'Ummanni Oromoo akka boqotu araarri Tigraayitti bu'e Oromiyaattis bu'uu qaba' - Miseensota Paarlaamaa

Madda suuraa, Getty Images
Finciltoota Tigraay waliin araara kan buusan Ministirri Muummee Abiy Ahimad naannoo keessa dhalataniifi hundee siyaasaa paartii isaanii ta’e keessatti garuu rakkoon nageenyaa hammaatee itti fufeera.
Ajjeechaan booda kana keessumaa hidhattoota Amaaraan godinoota Wallaggaafi bakkeewwan Oromiyaa daangessanitti hammaate mufii uumee dargaggoonni aangootti bahuu isaanii tumsan mormii ibsachaa jiru.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jedhuufi badiiwwan nannichatti mudatuuf himataman bakki qaama sadaffaa jirutti marii taa’uf akka fedhan kana dura ibsaniiru.
Paartileen siyaasaa, qaamoleen idil-addunyaa garagaraafi kaanis rakkoon nageenyaa naannoo guddicha nagaa dhabde keessa jiru karaa nagaan akka furamu gaafataa turaniiru.
Mootummaan garuu hidhattoota ‘’ajandaa siyaasaa hin qabne’’ jedhe waliin akka hin teenye dhihoo ibseera. Dubbiin seera tumtootaa kuni eega mootummaan ejjennoo ibsee booda dhagahame.
Kunis, miseensotni paarlaamaa marii abdataa turan isaan mufachiisuu himani.
Miseensonni Paarlaamaa miseensa dhaaba biyya bulchu ta’aniifi Oromiyaarraa filataman ‘’akkuma Tigraay Oromiyaa keessas nagaan akka bu’u’’ ifatti gaafataniiru.
Adeemsa hin baratamne kanaan miseensonni ummata isaan fileef sagalee ta’uu dhaban jedhamanii qeeqamaa turan ‘’warra rakkina biyyi keenya keessa jirtu hin hubanne miti’’ jechuun si’achi akka dubbatan ibsan.
‘’Rakkinniifi salphinni Oromoo har’as itti fufeera; Oromoon boqonnaa dhabeera; ajjeechaafi qe’ee ofiirraa buqqa’uun cimee itti fufeera,’’ kan jedhan miseensonni kunneen gaaffii jajjaboo kaasan.
Marii erga taasisaniin booda xalayaa fuula sadii qabuufi qabxiiwwan 10’n irratti wal ta’an MM Abiy Ahimadiif dabalatee erganiiru.
BBC’n addatti qindeessaa miseensota Mana-maree Bakka Bu’oota Ummataa Oromiyaa irraa filatamanii Gargaaraa Pirof. Buzaayyoo Daggafaa waliin turtii taasiseera.
Obbo Buzaayyoon Godina Wallagga Bahaa, Buufata filannoo Aanaa Jimmaa Arjootti filamanii paarlaamaa seenan.
Turtiin isaan addatti BBC waliin taasisan akka itti aanutti dhihaata.
'Rakkoon ummataa xumura dhabe'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC: Torban darbe xalayaa ibsa ejjennoo 10 qabu qopheessitanii eegasii booda ibsi miidiyaaf kennuuf jettan hafuu dhageenye. Maaltu ta’e?
Obbo Buzaayyoo: Nuti Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa bakka buunee filatamne. Har’ammoo haala jiruun bakka bu’aa ummata waliigalaati. Rakkoon gara Kaabaa ture nagaan xumuramuu isaatti gammachuu qabna.
Haata’u malee, rakkoon Oromiyaa keessaa ni dheerate. Akkam wayya kan jedhu irratti miseensota waliin yeroo hedduu ni mari’anna. Ummati nu filate sagalee akka taanuufidha.
Callisnee taa’un sirrii miti jennee ALI Sadaasa 26, 2015 waajjira mana-maree keessatti mari’anne xalayaa qabxii kudhan qabu baasne.
Hacuuccaan durii kaasee Oromoorra ture itti fufaa jiraachuun kuni gaarii miti. Nuti akka bakka bu’aatti yaaddoo qabna, nu yaaddessa. Haalli kuni itti fufuu hin qabu.
Araarri kaabatti bu’e Oromiyaafis dhufee ummanni bahee nagaan galuu qaba. Abaluutu balleesse jechaa hin jirru, balleessaan jirus waan gaariin jirus kan hunda keenyaati.
Oromoon nagaa dhabee jira, ajjeechaa, qe’eerraa buqqa’un cimee itti fufee jira. Haalli rakkisaan Oromoo keessa jirummoo waan dheeratee xumura dhabe.
