Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF tarree shororkeessummaa jalaa baase

Madda suuraa, TPLF/FB
Paarlaamaan Itoophiyaa dhaaba Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABBUT/ TPLF) galmee shororkeessummaa jalaa baase.
Miseensota 280 walgahii addaa guyyaa har’aa irratti hirmaatan TPLF tarree shororkeessaa jalaa akka bahu sagalee caalmaan murteessaniiru.
Miseensonni 61 garuu mormaniiru. Shan immoo sagalee hin kennine.
Walgahii kana irratti Ministirri haqaa Itoophiyaa Dr Gediyoon Ximootewos TPLF tarree shororkeessaa jalaa akka bahu gochuun bulchiinsa yeroo Tigraayitti hundeessuu akka gargaaru himan.
Dhaabi TPLF shororkaa uumuu kaayyoo isaa godhate socho'aa jira jechuun ture Caamsaa 2021 hidhattoota Oromiyaa keessa sosso'an itti dabaluun garee shororkeessaa jedhamanii kan parlaamaan labsaman.
Murteen qaama olaanaa mootummaa Itoophiyaa kuni adeemsa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF baatii Sadaasa darbe mallatteessan hordofee raawwate.
Akkaataa waliigaltee waraana dhaabuuf taasifameen dhaabi dhaaba ADWUI keessa olaantummaa qabaataa ture kuni galmee shororkeessummaa jalaa baha.
Eega waraanni kaaba Itoophiyaa xumura argatee qaamoleen lamaan waliigalan booda tajaajiloonni bu’uura adda citanii turan tajaajila eegalaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeggarsi namoomaas danqaa malee ummata sababa waraanaan hubaman bira gahaa jira.
Akkaataa waliigaltichaan humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa jajjaboo waraana Itoophiyaatti dabarsaniiru.
Humnoota waraana keessa turan dandamachiisuun hawaasatti makuunis akka taasifamu ibsameera.
Nagaan waaraa akka akka mirkanaa’u dhaabbileen idil-addunyaa itti gaafatummaafi haqi akka jiraatu waamicha taasisaniiru.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan ummati kuma dhibbaan lakkaa'amu lubbuu akka dhabe tilmaamama.
Yeroo ammaa gareen biyya keessa hidhatee sosso’uufi tarree shororkeessaa jalatti hafe hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhu qofadha.
Hidhattooti kuni waggaa afur dura dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo irraa adda bahuun qabsoo hidhannoo itti fufuu ibsaniiru.
Badiiwwan jajjaboon ni himatamu, garichi garuu ni waakkata.
Araarri kaaba Itoophiyaatti taasifame Naannoo Oromiyaa hidhattoonni sosso’anittis akka taasifamu miseensota paartii biyya bulchu paarlaamaa jiran dabalatee gaafataa jiru.
Waamichi araaraa baatii tokko aangawoota naannichaan taasifamen ala garuu mariin eegale akka hin jirre hidhattoonni ibsaniiru.
TPLF eenyudha?
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (ABUT/TPLF) bulchiisni mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee A.L.I Caamsaa 11, bara 1967 qabsoo hidhannoo eegale.
Qabsoo hidhannoof ka'umsa kan ta'e immoo gartuu barattoota yunivarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraay ta'anidha.
Jalqaba miseensota saddeetiin hundaa'e.
Kunneenis Barrihuu Barihee[Dr Aragaawwi Barihee], Faantahuun Zaraatsiyoon [Geedi'oon Zaratsiyoon], Mulugeetaa Hagoos, Ambaayyee Masfin ykn Siyyum Masfiin dha.
Afran hafan immoo Ammahaa Tsahaayyee ykn Abbaay Tsahaayyee, Iqubaazigi Bayyanaa, Alamsaggad Mangashaa fi Zarihuu Gassasee turan.
Waraanni Dargii waliin gaggeeffamuus babal'achuun, Tigraayiin alattis gara naannoo biyyatti biraatti ce'uun, dhaabni ummattoota kaan bakka ni bu'a jedhame akka hundeeffamuuf TPLF socho’eera.
Kanaanis Paartii Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa, Dhaabbata Dimookiratawaa Ummata Oromoo (DHDUO) fi Adda Warraaqsa Ummattoota Kibba Itoophiyaa wajjiin walitti fiduun adda tokkicha ADWUI hundeessan.
ADWUI kan olaantummaa TPLFn hoogganamaa ture erga mootummaa Dargii aangoorraa buuseen booda waggoota 27f biyya bulcheera.

Madda suuraa, AFP
Erga Ministirrii Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii booda ammoo addicha keessatti dhibdeen waggootaaf ture daranuu hundee jabeeffataa adeeme.
Dhumarrattis ADWUI'n baquun paartii Badhaadhinaatiin wayita bakka buufamu, TPLF Paartii Badhaadhinaatti dabalamuu dide.
TPLF aanga'oota isaa olaanoo qabachuun gara Naannoo Tigraayiitti erga imaleen booda walitti dhufeenyi mootummaa federaalaa waliin qabu hammaate, waraanattis ce’e.
Waraana Sadaasa bara 2020 naannoo Tigraayiitti jalqabe hordofuun boordiin filannoo biyyaaleessaa biyyattii seera qabeessummaa dhaaba kanaa mulqeera.
Waraanni waggaa lamaaf kaaba Itoophiyaatti adeeme biyyattii guddoo hube.
Aanga'oonni siyaasaafi loltummaa garee kanaas yakkawwan adda addaatiin shakkamuun ajajni hidhaa irratti baafameera.
Aanga'oonni TPLF duraaniifi kan ammaa hedduunis to'annoo humnootii nageenyaa jala oolfamuufi kaan ammoo ajjeefamuu raayyaa ittisa biyyattiin ibsameera.
Waraana waggaa lamaa booda sadaasa bara 2022 dhaabi TPLF mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessuun waraanni dhaabate.












