Adeemsi Tigraayitti bulchiinsa yeroo hundeessuu maaliif harkifate?

Madda suuraa, Getty Images
Waraana hamaa Kaaba Itoophiyaatti raawwate dhaabsisuuf waliigaltee gahameen, filmaanni gaggeeffamee hanga mootummaan hundeeffamutti, marii siyaasaa mootummaa Itoophiyaafi TPLFn bulchiinsi yeroo akka hundaa’u ibsa.
Hundeeffamuun mootummaa yeroo rakkoo namoomaa hamaa Tigraay keessa jiru furuufi haalota fooyyeesuuf murteessaa tahuun isaa ni himama.
Hojjettoonni mootummaa naannichaa ganna lamaa oliif mindaa hin argatin jiran, hundaa’uu bulchiinsa yeroo akkaan eeggachaa jiru.
MM Abiy Ahimad fi angawoonni TPLF olaanoo walarganii mari’achuu isaanii hordofee, dubbi-himaan TPLF Obboo Getaachoo Raddaa ibsa kennaniin, Ministirri Muummichaa bulchiinsi yeroo ennaa hundaa’utti, bajanni akka gadhiifamu himaniiru jedhan.
Waliigaltee Piritooriyaan booda ji’oonni afur kan dabran ennaa tahu, haga ammaa garuu Tigraayitti Bulchiinsi yeroo hin hundeeffamne.
Haatahu malee koreen giddugaleessaa TPLF dhuma torbee darberratti, Obboo Getaachoo Raddaa pireezidantii mootummaa yeroo akka tahan filachuun himameera.
Gareen Naannichatti bulchiinsa yeroo ijaaruuf hundaa’e kana keessa qaamoleen garagaraa akka argaman kan himamu ennaa tahu, mootummaa federaalaan fudhatama argachuu qaba.
‘Ofii keessanii hundeessaa jedhamne’
Guraandhala keessa magaalaa Maqaleetti guyyoota lamaaf marii uummataa gaggeeffameen, bulchiinsi yeroo hundaa’uu miidiyaaleen naannichaa gabaasanii turan.
Jeneraal Taklaay Ashabbir Humnoota Tigraay bakka bu’uun, koree adeemsa hundeeffamaa dursu keessa jiru.
Waliigalteen Piriitooriyaa, Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF mari’achuun bulchiinsa yeroo akka hundeessan ibsa.
“Ofumaa hundeessaatii yaada irratti kennina, malee namni erginu hinjiru. Ofumaa xumuraa jedhamne,” jechuun miidiyaaleef himan.
Paartileen mormituu sadii naannichatti socho’an, hundeeffama bulchiinsa yeroo irratti akka hirmaatan waamichi godhamuufis hirmaachuu dhiisaniiru.
Paartileen Saawut, Wunaat fi Baaytoonaa; adeemsichi jalqabumarraa “rakkoo hirmaachisummaa fi haqa-qabeessummaa qaba” jechuun hirmaachuu didan.
Kaabineen haaraa hundaa’e miseensota 28 qaba. TPLF, Humnoota Tigraay, Paartilee mormituu, hayyuulee fi waldaaleen siviilii keessatti akka argaman himameera.
Dubb-himaan TPLG Obboo Getaachoo garuu “Hirmaannaa mootummaa jiddugaleessaan alatti bulchiinsi yeroo hundaa’eera kan jedhamu sobadha,” jechuun gaafas Twiit tolchan.
Gama mootummaa federaalaan dhimma kanarratti ibsi ifatti kenname hinjiru.
“Morkii aangoo keessa waan galan natti fakkaata”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gargaaraa Piroofeesara Yamaana Kaasaa Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa heeraa fi federaalizimiiti.
Bu’uura waliigaltee Piritooriyaatin TPLF waraanasaa naannoo waraana keessaa baasuufi meeshaalee waraanaa hiikkachuu; mootummaan Itoophiyaa ammoo tajaajiloota bu’uuraa jalqabsiisuun itti gaafatamummaa irraa eegamu bahuusaanii himu.
Tahus garuu bulchiinsa yeroo hundeessurratti harkifannaan jira jedhu.
Waliigaltichi: “TPLF Paarlaamaa biyyattiin tarree shororkeessaa jalaa bahee guyyoota torba booda, bulchiinsi yeroo ni hundaa’a,” akka jedhu kan himan hayyuun kun, harkifachuu adeemsa kanaaf mootummaa federaalaa gaafatama taasisu.
Haatahu malee mariin uummataa godhamee bulchiinsi yeroo hundaa’uu akka dhagahan kan himan Piroofesar Yamaana, yaaddoo akka qabanis ni himu.
“Adeemsichi sirriidha jedhamee bulchiinsi hin hundeeffamne. Yookis mootummaan federaalaa hin mirkaneessine… TPLF’s galmee shororkeessummaa keessaa na baasaa ennaa jedhus hin dhageenye.
Kanas gaafachuu dhabuunsaa, dhimmi isa yaaddessu aangoo duwwaa akka tahe agarsiisa.”
Gaazexessaan siyaasa Tigraay keessaa hordofu Getaachoo Aragaawii, hundeeffamuun bulchiinsa yeroo kan harkifate, waraana dhaabuun booda dhimmoonni waraanaa dursi laatamuuf waan turaniifi jedha.