Nuti akka miseensa mana-maree bakka bu’oota ummataatti hirriba nu dhorkee, yaaaddoo nutti uumnaan haala kanaan ibsa ejjennoo kana barreessine.
Ajjeefamuufi buqqa’uun Oromoo hedduu waan nu gaddisiiseef rakkoon kuni hatattamaan furamee Oromoon nagaan jiraachuu qaba jedha qabxiin jalqabaa.
Hacuuccaan Oromoo Walloorratti gahaa jiruus atattamaan dhaabachuu qaba kan jedhus jira. Lammaffaa mirga heerri biyya keenyaa nuuf eeyyama duguugaan fayyadamuu qabna.
Kana yeroo fayyadamuuf kaanu maqaa adda addaa nutti moggaasuudhaan, abbaa dabaree jechuudhaan haalli itti duulamaa jiru kunillee sirrii miti.
Sadaffaarratti, kan kaasne daangaan Oromiyaa karaa hedduu sarbamee jira. Daangaan kuni qabsoodhaan dhufe. Sarbami daangaa Oromiyaarra gahaa jiru furamuu qaba kan jedhudha.
Afraffaan, dhimma Finfinnee keessatti hojiin baruufi barsiisuu manneen-barnootaa Afaan Oromoo danquudhaaf akkaataan itti deemamu sirrii miti.
Mootummaan xiyyeeffannoo itti kennee haalli baruufi barsiisuu nagaan deemuu qaba. Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati, afaaniin barachuu addunyaatu eeyyame.
Afaan tokko qofa jechuun jibbiinsa Oromoorraa madda. Kanammoo muummichi ministeeraa yeroo darbe sirriitti paarlaamaa keessa dubbataniiru. [….]
Inni kurnaffaa, nagaafi araarri ummata Tigraayiif dhufe hedduu nu gammachiise jira. Bifuma wal fakkaatuun Oromiyaafi naannolee Itoophiyaa keessan jiran hundaafuu nagaafi araarri dhufuu qaba.
Daangaan heeraan ala naannolee hunda keessa sarbamaa jiru karaa seera mootummaa eegeen kabajamuu qaba. Naannoon tokko humnaan daangaa naannoo biroo saamuu hin qabu jenne.
Eegasii miseensonni irratti mallatteessine.

Madda suuraa, Buzayehu Degefe
BBC: Miseensonni mallatteessan meeqa?
Obbo Buzaayyoo: Hedduudha. Hundi hin mallatteessine. Oromiyaan bakka bu’oota 178 qaba.
Garuu haalota nageenyaan [filannoon bakka hin taasifamne] miseensonni 7 - 8 waan hin seenneef yeroo ammaa miseensonni 171 ta’an jiru.
Kanuma keessaa kanuma durayyuu miseensonni si’aayinaan mana-maree keessatti hin hirmaanne [hin argamne] jiru. Kunneen kanneen hoggansarra jiraatanii hojii adda addaan qabamanidha.
Kanneen si’ayinaan hirmaatan keessaa gara caalutu dhufe [gaafa mana-mareetti mari’anne miseensonni gara 80 ta’an hirmaataniiru].
BBC: Eegasii hin dhorkame moo maal ta’e?
Obbo Buzaayyoo: Dhugaadha miidiyaalee waamnee turre. Dhimmi kuni akka bakka bu’aa ummataatti nurraa eegama jenneeti ummataaf akka gahu miidiyaa waamne.
Miidiyaaleen akka deebi’an kan taasisne unumadha. Waaree booda sa’aatii saddeetitti hoggantoonni olaanoon achuma mana-maree bakka bu’oota ummataatti argamani.
Af-yaa’ii Mana-Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Bakka bu’aan mootummaa Obbo Tasfaayee Beljigee, fi I/Aaantuun Af-yaa’ii Kab. Aadde Lomii Badhoo argaman.
Sa’aatii saddeetirratti eegalee hanga halkan sa’aatii 1:00 teenyee mari’anne.
Yaaddoo keessa jiraachuu keenyaafi ummanni keenya gadadoo kanaan itti fufuu hin qabu. Akka bakka bu’oota ummataatti callisuu hin dandeenye, obsi nuti qabnu xumuramee jira jennee ibsine.
'Callisuu filannee turre'
BBC: Gaaffii keessaniif deebii kan ta’u danda’u aangawoonni argaman wanta addatti dubbatan qabuu?
