallee gaazexeessitoonni gara naannichaa galuu hin danda’an.

Naannoo Tigraay keessatti saamichi waan haaraa tahuu baatus, amma garuu taateewwan addaa mudachaa jiru.

Jiraattonni BBC’n dubbise morma hudhanii butuu, cubeedhaan sodaachisanii waraanuun waan harka namaarra jiru fudhachuu, kana malees yakki kuni meeshaafi konkolaataadhaanis raawwatamaa jira jedhu.

Kana malees yakki kuni ganda 14, 15 fi 16 akkasumas Abrahaa Kaasilifi naannoo Yunivarsiitii Addi Haqii addabaabaayi Maartaa jedhamuttillee akka raawwatamu dubbatu.

Miseensi humnoota Tigraay maqaansaa akka hin eeramne gaafate, "yakka miilanaa kan adda godhu hidhataan hundi kutaa waraanaan kan beekamu tahuusaati," jedha.

"Namoota raadiyoo qunnamsiistuu fi konkolaataa qabantu yakka kana irratti hirmaachaa jira. Kana dura daawwitii konkolaataa cabsaniitu hatu ture. Amma garuu konkolaataa akkuma jiruun hatu.

Mana teessee jirtutti si saamu. Mana sakattaana, waraqaa mana murti qabna jedhanii si saamu. Manni hogganootaa otoo hin hafiin saamamaa jira. Kuni egaa saamichi kan qindaa’e tahuu agarsiisa."

Akka inni jedhutti sababa kanaan namoonni guyyaa guyyaan du’aa jiru. Innillee halkan sa’aatii lama booda magaalaa keessa hin socho’u.

Magaalawwan Maqaleen ala jiran Addigraatiifi Abbii Adii keessaafi naannoo baadiyyaa keessallee rakkoon guddaa akka jiru hima.

"Magaala keessa hiyyeeyyiifi dureessonni haleellaan irra gahaa jira. Baadiyyaa keessa looniifi midhaan butaa jiru. Kanaan ala garuu hidhattoonni kunneen keellaa sobaa kan dhaabaniifi kan hidhatanidha," jedha.

'Somaalee Taraa'

Jiraattoonni magaalaa Maqalee mandara keessa jiraatanitti bilbila moobaayilaafi meeshaaleen biroo irraa fudhatamuu fi reebamuu himatan hedduudha.

Tajaajilli bilbilaa ji’oota 18’f addaan citee ture erga deebi’e, namoonni bilbilli irraa fudhatamaa jiraachuu himatu.

Namoota kanneen keessaa tokko kan taate Masarat, torban darbe haleellaan wayita irra qaqqabu humna addaa naannichaatu ishee baraare.

Bilbilaa fi meeshaaleen hataman biroo hoteela Pilaaneet jedhamu duubatti gurguramu.

Iddoon meeshaaleen hataman baayyinaan itti gurguramu akkuma kan magaalaa Finfinneetti "Somaalee Taraa’’ jedhamee waamama.

"Meeshaa bitachuu feetu itti himta, yoo hin qabaanne [hamma hatanii fidanitti] guyyaa muraasa nuuf kenni jedhanii meeshaa sana siif fidu,’’ jedha jiraataan magaalichaa tokko.

Namoonni lakkoofsi isaanii hin xiqqaa hin jedhamne hanna hojii idileesaanii godhataniiru.

Magaalichatti dargaggoonni hedduun madda galii hin qaban, hojjettoonni mootummaa waggoota lamaaf miindaa isaanii hin arganne.

Akkaataa waliigaltee Piritooriyaatti miseensonni humnoota Tigiraay hidhannoosaanii deebisanii leeenjii akka fudhatanii ibsamee ture.

Ji’oota sadan darban namoonni haala sukanneessaan miidhamanii hospitaala seenan lakkoofsi isaanii dabaluu, ragaan mana yaalaarra argame agarsiisa.

Namoonni miidhaman baayyeen isaanii hospitaala dhaqu, hospitaalli garuu odeeffannoo isaanii Biiroo Nageenyaarra kan darbe qaama biraaf odeeffannoo kennuurra of qusate.

Hoji-gaggeessaan hospitaala magaalichaa Dr Filimoon xalayaa idileen yoo barreessitan qofa odeeffannnoo dhimma kanarratti kennina jedhan.

Haa ta’u malee, namoonni haleelamanii miidhamuun hospitaala seenan, lakkoofsi isaanii yeroo kaanirra dabaluu Hospitaalli Riferaalaa Ayidar beeksiseera.

Sababii dhugaatii alkooliin walqabatuun miidhaan namootarra qaqqabu baayyina qabaachuun ibsameera.

Daarektarri hospitaala Riferaalaa Ayidar Dr Abirihaa Gabra Igzihaabiheer, namoonni dhakaan rukutaman, waan qara qabuun waraanaman fi rasaasaan dhahaman dabalatee guyyaatti namoonni hospitaala seenan 10- 13 ta’u jedhan.

Jimaataa hanga Wixataatti kutaa wal’aansa atattamaa guyyaatti kan seenan hanga namoota 50 akka ta’an himan.

Kunis yeroo waraanni gaggeeffamaa ture ni caala jedhan.

humnoota addaa Tigraay, waraanaan dura

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi naannoo Tigraay maal jedha?

Komishanirri Poolisii Naannoo Tigraay Jeneraal Yihidagoo Siyyum, haalli nageenya naannichaa waraana naannicha keessa tureen hidhata hedduu qaba jedhan.

Hanni moobaayilii fi saaamichi meeshaalee waraanaatiin raawwatamu jiraachuu himan.

"Onkolooleessaa ykn Sadaasa keessa namoonni qawwee hidhatanillee turaniiru. Harka caalaa isaanii waan to’anneef amma saamichi akkasii hin jiru,’’ jedhan.

Darbee darbee garuu ammas saamichi akkasii ni raawwatama jedhan.

Komishinara jeneraal Yihidagoon, magaalaa fi baadiyyaa Tigiraayitti rakkoon kuni mul’ataa turuu kaasuun, Onkoloolessa keessa ittuu hammaachuu himan. Mana yaala keessatti hanqina dawaa hin sirroofnetu jira jedhan.

Mootummaan federaalaa fi hoggantoonni TPLF dhukaasa dhaabuu hordofee, qaamoleen nageenyaa bobbaafamnaan, ji’a Muddeerraa kaasee magaalaan Maqalee tasgabbii fooyyee qabaachuu dubbatan Komishinaarichi.

Darbee darbee yakkoonni akka raawwatan eeruun, hawaasa hirmaachisuun yakka raawwatamu xiqqeessuuf dhama’aa jiraachuu eeran.

Komishinaara jeneraal Yihidaguun akka jedhanitti, yakka raawwatamu xiqqeessuuf caasaan poolisii haaraan tajaajila sa’aatii 24 kennaa jiraachuu eeran.

Jiraataan magaalaa Maqalee Tsaggaayee Gabremadin, miirri seera dhabdummaa magaalicha keessatti mul’aturratti tarkaanfiin sirreeffamaa gama siyaasaatiin fudhatamu qaba jedhan.

Masaratillee magaalaan Maqalee dhiyeenyatti gara tasgabbiitti deebiti jettee abdatti.