Miseensonni waraana eeggataa Ertiraa waraanaaf waamamanii turan gara manasaanii deebi'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Waraana naannoo Tigraayiitti gaggeeffamaa ture keessatti hirmaachaa kan turte Ertiraan baatii Adoolessa keessa waraanichi deebi’ee ka’u hordofee, miseensota waraanaa eeggataaf waamicha taasisuun gara adda waraanaatti ergaa turuun bal’inaan gabaafamee ture.
Erga baatiiwwan dura waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti waraana dhaabuuf taasifameen booda, keessattuu baatii Fulbaanaatii as adda waraanaatti boba’anii kan turan miseensi humna eeggataa amma gara manasaaniitti gaggeeffamaa jiraachu maatiifi kanneen gaaggeefaman irraa BBCn mirkaneeffateera.
Miseensonni humna eeggataa kunneen erga adda itti bobba’anii turan irraa deebi’anii booda, hayyamni ‘‘sochii baatii tokkoo kennameef’’ gara dhufaniitti deebi’aa jiraachu BBCn odeeffateera.
Yeroo waraanni dhumaa cimee Ertiraanis loltoota ishee waraana Itoophiyaa cinaa hiriirsuun humnootii Tigraay waraanaa turteetti, Ertiraan waraana idilee isheetiin alatti miseensoota waraana humna eeggataa kanneen umuriin isaanii waggaa 55 gadi ta’e, fi iddoo tokko tokkootti ammo kan umuriinsaanii kana caaluf waamicha taasisuun ishee ni yaadatama.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture waliin galteen Sadaasa 2, 2022 erga Afriikaa Kibbaatti mallattaa’een booda, humnootii mootummaa federaalaatiin alatti kaan Tigraay keessaa akka bahaniifi hidhattoonni TPLF ammo hidhannoo akka hiikkatan akka taasifamu ibsameera.
Kana hordofees jalqaba baatii Amajjii irraa kaasuun loltoonni Ertiraa haalaan baay'ee ta’an dhaadannoowwan injifannoo labsan qabachaa magaalota Tigraay garaagaraa keessa bahuun gara bulchiinsa Ertiraatti wayita seenan jiraattoonni BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Miseensonni waraana eeggataa gara Ertiraa deebi’aniifi BBC'n dubbise akka jedhanitti, ‘‘miseensonni waraana ummataa gara adda waraanaatti bobbaafamanii turan hundu deebi’aniiru. Miseensonni waraanaa idilee hedduunis bakka duraa isaaniitti deebi’aniiru’’ jedhan.
Miseensonni waraanaa eeggataa baatiiwwan jahan darbaniif adda waraanaatti bobbafamanii turanis ‘‘hundinuu’’ akka deebifaman ragaan BBC argate mul’isulleen, waraanni Ertiraa guutummaan Tigraay keessaa bahu ilaalchisee garuu ‘‘wanti beekan akka hinjirre’’ dubbataniiru.
Dhuma torban darbeerratti Dhaabbata Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta’an Liindaa Tomaas loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahuuf sochii taasisuu kaasuun, garuu ammo naannoo daangaatti lafa Itoophiyaa keessatti akka argaman dubbachunsaanii ni yaadatama.
Maatii wal arguudhaaf
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensa humna eeggataa adda waraanaatti bobba’ee ture keessaa tokko kan ta’e, naannoo Tsoranaatti boba’ee kan tureefi maqaansaa akka hin caqafamneef kan gaafate, jiraataan Magaalaa Asmaraa tokko, ‘‘eeyyeen deebineera. Amma ijoollee koo waliin manan jira’’ jechuun BBC'f mirkaneesseera.
Namni kunis haala baatiiwwan shanan darban ture ilaalchisee dubbachuuf fedhii qabaachu baatulleen, ‘‘waliigalattu haala rakkisaatu ture. Waraana keessatti waan gaarii maaltu jiraata?’’ jedheera.
Dabaluunis miseensonni waraana eeggataa inni keessa ture gara adda waraanaa akka hin seeniin ibsuun, haata’u malee sababii umuriii, haala fayyaa, maatiin adda bahun walqabatee dhiibbaa irratti uumameen ‘‘haalichi baay'ee cimaa ture, garuu baga isa booda itti hin fufnee’’ jedhan.