Obbo Buzaayyoo: Dhugaa dubbachuuf akka miseensaatti mari’anne. Gaafa sana isaaniis ariitiin, sardaan waan dhufaniif waan qopha’anii dhufanii miti.
Ifatti kana kana jechuu baataniis garuu fuulduratti kallattiin abdachiisaa akka jiru, nagaan akka dhufu wantoota adda addaa kaasaa turan.
Kana booda dhimma ummata keenyaa hin callisnu, as keessa kan teenyu rafuuf miti jennee waliigalleerra.
BBC: Kanaaf gaaffiin gaafattaniifi yaaddoon ibsitan hoggantoota isin mariisisaniin hin deebine jechuudha?
Obbo Buzaayyoo: Waliigalteerra geenyerra malee. Nutis silas kan barbaannu ummata keenyaaf sagalee ta’uudha. Waan ummanni keessa jiru keenyee jirra. Gahee keenya baanee jirra.
Dhimmi al tokkoon murtaa’us hin jiraatu. Isa kana nutis ni beekna. Hundi keenya gahee qabna. Yaaddoon ummata keenyaa nufis yaaddoo keenya, furmaata atattamaa barbaada jenne.
Dhimma kana faana buuna. Akka miseensota marsaa jahaffaa Oromiyaa irraa bakka buunetti walitti dhufnee, mari’annee ibsa akkanaa baasun nuuf kan jalqabaati.
Sagaleen keenya hojiitti hikamuu isaa ni hordofna.
BBC: Kanaaf furmaata argata jettanii abdattuu? Yoo abdattan wanti akkana akka amantan isin taasise maali?
Obbo Buzaayyoo: Sirriitti argata. Ummanni keenya nagaa hin argatu taanaan achi [parlaamaa] keessaa maal goona?
Akka amannuuf wanti nu taasise tokko kan bakka nu buuse ummatadha. Lammaffaa immoo Itoophiyaa keessatti aangoo olaanaa kan qabu mana maree bakka bu’oota ummataati.
BBC: Miseensonni Oromiyaarraa filamanii paarlaamaa seenan rakkoo ummataa hin dubbatani, uffatuma aadaa uffatanii taa’u jedhanii isin qeequ. Amma maaltu dhalate jennaan dubbachuu eegaltan?
Obbo Buzaayyoo: Nuti dhuunfaan osoo hin taane paartii [Badhaadhina] bakka buunee paarlaamaa seenne. Paartiin kamiyyuu dambii ittiin bulu qaba. Qofaatti bahee namni tokko iyyuu hin danda’u.
Waan dursitee irratti walii galtuutu jira. Akkamiin ummata kana fayyadna jettee waliigalta. Adeemsa paartiitiin raawwatama.
Waan xumurree bilcheessinee dhufne huccuu aadaas haa ta’u, suufis haa ta’u uffannee dhaqnee harka baasuun waanuma sirriidha. Namoota keessoo paartii hin beeknetu isa kana jedha.
Kan amma jenne kuni yeroo ‘normal condition‘ ta’ettidha. Duraanuu rakkoo nageenyaan osoo ummanni rakkataa jiru , [qaamni biraa] daangaa cabsee ummata yeroo rukutu callisnee ilaaluu hin dandeenyu.
Daangaan Oromiyaa yerootti sarbamu callisnee ilaaluu hin dandeenyu. Rakkinni kuni ummata keenya irratti dheerate.
Seera baasuu qofa osoo hin taane, sagalee taanee jiraachuu keenya mul’isuunis ummata keenyaaf abdii guddaa qaba. Akka galma gahuuf eegalle.
Amma Oromiyaa irraa waan dhufneef dhimma Oromoo dubbanne malee dhimmi lammiilee Itoophiyaa hunduu nu ilaallata.
BBC: Kanaaf adeemsi eegaltan kuni furmaata fiduu danda’a, mootummaa irratti dhiibbaa fiduu danda’a jettanii yaadduu?
Obbo Buzaayyoo: Turuu osoo hin taane dhihootti fida. Deebiin akka dhufu abdii waan qabnuuf dhimma kana kaafne.
'Nagaa mariin malee xiiqiin hin fiddu'
BBC: Akka hubanneetti wanti ijoo isin gaafattan mootummaan lammiileefi daangaa naannoo akka tiksudhaa?
Obbo Buzaayyoo: Nagaa, daangaafi heerri mootummaa akka kabajamu gaafanne. Waan hundumaaf bu’uurri nagaadha. Nagaan immoo xiiqiin wal qabdee, wal morkattee hin dhufu.
