Oromiyaatti mootummaan maaliif nageenya namoota nagaa eeguu hanqate?

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa irraa buqqa’ee yeroo ammaa Finfinneetti kan argamu namni umuriin isaa wagga 37, haala nageenyaa naannicha keessa jiru ibsuudhaaf rakkisaadha jedha.
Namni nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne kun, haleellaa dhiyeenya kana bakka sanatti raawwatameen bakka tokkotti miseensota maatii isaa saddeet akka dhabe BBCtti hima.
“Maatiikoo keessaa gariin isaanii lubbuu dhabaniiru, warri lubbuun hafan ammoo faca’anii eessa akka jiraniyyuu kan hin beekamne jiru.”
Naannoo Oromiyaa, keessumaa gama lixaatiin humnoonni hidhatan haleellaa isaan namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufeera.
Jiraattonni BBCn yeroo gara garaatti dubbise haleellaa raawwatamu kanaaf humna ‘Fannoo’ jedhan, akkasumas kan mootummaan ‘Shanee’ jedhu akka ta’e dubbatu.
Qaamoleen kunneen haleellaa raawwatamuuf itti gaafatamummaa fudhachuu baatanis, mootummaan Federaalaafi dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman garuu hidhattootatti quba qabu.
Aanga’oonni mootummaa Oromiyaa ‘ABO-Shane’, akkasumas ‘humnoonni finxaaleyyii Amaaraa kaayyoo siyaasa isaaniitiif jecha namoota nagaa irratti haleellaa geessisaa jiru jechuun komatu.
Sababa walitti bu’insa mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamaa tureef namoonni nagaa hedduun lubbuufi qabeenya isaanii dhabaniiru; qe’ee isaaniis gadhiisanii baqataniiru.
Rakkoon nageenyaafi lola naannoo Oromiyaa keessa jiru ija sabaa-himaalee jalaa kan dhokate fakkaata; hawaasa idil-addunyaa irraas xiyyeeffannaa hin arganne.
Maaliif kana ta’e laata? Mootummaan ammoo naannicha keessatti nageenya uummata nagaa eeguu maaliif dadhabee?
Walitti bu’insa xiyyeeffannaa argachuu dhabe
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gidiraan uummataa Naannoo Oromiyaa, keessumaa gama Lixaa fi Kaabaan jiru waggoota afran darbaniif fala tokko osoo hin argatiin itti fufeera.
Ministirri Muummee Abiy Ahmed gara aangootti dhufanii yeroo muraasaan booda dirreen siyaasaa akka bal’atuuf jecha humnoonni siyaasaa biyya alaa jiraniifi hidhannoon socho’an akka gara biyyaa galan hayyaman.
Paartiilee yeroo kanatti gara dirree siyaasaatti deebiyan keessaa qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf gaggeessaa kan ture Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) isa tokkodha.
Murtee kana ilaalchisuun ammoo ABOn lamatti qoodame. Gareen tokko qabsoo hidhannoo dhaabee garaa nagaatiiinan qabsaa’a kan jedhu yoo ta’u, gareen biraa ammoo hidhannootiin kaayyoo isaa mirlkeessuuf kan qabsaa’udha.
Dhimmmoonni kunneen sabaa-himaalee idil-addunyaatiin xiyyeeffannoo malu hin arganne jedhu hudeessituun Addis Standard Tsadaalee Lammaa.
Sabaa-himaalee gara garaarratti dhiyaachuun haala Itoophiyaa keessa jirurratti xiinxala kennuun kan beekaman Tsadaaleen, dhimmi Oromiyaa sababoota mata-duree oduu gararaatiin awwaalamee tureera jedhu.
Sababoota kanneen keessaa tokko ammoo waraana Tigiraayidha. Humnoonni Tigraay Iizii Kaabaa irratti haleellaa raawwachuu hordofee Tigiraay keessatti waraanni erga jalqabeen booda bakka bu’oonni ummataa ‘ABO-Shanee’ fi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) gareewwan shororkkeessitootati jechuun labsuun isa ani yaadatama.
Humni hidhate kun yeroo gara garaatti namoota nagaa irratti haleellaa raawwateera jechuun irra deddeebiin himannaan irratti dhiyaatus gareen kun garuu haleellaa raawwatameef itti gaafatamaa akka hin taane himuun qaamni walabaa akka qoratuufillee ibsa baaseera.