Tahus Mootummaan “Badhaadhinarraas tahe human kaanirraa qama hirmaatu erguuf fedhii hinqabu. Qaamolee Tigraay keessa jiraniin haala hirmaachisaa taheen hundeessaatii, ennaa xumurtan haasofna” jechuusaa quba qabaachuu hima.
Heeyyama MM Abiy hordofee TPLF fi qondaalota waraanaa jidduu mariin dheeraan taa’amuu kan himu Getaachaw, “hooggantoota waraanaa jidduu waliigalteen jiraatus, paarticha keessa garuu, jijjiiramaa fi aangoo ilaalchisee garaagarummaan uumamuu odeeffannoo qaba,” jedha.
Kaabinee Ceehumsaa mormitoonni kuffisan
Paartileen mormituu sadii naannichatti socho’an, yaa’ii hundeeffama bulchiinsa yeroo irratti akka hirmaatan waamichi godhamuufis; adeemsichi rakkoo hirmaachisummaa qaba jechuun hirmaachuu didan.
Paartiin mormituu bakka bu’aa isaa erge Paartii Demookraatawaa Asiimbaa qofa ture.
Bulchiinsi Yeroo hundeeffamuunsaa himame “hirmaachisaa hinturre” jedhanii kan qeeqan gargaaraan piroofeesaraa Yamaana, kanaafis TPLF komatu.
Gaazexeessaa Getaachoo gamaasaan “adeemsichi ifa, demokraatawaa fi hirmaachisaa hinturre” jedhee amana. Qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu keessattuu paartileen siyaasaa akka hin hirmaanneef danqamaniiru jechuun qeeqa.
“Kunis kan taheef, adeemsa bilisaa fi hirmaachisaa keessa yoo seename, namni biraa aangoo qabata soda waan qabaniif natti fakkaata,” jedha.
Roorroo uummataa fi bulchiinsa yeroo
Torban dabre keessa angawoonni olaanoo Tigraay gara Finfinnee imaluun dhimma bulchiinsa yeroo hundeessan irratti MM Abiy wajjin mari’achuusaanii kan himu Getaachoo, MM Abiy kaabinee isaanii dhiyaate akka hin fudhanne odeeffannoo qabaachuu BBCtti himeeera.
“Miseensota shan koree giddugaleessaa TPLF turan, pireezidaantummaaf akka hin dorgomne barbaadu. Adeemsa yaa’ichaa irratti gaaffii kaasuu, TPLF aangoo hunda dhuunfatee dursuusaa kan hin deeggarre tahuu, baay’ina kaabinee irratti gaaffii kaasuu fi jijjiiramni akka godhamu gaafachuus dhagaheera.”
Mootummaan federaalaa Itoophiyaas tahe TPLF, yaa’ii bulchiinsa yeroo hundeessuuf taa’ame jedhamerratti, akkasumas yaada Ministirri Muummichaa kennan jedhamerratti wanti dubbatan hinjiru.
Haatahu malee torban dabre keessa jilli Dabratsiyoon GabraMikaa’el (PhD)n durfamu, MM Abiy wajjin walarguun mari’achuufi Ministirri Muummichaas caasaa kaabinee isaaniif dhiyaate kuffisuu isaanii, qondaalli TPLF maqaansaanii akka dhawamu hin barbaanne BBCtti himaniiru.
Maddi kun akka himanitti Dabratsiyoon pireezidaantii naannichaa tahuun akka itti fufan yaadni dhiyaate MM Abiy simachuu dhabuusaanii himuun, paartichi dhiyeenyatti walgahii akka taa’u himan.
Naannoo Tigraay keessa bulchiinsi yeroo hundaa’uu dhabuusaatti, sababa waraanaan uummanni rakkoo hamaaf saaxilame, dararaa isaaf furmaanni akka hin argamne taasiseera jedhu namoonni dubbisne kun.
“Dhimmi buqqaatota miiliyoonatti lakkaa’amanii marii siyaasaa hordofee waan furamu godhamee fudhatameera,” kan jedhu gaazexeessaa Getaachaw Aragaawii, Tigraayitti mootummaan fudhatama qabu waan hin hundoofnef, namoonni kun qe’eesaanitti deebi’uu hin dandeenye jedha.
Mootummaan bulchiinsi kun otoo hin hundaa’in dura bajata naannichaa gadhiisuuf fedhii dhabuusaatiin, uummanni kallattiin akka miidhamu taasiseera jedha.
Dabalataan “Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa turan kumaatamniifi dhalattoonni Tigraay siyaasaan hidhaa bu’an, ammallee mana hidhaa jiru.Marii siyaasaan hiikamuun isaanirra ture,” jedha.
Yaada gaazexeessaa Getaachoon kan waliigalan gargaraan Piroofeesaraa Yamaana, “Rakkoo naannolee jidduutti uumame hiikuuf jaarsummaan taa’a qaamni jedhu yoo dhufe, uummataafi mootummaa Tigraay bakka bu’uun qaamni mari’atu hinjiru. Qaawwi mootummaa jira, kunammoo sababa rakkoolee hedduuti,” jedhu.