Teessee, mari’attee nagaa fidda. Kaabatti akkamitti dhufe, Oromiyaatti maaliif dida? Rakkachuu ummataa ilaaltee waa dhiista, rakkachuu ummataa ilaaltee aangoo dhiista, rakkachuu ummataa ilaaltee nagaa fidda.
Nagaaf yoo yaaddu ummataaf yaadda. Ummatni kuni nagaan bahee nagaan haa galu yoo jette aarsaa kaffalteetu nagaatti [nagaa buusuuf] deemta.
Akka namoonni jedhanitti callisuu barbaannee miti. Nuti hojiin hojjetamaa hin jiru, pirojektiin hojjetamaa hin jiru yaada jedhu hin qabnu.
BBC: Gaaffiin keessan jabaa mootummaan TPLF waliin marii taa’eera. Hidhattoota Oromiyaa keessa jiran waliinis nagaan fixuu qabaadhaa?
Obbo Buzaayyoo: Nuti gadi-fageenyaan kana kana jennee keessa hin seenne. Tigraayis kaleessa nagaa hin qabdu turte, har’a hanga tokko namni bahee gala.
Kunis asitti [Oromiyaatti] ta’u qaba jenne. Kan hidhate waliin, kan hin hidhanne waliin haa ta’u, garuu qaama kana keessatti gahee qabu hunda waliinuu ta’amee [mari’atamuu qaba].
Maal wayya nagaa ummata keenyaaf jedhamee yoo mari’atame wanti ulfaataan lafa kanarra hin jiru.
Tookkummaan Oromoo waan haaphataa deemeef diinni alaa daangaa keenya sarbuun, Oromoo miidhuu caalaa waan nama qaanessu hin jiiru.
![Haleellaa hidhattoota Amaaraan jiraattota Aanaa Kiiramuu Aanaa Giddaa Ayyaanaatti baqatan [Wallagga Bahaa]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/0237/live/d807d800-7a92-11ed-90a7-556e529f9f89.jpg.webp)
Madda suuraa, Gida Ayana Communications
BBC: Rakkoon nageenyaa Oromiyaa karaa nagaan akka furamu gaaffatanii?
Obbo Buzaayyoo: Nagaa, araara, jaalala, tokkummaa. Kan kanarra darbe gaaga’ama ummataa dabala. Nutimmoo bakka bu’aa ummataa waan taanef wanti kuni gaarii miti [jenna].
Utuu ta’e [waraanni] waggaa lama sadii dura ta’a. wanti kuni hin dheerate. Dheerachuu isaatu boqonnaa nu dhorke. Kanaaf karaa kanatu wayya jenne. Miti kan jedhus haa bahu achi as.
Nuti garuu akkuma kaabatti araarri bu’e, Oromiyaattis nagaan, araarri haa bu’u jechaa jirra.
Yoo nagaan bu’e, namni nagaan bahee gala, Oromoon hin jabaata, daangaa ofii ni eeggata, Itoophiyaa kana sirriitti ijaara. Oromoon waliin ta’uu, waldhaggeeffachuu qaba.
BBC: Ummata gama Lixaa bakka buutanii dhuftan. Rakkoo nageenyaa bakkichatti dhalate akkamiin hubattu?
Obbo Buzaayyoo: Araara kaaba Itoophiyaatti bu’e qaamoleen hin feene jiru. Keessumaa finxaaleyyiin Naannoo Amaaraa hin gammadne. Ammallee maqaa qaama hidhate balleessina jedhun cabsanii Wallaggatti seenani.
Qawwee hidhatanii ummata keenya buqqaasani, qe’ee isaa gubani, qabeenya isaa saamani, horii offatani. Guyyoota lamaan darban garuu tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira.
Ani akka bakka bu’aa ummataatti, qaama mootummaa, qaama nageenyaa, paartii hedduun galateeffadha. Waanan beekuf jechuudha. Tarkaanfii gaariitu irratti fudhatame.
Dhimmi Kiiramuu, dhimmi Guuttin, kan Giddaa Ayyaanaa, Hagamsaa, Kiiramuu, kan torban darbeefi kan har’aa tokko miti [tasgabbaa’eera].
Keessoon keenya, tokkummaan keenya waan haphateef diinni quba nutti qaba. Yoo salphanne waliin salphanna, yoo kabajamnees waliin kabajamna.
Oromoon waan xixiqqaarratti wal dhabuu dhiisee tokkummaa ofii jabeeffachuu qaba.
BBC: Guddaa galatoomaa!
Obbo Buzaayyoo: Isiniis Galatoomaa.