Miseensi waraana eeggataa godina Gaash Baarkaa irraa adda waraanaatti ergamee ture kan biraas nagaadhaan maatii isaatti deebi’uutti gammadu BBCtti himeera.
Miseensonni sababii umurii, busaa, dhibee duraan irra tureefi balaadhaan lubbusaanii dhaban jiraachu akka malan kaaseera.
Miseensonni waraana eeggataa kunneenis baatii Fulbaanaa keessa waamichi wayita taasifsamefitti gara itti ramadaman akka dhaqan malee, gara adda waraanaa akka deeman itti hin himamne ture.
Haata’u malee hedduunsaanii addawwan waraanaa karaa godina Gaash Baarikaatti argamaniitti akka ‘humna of eeggannootti’’ akka turan BBC'tti himan.
Waraanni Itoopiyaatti gaggeeffamaa ture cimaa adeemnaan, Ertiraa keessatti iddoowwan hundatti koorniyaa osoo adda hin baafne dargaggooti fudhatamaa akka turan gabaasuun keenya ni yaatatama.
Gammachuufi abdii
Waraanni waliinii Itoophiyaa cimee itti fufuun wal qabate, baatiiwwan jahaan dura keessattuu miseensonni waraanaa humna eeggataa hojiiwwan dhuunfaa irratti bobba’anii turan waamichi atattamaan waraanaatti makamu taasifameefii, maatii hedduunis haala rakkisaa ta’e dabarsuun himu.
Maatiifi miseensonni eeggataa BBC Tigriffi dubbisee muraasni, erga abbaan warraa isaanii gara adda waraanaatti bobbafamanii booda galiin maatii waan adda citeef baatiiwwaniif rakkataa turu himan.
Gaash Baarkaa keessatti hojii daldalaa hojjachuun maatii bulchaa kan ture Sheekaay, haatii warraa fi ijoolleensaa gutummaan isarratti hirkatanii akka turaniifi erga inni waraanatti makameen booda ammo haala rakkisaa ta’e keessa turu BBCtti hime.
‘‘Haalichi osoo hin yaadiin sadarkaa olaanaa irra gahe. Waan naannoo keenyaa fageessanii nu fudhatan nutti hin fakkaannee ture. Hin qophofnees, maatiin garuu rakkoo keessa bu’unsaa hin ollee…’’ jechuun haala akka tasaatti mudate yaadata.
Keessattu baatiiwwan Jahan darban keessa jireenyi cimuu kan himtu Asimarati, ‘‘…Jireenyi keenya duriyyuu kan deeggarsa irratti bu’ureeffateedha. Haata’u malee obbooleessikoo biyya alaa jiru na gargaareera’’ jetti.
Mootummaanis erga namoota hojiiwwaan dhuunfaa hojjataa turan gara adda waraanaatti geesseen booda maatii gargaaruuf ykn galii isaan argataa turan bakka buusuuf jecha wanti taasise homtuu akka hinturre miseensonni waraana eeggataafi maatiinsaanii ni dubbatu.
Miseensonni waraanaa amma gara maatii isaaniitti deebi’anis hayyama sochii baatii tokkoof kennameef kanatti fayyadamuun hojiifii jirusaanii bakka duraatti deebisuuf yaalaa jiraachuu dubbatu.
Waldhabdee wagga 20'n booda MM Abiy Ahimad aangootti dhufu hordofee Ertiraafi Itoophiyaa jidduutti qilleensi nagaa bubbisuu eegalulleen sababii waraana Tigraayiin loltoonni Ertiraa hirmaachu eegalan.
Haalli kunis lammiileen Ertiraa hedduun waa’ee egeree isaanii yaaddoo keessa akka buuse kan dubbatu Sheekaay, ‘‘Kana booda maaltu umamuu mala?’’ gaaffiin jedhu rakkiisaa ta’ulleen, haalli nagaa Itoophiyaatti mul’ataa jiru garuu haala dhiphinasaa kan salphisuudha jedha.
''Miseensi waraanichaa gara biraas, nuti qofti osoo hin taane kanneen dhaabbataan waraana keessa turanis deebi’aniiru’’ jechuun abdii nagaafi jireenya tasgabaa’aaf qabu hima.












