MM Abiy Ahimad hogganoota TPLF wajjin yeroo jalqabaaf fuldura mari'atan

Madda suuraa, @REDWANHUSSEN
Ministirri mummee Abiy Ahimad waggoota lamaan booda yeroo jalqabaaf qondaalota TPLF wajjin fuldura wal-arguun marii'atan.
Mariin kunis kan adeemsifame waraanni lubbuu namoota hedduu galaafate waliigaltee nagaan mallattaa'uun ji'oota sadiin boodadha.
Karaa miidiyaalee mootummaa gabaasa bahe wajjin viidiyoo fi suuraan dhiyaate Ministirri Mummee Abiy Ahimad qondaalota waraanaa fi siyaasaa TPLF wajjin yoo marii'atan agarsiiseera.
Ministira Mummee Itti-aanaa fi Ministirri Haajaa alaa Dammaqa Mokonnin, Af-yaa'ii mana maree federeeshinii Adam Faaraah, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Gorsaa Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa ministira mummee Reediwaan Huseen, Minsitira Raayyaa Ittisaa, Abrihaam Balaay(PHD) fi kaan illee marii kan irratti hirmaataniiru.
Gama Tigraayiin immoo Obbo Geetaachoo Raddaa, Jeneraal Tsaadiqaan Gabira Tinsaayi, Leetanaat jeneraal Taaddas Warrada, Ambaasaaddar Wandimmuu Asaamminaw fi kaan illee argamaniiru.
Ambaasaaddar Reediwaan Huseen fuula Tiwiitarii isaanii irratti, bakka buutota TPLF waliin adeemsa raawwii waliigaltee nagaa irratti mariin taasifamuu katabaniiru.
Dabaluunsi wal-amantee qaamota lameen gidduu jiru jabeessuufi rakkoo uummataa salphisuuf imalli gara Tigraayi taasifamu akka dabaluufi baankiifi dhimma tajaajiloota biroo irratti murtoo dabarsuu isaanii ibsaniiru.
Ministira mummee Abiy Ahimad dabalatee qondaalonni mootummaa federaalaa akkasumas hogganoonni TPLF yeroo jalqabaaf kan wal-argan Finfinneen alatti Naannoo Kibbaa, iddoo Halaalaa Keellaa jedhamuttidha.
Waraana waggaaa lama ture dhaabuuf mootummaa federaalaa fi TPLF kana dura Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaa, achiin yeroo lama Keeniyaa, Naayiroobiitti jaarsummaa Gamtaa Afrikaan marii'atanii turan.
Qondaalonni qaama lameenii miidiyaalee mootummaaf yaada kennaniin mariin isaanii dhimmoota waliigaltee irratti kaa'aman akkatti raawwatamaniifi hojii gara fuulduraaa isaan eeggatu irratti gamaaggama gochuu himaniiru.
Baatii sadeen darbanitti deeggarsi namoomaa daangeeffama malee dhiyaachaa, bu'uuraaleen misoomaas deebi'anii eegaluu akkasumas, TPLF hidhannoo hiikkachuu fi Raayyaa Ittisaan ala qaamoti hidhatan birooo Tigraay irraa bahuu jalqabaniiru.















