Dabratsiyoon G/mikaa’eel Tigraayitti ‘jijjiramni hoggansaa’ akka taasifamu gaaffii dhiyeessan

Dabratsiyoon G/mikaa’eel

Madda suuraa, DW

Dura taa’aan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa’eel (PhD) walgahii mana maree naannichaa gaggeeffamaa jiru irratti caasaa hoggansa naannichaa irratti jijjiramni akka taasifamuuf gaaffii dhiyeessan.

Dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel kana kan dubbatan walgahii idile shanaffaa ‘‘Mana Maree Naannoo Tigraay gaggeeffamaa jiru irratti ta’u’’ TV naannichaa gabaase.

Walgahii magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiru irratti ‘‘adeemsi amma eegallees kan waraanaa cimaa irraa gara waltajjii siyaasa nageenyaatti nu ceesisuudha. Yeroo ce’umsaa kana ammoo of eeggannoodhaan qabuufi hogganuu qabna’’ jechuun dubbatan.

‘‘Kanaafuu caasaa haaraa nageenyi kenya eegamuu fi cimee akka itti fufuuf dandeessisutu nu barbaachisa. Waan ta’eefis, jijjiramni dandeettii miseensoota TPLF fi dhalattoota Tigraay kaan fayyadamu nu dandeessisu akka taasifnuuf akka nuuf hayyamamuuf kabajamaa manni marichaa ittigaafatamummaa akka nuuf kennuun gaafadha’’ jedhan.

Dabratsiyoon gaaffii kana mana marichaatiif kan dhiyeessan, qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti caasaa hoggansaa irratti jijjiramni taasifame hin jiru jechuun erga barreessaniin booda.

Guyyoota muraasaan dura gabaasaalee aanga’oonni olaanoon TPLF buleeyyiin aangoo isaanii irra kaafamu himan bahaa kan turan yoo ta’u, dureewwan garichaa ijoodha jedhaman akka aangoo gadhiisan himamaa ture.

Haata’u malee Dubbi Himaan TPLF Geetaachoo Raddaa barreeffama toora tiwitara isaanii irratti Dilbata darbe barreessaniin, ‘‘Jijjiramawwan dhimmoota nageenyaafi jiraachuu uummata Tigraay bu’uura taasifatan taasisuudhaaf waliigalteen jira. Ta’us kaabine haaraas ta’e caasaa haaraan ijaarame hin jiru’’ jedhanii ture.

Waraanaa waggoota lamaaf Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture dhuma itti gochuuf haaluma waliigaltee mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti Afriikaa Kibbaatti taasifametti bulchiinsi Tigraay filannoo falmisiisaa naannichatti gaggeeffameen hundeeffame kan diigamu ta’a.

Kanaanis naannoo Tigraay kan waraana cimaa keessa dabarte keessatti filannoon gaggeeffamuun hanga qaamni naannicha bulchu hundeeffamutti, mootummaa federaalaatiin bulchiinsi yeroo akka hundeeffamuuf eegama.

Mana maree naannichaa kaleessa Amajjii 23, 2023 gaggeeffamu eegaleerrattis, Dabratsiyoon waa’ee waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti irra gahameefi dhimmoota biraa kaasuun gabaasa dhiyeessaniiru.

Dura ta’aan kun waliigaltee nagaatiin booda gama dhiyeessii deeggarsa namoomaa, ibsaa, bilbilaafi tajaajilawwan bu’uuraa kkfn foyya’iinsi jiraachu kaasuun, kanneen hafan attatamaanii hojii gahaa akka eegalaniif gaafataniiru.

 Ajjandaan walgahichaa maal ture?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala Tigraay keessa jiru achuma Maqaleerraa itti dhiheenyaan hordofaa kan jiran Obbo Geetaachoo Aragaawii BBC’tti akka himaniitti, walgahii gaggeeffamaa jiru irratti kan hirmaatan qondaaltoota olaanoo adeemsa waraanichaa keessatti ittigaafatamummaa qaban, kanneen kallattiin waraanicha dursan, kan kana dura hooggansa irra turan fa’iidha jedhan.

‘‘Kanneen mootummaafi paartii keessa jiran waliitti qabamuun, haalli ammatti Tigraay keessatti argamtu fi jijjiramni keessa seenaa jirtu akkasumas waltajjiin ce’umsaa maal haa fakkaatu ajandaawwan jedhan’’ akka qaban dubbatan.

Yaa’ii kanarraayis jijjiramni bu’uuraa ni dhufa jedhanii namoonni hedduun eegaa jiraachu kan dubbatan Obbo Geetaachoon, ‘‘Haala waliigalaa attamiin haa hoggannu? Kallattii kamitti imalla? Attamiin imalla? Kanneen jedhan ka’umsa taasifachuun qophaa’insii jijiramaa waliigalaa akka jiraatuuf’’ fedhiin hoggansaa jiraachu ibsaniiru.

Obbo Geetaachoon akka jedhaniitti, haala siyaasaafi caasaa siyaasaa hanga ammaatti Tigraay keessa tureetiin jijjiramni olaanaan akka dhufu amanu.

Kanaanis walitti dhufeenyi mootummaafi paartii maal haata’u? Ajandaawwan paartiifi mootummaan ittii adda ta’uu qabaatan, jijjiramni waliigalaa akka taasifamuufi kanneen paartiin ala ta’an ammo adeemsa jijjiramaa kana akka hoggananiif murteessu qabna, yaadaafi caasaa adeemsa kana hoogganu fiduu qabna kan jedhan dhimmota yaa’ichaarratti xiyyeeffannoo argatan ta’u dubbatu.

Haalli siyaasaa Tigraay keessa jiru itti dhiyeenyaan kan hordofan Obbo Geetaachoon akka jedhaniitti, ‘‘haala hanga ammaa jiruun jijjirama olaanaa TPLF osoo hintaane, namoonni TPLF irraa hintaane osoo hoggananii yaadni jedhu jira. Garuu ganaa kan xumurarra gahamee miti’’ jechuun BBCtti himan.

Kanaafu, walgahii mana maree qaamooleen adda addaa irratti hirmaataa jiran irraa kanarrattisadeemsa jijjirama bu’uuraa irratti kallattii waliigalaa kaa’uuf malee, ‘‘ebeluutu ittigaafatamaa biiroo ykn kaabiinee ta’a kan jedhu mirkaneessuuf miti’’ jedhan.