Tsadaleen akka jedhanitti Ministirri Muummee gara aangootti erga dhufaniin booda yeroo dirree siyaasaa bananitti, warra hidhaa jiran yeroo hiikanitti, ‘rifoormii’ dinagdee yeroo gaggeessaa jiranitti Naannoo Oromiyaa keessa walitti bu’insi tureera.
“Hawaasni idil-addunyaafi saba-himaaleen addunyaa quba qabaachuu baatanis, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa yeroo bahutti, walitti bu’insawwan yeroo jalqabanitti… miidiyaan biyya keessaa [hanga tokko] gabaasaa ture.”
Hawaasni idil-addunyaa Ministirri Muummee “gaaffii Oromootiif deebiidha” jedhee waan yaaduuf haalli Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannaa argachuu dhabeera jedhu Tsadaaleen.
Yeroo mootummaan karaa gama Kaabaatiin humnoota Tigraay waliin waraanarra ture dabalatee oduuwwan Oromiyaa keessaa bahaa turan gaarii hin turre.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, dhalattoota Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessa jiranirratti haleellaa raawwachaa jira jedhamuu horodofee humni Faannoo jedhamu namoota nagaarratti haleellaa gaggeessaa jira oduun jedhamu dhaga’amuu jalqabe.
Xiinxaltuun kun akka jedhanitti, sababni biroon walitti bu’insi kun ija sabaa-himaaleefi gareewwan mirgoota namaaf falman jalaa dhokateef bakka waraanni kun itti gaggeeffamu baayyee fageenyarra ta’uu isaati.
“Oromiyaa Lixaafi Kibbaa irraa kaasee amma babal’atee gara giddu-galeessaatti dhiyaachaa jira. Tajaajilawwan komunikeeshinii addaan cituunis miidiyaan akka hin gabaasne gochuu keessatti gahee qaba.”
Dhimma Nageenya lammiilee
Lammileennagaa BBCn yeroo gara garaa haleellaan raawwatamutti dubbise sababa eenyummaa isaaniitiif qofa miidhaan akka irra gahuufi qe’eefi qabeenya isaaniillee dhiisanii akka baqatan dubbatu.
Humnoonni Faannoo jedhaman kun ‘Oromoo’ hunda ‘Shanee’ jechuun yeroo gara garaatti uummata nagaarraan miidhaa geessisaa akka jiran dubbatu namoonni.
Aanga’oonni mootummaa yeroo gara garaatti BBCn dubbises, Faannoon, kan humnoota finxaaleyyii Amaaraa ittiin jedhan caasaalee mootummaa gubbaa hanga gadii dabalatee Oromoo hunda ‘Shanee’ jechuun rakkoo uumaa jiru jechuun dubbatu.
Dhalataan Horroo Guduruu Walaggaa BBCn dubbise humnoonni mootummaa haleellaa gareen kun uummata nagaarratti raawwatan jalaa oolchuu akka hin dandeenye dubbata.
Dhalattoonni Amaaraa Wallaggaa Lixaa jiraatan ammoo haleellaa isaanirratti raawwatameef Waraana Bilisummaa Oromoo himachuun, mootummaan eegumsa malu nuuf hin taasifne jedhu.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, “haleellicha hin raawwanne, kan itti gaafatamu mootummaadha” jechuun deebii kennee haleellaan gaggeeffames qama wallaba ta’een akka qulqulleeffamuuf gaafateera.
“Amma haalli jiru walitti bu‘insa jechuurra waraana jedhamee osoo waamamee warra,” jedhu Yuunvarsiitii Jams Maadisanitti barsiisaafi qorataan Seenaa Afrikaa Piroofeesar Ittaanaa Habtee.
Qorataan kun yeroo bakkawwan gara garaatti lammileen sababa enyummaa isaaniitiin haleellaan irratti raawwatamu mootummaan itti-gaafatamummaa nageenya isaanii eeguu irraa eegamu hin ba’anne jedhanii amanu.
Hayyuun kun, mootummaan bakkawwan waliti bu’insi jiranitti haala jiru to’achuuf humna qaba; haata’u malee, fedhii qabaafi hin qabuu isaa sirriitti hin beeku.
Komii jiraattonni Naannoo Oromiyaa walitti bu’insi keessatti uumamu jiraatan dhiyeessan ilaalchisee deebii akka nuuf kennaniif yaalii nuti Biiroo Komunikeeshinii Naannichaafi Tajaajila Komunikeeshinii Federaalaa argachuuf taasifne hin milkoofne.
