Obbo Getaachoo Raddaa turtii MM Abiy waliin maali fa'i mari'atan?

Geetaachoo Radaa fi namoota marii irra turan biraa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad erga waraanni Tigraay eegalee waggoota lamaan booda yeroo jalqabaatiif Jimaata Guraandhala 3, 2023 qondaaltoota TPLF waliin fuulaafi fuulatti wal arguun mari’atan.

Maricha irrattis miseensoota bakka bu’oota waliigaltee nagaa gama mootummaa federaalaafi gama Tigraayiin Afriikaa Kibbaatti turanitu hirmaate.

Kanneen Tigraay bakka bu’uun waliigaltee nagaa keessatti hirmaatan keessaa Obbo Geetaacho Raddaa tokko yoo ta'an, haala marii MM Abiy waliin taasifameerratti miidiyaa biyyattii waliin turtii taasisaniiru.

BBCnis dhimmoota ijoo haasaa isaanii kanaan kaasaan akka asiin gadiitti qindeesseera.

Turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniinis, '‘erga waliigalteen nagaa mallattaa’ee baatii sadi ta’eera. Kanaafuu adeemsi hojiirra oolmaa waliigaltichaa hanga ammaatti fageenyi deemne maali fakkaata? Maaltu hanqata? Rakkoolee attamiitu nu mudataa jira? kan jedhaniifi dhimmoota biraa ittiin xinxaluun furmaati kaa’ameedha,’’ jedhan.

Dhimma loltoota Ertiraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni Ertiraa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa maddi hiriiruun Tigraay keessatti lolaa turanis naannicha keessatti sarbaama mirga namoomaa hedduu raawwachuun himatamaa turan.

Ammas waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallattaa’e hordofunis naannicha keessaa akka bahaniif dhiibbaan hawaasa idil-addunyaa cimaa jira.

‘‘Haala qindaa'een hanga ammaatti eddoowwan keessa socho'aa jiran tokko tokko akka jiran ni beekna. Marii keenya irrattis yaaduma kana kaafneera. Mootummaa Itoophiyaatiin akka gadi dhiisanii bahaniif gaafatamaniiru. Gaafa bahanis karaa nagaatiin akka gadhiisaniif qophii taasifneeti kan isaan gaggeessine’ jechuun nu hubachiisaniiru’’ jedhan.

Obbo Getaachoon itti dabaludhaanis, looltoonni Ertiraa eddoowwan tokko tokko keessaa bahusaanii qaama to’ataa Gamtaa Afrikaatiin mirkanaaeera jedhan.

Haata’u malee, bakeewwan tokko tokkootti ammalleen yeroo bahanii deebii’anii itti seenan waan jiruuf, gutummaan bahu qabaatu akka qaban dubbatan.

Itti dabalunis, haalli naannawa Adiyaaboo fi Irob’tti argamu baayyee yaaddeessaa ta’uufi, naannoolee sanatti gutummaan raayyaan ittisa biyyaa daangaa akka eeguuf waliigallee jira,’’ jedhan.

Addattis, tibba marichaatti raayyaan ittisa biyyaa akka Irob’tti bobbaafamuuf waliigalamu himan.

‘‘Waliigalattis, haala loltoonni Ertiraa ittiin bahan irratti marii keenya keessatti hojii jajabeessaan hojjatamaa jiraachu agarre. Haaluma walfakkaatunis, humnootiin Amaaraas eddoowwan baay’eedhaa akka gadi dhiisanii bahaniif dirqisiifamaniiru. Haata’u malee, Lixa Tigraay, Tsalamtiifi eddoowwan Kibba Tigraay keessatti ammalleen hojiiwwan hafan jiraachu ni hubanna’’ jedhan.

Waliigalteen nageenyaa jalqaba Afriikaa Kibbaatti mallatta’uun booda ammoo Naayiroobiitti dureewwan waraanaa jidduuttii taasifameen, humnootiin raayyaa ittisa mootummaa federaalaatiin alaa akka Tigraay keessaa bahaniifi humnootiin Tigraay ammo meeshaalee waraanaa gurguddaa akka hikkattan kaa’eera.

Haata’u malee erga waliigaltichi mallataa‘een baatii sadi ta’ulleen eddoowwan baayyeen to’annoo humnoota Amaaraa fi loltoota Ertiraa jalatti argamu.

Marii qondaaltoonni marii nagaa fi Abiy yeroo jalqabaaf taasisan

Madda suuraa, Redwan Hunsen

Dhimma bajataafi hundeeffama bulchiinsa yeroo

Waliigalteen nagaa mootummaa federaalaafi humnoot Tigraay jidduutti mallattaa’e hordofe, tajaajilli baankii waggaa lamaaf naannichatti adda cite ture deebii’ee banameera.

Haata’u malee jiraattoonni BBC'n naannichatti bakkeewwan adda addaarraa dubbise maallaqasaanii baafachu akka hin dandeenye himu.

