Hanga ammaatti mootummaa waliin dubbiin eegalame hin jiru - Hidhattoota WBO

Madda suuraa, FUULA FB KPO FI JONATHAN ALPEYRIE
Waamichi araaraa mootummaa naannoo Oromiyaan erga dhihaateefi hidhattooti simachuu erga ibsan ji'a tokko booda sochiin eegalame hin jiru jedhan hidhattooti.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuufi shororkeessaa jechuun labse nagaa haqarratti hundaa’e fiduuf qaamni sadaffaa humna itti qabuufi hin caalsifne bakka jirutti araaraaf qophii guutuu qabaachuu himaniiru.
“Nagaa hawwuun barbaachisaadha, sirriidhas. Oromoon nagaa barbaada, nutis nagaa barbaadna, qaamni idil-addunyaas nagaa barbaada. Garuu nagaan sun akkamiin dhufa kan jedhudha dubbiin jirtu,” jechuun BBCtti dubbatan Gorsaa Olaanaan WBO Obbo Jireenyaa Guddataa.
Miseensonni Paarlaamaa Itoophiyaa Naannoo Oromiyaa irraa filaman Gamtaan Afrikaa mootummaa Itoophiyaafi hidhattoota WBO jaarsummaan akka araarsuuf Bitootessa 20, 2023 xalayaan gaafataniiru.
Walakkeessuma ji’a kanaa Itoophiyaa daawwatanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkanis dhimmoota Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin kaasan keessaa tokko dhimma Oromiyaa ture.
Dippilomaatiin olaanaa Ameerikaa kun rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru marii nagaan akka furamuu qabullee wayita Itoophiyaa daawwatan kana kaasaniiru.
Obbo Jireenyaanis hanga ammaatti biyyootni akka Ameerikaa, Noorway fi biyyoonni ollaa Itoophiyaa nagaan akka bu'uuf deeggarsa gochuu akka barbaadan isaanitti himaa turuu BBCf mirkaneessaniiru.
“…waan barbaachisu hunda gochuudhaafis qophii ta’uu isaanii waan nutti mumul’isan qabu. Hanga ammaatti mootummaa waliin walitti dhufamee wanti dubbatame hin jiru.
''Haata’u malee, qaamoleen nuufi mootummaa gidduu deddeebiyuudhaan haasa’an ni jiru,'' jechuun dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a tokko dura pirezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qaamni hidhatee Oromiyaa keessa socho’u qabsoo nagaatti deebiyuu qaba jechuun yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti waamicha dhiyeessanii ture.
Haa ta'u malee, eegasii tarkaanfiin qabamataa mul'ataa hin jiru jechuun miseensonni parlaamaa Itoophiyaa Oromiyaa irraa filaman gaafataniiru.
Wanti qabatamaa yoo eegale jiraate gama mootummaa wanti ibsames hin jiru.
Mootummaafi hidhattooti mariin rakkoo hiikuuf fedhii agarsiisaniis hangam kutannoo qabu kan jedhuurratti kanneen gaaffii dhiheessan jiru.
Uummataaf jecha karaa nagaatiin xumuruudhaaf hangam qophii qabdu gaaffii jedhu dhiyaateef, “nagaan waara’aa akka naannoo sanatti bu’u ni barbaadna.
''Nagaan akka bu’uuf ammoo haqa sabaatu bakkatti deebiyuun irrra jira,” jedhan Gorsaan Olaanaa WBO Obbo Jireenyaan.
Fedhiifi dantaan sabni Oromoo waggoota 150 oliif gaafachaa ture hundi bakka qamni sadaffaan jirutti akkaataa ittiin bakki kennameefiif deebii argachuun hojiitti hiikamuu qaburratti qabatamaan hojjechuu malee ‘nagaa, nagaa’ jechuu qofaatiin nagaana hin dhufu jechuun ibsan.
Waamicha Pirezidatiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti taasisaniif deebii akka kennan yaadachuun, gaaffii amma miseensonni Paarlaamaa Naannoo Oromiyaa akka Gamtaan Afrikaa araarsuuf gaafatan kanaafis qaamni gaafatame kun erga waa jedheen booda deebii akka kennan himan.

Madda suuraa, Getty Images
Sochii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuufi tarree shororkeessummaa jala kaa’en waggoota muraasa darbaniif rakkoon nageenyaa hammaateera.
Rakkoon kuni keessumaa gama Lixaafi Kibba Oromiyaa hammaate.
Mootummaan yeroo adda addaatti oppireeshinii waraanaa gaggeessus furmaanni waaraa hin argamne.
Eega humnoota TPLF waliin araarri taasifame booda humnoota WBO waliinis mariin akka ta’amu kanneen abdatan turan.
Mudde darbe keessa miseensonni Mana-maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Oromiyaa irraa filaman walitti bu’insiifi hookkarri Oromiyaa keessa xumura akka argatuf hunduu dhiibbaa akka uumu gaafataniiru.
Ummanniifi jarsoliin gara mootummaattis, gara hidhattootaattis ''waraanni nu gaha jedhee dhiibbaa uumuu qaba’’ jechuun dubbataa turaniiru miseensonni parlaamaa amma Gamtaan Afrikaa akka araarsuuf gaafatan kunneen.
Miseensonni dhaaba biyya bulchu kunneen, mootummaan nagaa deebisuu qofa osoo hin taane akkuma Tigraay bakkee rakkooon jiru hunda deebisanii ijaaruun barbaachisaa ta’uus ni dubbatu.
Lolaafi hookkara godinoota Oromiyaa keessa adeemaa jiruun lammiileen kumaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman immoo buqqa'aniiru.