Komishiniin isaanii haleellaawwan dhiyeenya kana gabaafaman ilaalchisuun qorannoo taasiseera yoo ta’eef jennee kan gaafanne Komishinariin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa (PhD), “Odeeffannoo walitti qabaa jirra. Qorannoo keenya yeroo xumurrutti bu’aa isaa ifa goona,” jechuun BBCf deebii kennaniiru.
Gama kaaniin ammoo jaarmayaaleen idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falman gara bakka rakkoon jiruutti deemanii qorataa yoo jiraataniif jennee kan dubbisne Aministii Internaashinaal fi Huumaan Raayits Waach, “yeroodhaaf yaada kennuu hin dandeenyu,” deebii jedhu nuuf kennaniiru.
Tsadaaleen, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa warra kaan caalaa carraa odeeffannoo argachuu qaba jedhanii amananillee, “gabaasa Komishinichi baasu falmisiisaa ta’uun isaa kaka’umsa isaa miidheera,” jedhanii yaadu.
Xiinxaltuun kun akka jedhanitti, jaarmayaaleen mirga namoomaa biroon walitti bu’insa Naannoo Oromiyaa akkuma waraana Tigraay hordofanii qorachuu baatanis, kanaan dura qorannoo hanga ta’e gaggeessuu isaanii dagachuun hin barbaachisu.

Madda suuraa, Getty Images
Walitti bu’iinsi kun ni dhaabbata abdiin jedhu jiraa?
Piroofesar Itaanaa, “Gaaffii kana osoon bara 2018 dura gaafatamee deebii salphaa ta’e nan kenna ture,” jechuun dhimmichi amma baayyee ulfaataafi sadarkaa walxataa ta’erra waan gaheef deebiin salphaatti kan argamuuf hin fakkaatu jedha.
Hundeessituun Addis Standard, Tsadaalee Lamma agama isaaniitiin, rakkoo kanaaf furmaanni siyaasaa akka kennamuuf “mootummaan qophii miti,” yaaddoo jedhu qabu.
Tsadaaleen, mootummaan WBOn shororkeessaa jedhamee beekamtii dhowwachuun dhimmichi akka murteessaa ta’etti akka hin fudhatamne gochuun isaa gahee taphate qaba jedhu.
“Paartileen Oromoo dabalatee namoonni siyaasaa tokko tokko aangoon kennameeraaf. Paartileen biro kana morman ammoo dirree siyaasaa keessaa dhiibamaniiru.”
Mootummaan WBOf beekamtii kennuu tasuma hin barbaadu kan jedhan Tsadaaleen, kan ta’uu baannaan ammoo furmaanni siyaasaa hin dhufu jedhanii amanu.
Piroofeesar Itaanaan ammoo, jalqaba dursi kennamuufiif kan qabu waraanni dhaabbachuudha jedhu. “Waraanni dhaabbachuu baannaan waliin dubbachuun hin danda’amu.”
“Nageenyi uummataa eegamee, humni hidhate beekamtiin kennameefiif, gaaffiiwwan gara taa’anii waliin mariyachuutti dhufanii irratti mariyatamuu qaba.”
Kana waliin walqabsiisuun Pirezidaantiin Itti-aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii mootummaan isaanii rakkoo nageenyaa Naannicha keessa jiruuf fala barbaaduuf hojjechaa jira jechuun miidiyaaleen biyya keessaatti dubbataniiru.
Aanga’oonni Naannoo Oromiyaas ta’e kan Federaalaa rakkoo nageenyaa lammilee Oromiyaa keessaa yeroo gababaa keessatti fala itti goona jechuun waggoota afran darban keessa yeroo gara garaatti dubbachaa turanis, haalli jiru garuu daran hammaachaafi baballachaa dhufuutu himama.
Haata’u malee, ammallee namoonni nagaa yaaddoo keessa jiraachuun isaanii itti fufeera, yoom akka qe’eefi qabeenya isaanii dhiisanii baqataniyyu hin beekan.
Lammileen Oromiyaa hedduun booyichaafi waywaannaa isaanii uumaa isaanii dhageessifachuun alatti filannoo waan qaban hin fakkaatan.