Obbo Geetaachoonis dhimmoota MM Abiy waliin mari’atan keessaa tokko dhimma tajaajila baankii deebisuu ta’u kaasan.

‘‘Marii keenya MM Abiy waliitiin, rakkoo tajaajila baankii furuuf maallaqni akka ergamu murtaa’eera’’ jedhan.

Akkasumas haala bajanni naannoo Tigraayi itti gadhiifamuufi haaluma waliigaltee Piritoriyaatti dhimma ijaarsa bulchiinsa yeroo irrattis mariin taasifameera.

‘‘Jidduu keenya wal amantaa guutuun jjira jechuun yaaduun baayyee cimaa. Wal amantaa dhabiinsi bal'inaan mul'ata. Kanaafuu, ‘Bulchiinsa yeroo atattamaan hundeessitanii yoo xumurtan, nutis atattamaan bajata isiniif gadi dhiifna’ qophiin jedhu gamasaaniin akka jira'' jedhan Obbo Geetaachoon.

‘‘Jijjiramawwan ummata keenya fayyadan taasisuun barbaachisaadha. Kanas haala iftoomina qabuufi amanamaafi hirmaachisaa ta’een dafnee ni raawwanna. Sababii dhimmi hundeeffama bulchiinsa yeroo akka ulaagaatti kaa’ameef, ammatti gaaffiin bajataa deebii hin arganne’’ jechuun himan.

TPLF fi aanga’oonni naannichaa walgahii dhiheenya walitti fufiinsaan guyyoota hedduuf gaggeessan irratti, ‘‘mootummaa ce’umsaa hunda hammataa ta’e hundeessuuf hojjataa’’ akka jiran yoo dubbatan dhagahama. Haata’u malee, ammalleen qeeqxoonni hedduun adeemsa mootummaa ofiin barbaadan hundeessu jechuun TPLFn komatu.

Dhorkaa meeshaalaa gara Tigraay dhaquu

Erga guyyoota dhiyootiin asiitii konkolaattoonni mishaalee garaa garaa fe’anii gara Tigraayiitti imalaa turan naannawa Qobbootti dhaabisifamaa jiru.

Konkolaataawwan 300 mi’a fe’uun gara Tigraay imalaa turan akka naannicha hin seeneef dhorkamu TV naannichatti argamu Dimtsa Wayaaneen gabaaseera.

Dhimmi kunis marii MM Abiy waliin taasifame irratti mari’atamu Obbo Geetaachoon himan.

‘‘Yeroo konkolaataawwan mi’a fe’an akka Tigraay hin seenne itti dhorkamaniifi bakkeewwan hedduutti gibara dabalataa akka kanfalaniif itti gaafataman jiru. Kanaafuu, mootummaa atattamaan jidduu galuun dhimmi kun akka furamuuf waliigalameera,’’ jedhan.

Buqqaattootaafi bulchiinsa duraanii bakkatti deebiisu

Waraana Tigraay keessatti mudateen walqabatee lammiilee miiliyoonaan lakkaa’aman rakkoolee hawaasummaa fi diinagdee hedduuf saaxilamaniiru.

Kanneen kumaatama hedduun alkkaa’aman ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqaafamuun Maqaleefi magaaloota Tigraay garaa garaa keessatti dahatanii argamu.

Obbo Geetaachoonis dhimma buqqaattoota rakkoo hawaas-dinagdee wal xaxaa keessatti argamanii kanas MM Abiy waliin irratti mari’achu himan.

Dhiheenya kanas bulchiitoonni magaaloota Aksuumiifi Shiree irraa kaafamuun, miseensoonni poolisii kanneen humnoota Tigraay keessaa filataman magaaloota kanneennitti bobbaafamaniiru.

‘‘Hanga bulchiinsi yeroo ijaaramuttis bulchiinsi ture bakkatti deebiifamuun hojiisaa kan itti fufuu ta’a. Namoonni qe’eesaaniirra buqqaafamanis bakkatti deebii’u qabaatu. Haata’u malee, eddoowwan tokko tokkootti battalaan yoo deebiifaman balaarra bu’uu yeroon itti danda’an jiru,’’ jedhan Obbo Geetaachoon.

‘‘Bakkeewwan abbootiin hiree keessa socha'aniitti lltoota dhaabuun namoonni qe’eesaanii irraa buqqaa’an akka bakka jireenyaa saaniitti deebiifaman taasisuun, cimaa waan ta'uuf, mootummaa federaalaafi qaamooleen kaan waliin ta'uun yeroo gabaabaatti gara qeesaaniitti deebiisuuf akka hojjatan waliigalterra gahameera,’’ jedhan.

Itti dabalunis mariin qondaaltoota siyaasaa fi waraanaa Tigraay fi MM Abiy jidduutti gaggeeffame kan ‘‘wal hubannoo gaariin’’ tureedha. Haaluma qajeelfama kennameettis deebiisanii dhiheenyatti wal ni argina jedhaniiru.