Oromiyaatti haleellaan diroonii maaliif lubbuu namoota nagaa hedduu galaafataa jira?

Diroonii Waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Godinaalee Oromiyaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee ittiin jedhu keessa socho'an keessatti torbanoota muraasa darban haleellaan diroonii hedduun raawwatama jira.

Haleellaawwan diroonii godinaalee Shawaa Lixaa fi Wallaggaa keessatti irra deeddeebiin raawwatamaa jiruunis namoonni nagaa dhibbaan lakkaawwaman ajjeefamu maddeen garaa garaa BBCn dubbisee himan.

Haleellawwan diroonii kanneen ilaalchise gama mootummaatiin hanga yoonaatti ifatti wanti jedhame hin jiru.

Akkasumas aanga'oonni olaanoon naannoo Oromiyaafi humni waraanaa biyyattii gaaffii dhimma kana ilaalchisee BBC'n irra deddeebiin dhiyeessulleen deebii hin arganne.

Torbanoota kaluu keessa Godina Shawaa Lixaa aanaalee Cobiifi Meettaa Walqixxee, aanaalee godinaalee Wallaggaa akka Biilaa, Najjoofi Mandiitti haleellaawwan diroonii raawwatamaniin lakkoofsi namoota nagaa lubbuun isaanii darbee guddaa ta'uu BBC'n gabaasota jiraattota waabeffachuun hojjeteen hubateera.

Dhaabni Adda Bilsimmaa Oromoo (ABO)n ibsa Sadaasa 10, 2022 baaseen, haleellaa diroonii Sadaasa 9, 2022 magaala Mandiifi naannoo isheetti raawwaten namoonni 100 ajjeefamu hime.

Akkasumas, Sadaasa 2, 2022 Lixa Wallaggaa magaala Biilaatti namoonni 80, Onkololessaa 20 ammoo ona Cobii godina Shawaa Lixaatti 60, Ona Meettaa Walqixxeetti namoonni 60 ajjeefamuu ibse.

Walumaagalatti halellaawwan diroonii torbanoota sadan darban keessa raawwatameen namoonni nagaa 300 ta'an ajjeefamu hime ibsi dhaaba kanaa.

BBC'n lakkoofsa namoota midhaman jedhaman kanaa qaama walabarraa waan mirkaneeffate hin qabu.

Dhaabichi dabaluunis ''ajjeechaan gara jabinaa uummata nagaarratti raawwatu dhaabachuu qaba'' jechuun gaafate.

Mootummaan Itoophiyaa waggoota lamaan darban Kaaba biyyattii keessatti humnoota Tigraay wajjiin waraana eegaleen walqabatee ture yeroo duraaf diroonii waraanaaf ooltu fayyadamuu kan eegale.

Mootummaan maagaalota Tigraay hedduu keessatti eeddoowwn xiyyeeffannoo waraanaati jedhen irra deddeebiin dirooniin haleeluun gabaafamaa ture.

Haleellaawwan magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee raawwatameen namoonni nagaan akka du'an Miidiyaalee hedduun gabaasamaa ture.

Waraana gara biraa kan Oromiyaa keessatti hidhattoota WBO waliin gaggeefamaa jiruu fi kan xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa jalaa dhokate keessatti lakkoofsi namoota nagaa haleellaa dirooniin ajjeefamanii baay'ee ta'uu dhaabbileen adda addaa himaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunaayitiid Isteetsi keessatti jaarmiyaa mirgaa fi dhimma Oromoo irratti hojjetu Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association kandursitu Aadde Seenaa Jimjimoo, ''haleellaawwan diroonii dhiyeenyaa bakka namni hedduun jirutti raawwatamuu fi namoonni nagaan miidhamtoota ta'uu gabaaasa qabna'' jechuun BBC'tti himan.

''Mootummaan ta'e jedhee namoota nagaarratti xiyyeefate jechuun ni ulfaata'' kan jettu Aadde Seenaan, ''bakka namni nagaa baayyatutti haleellaan diroonii raawwatamuun ammoo mootummaan nama nagaarratti hin xiyyeeffanne nama hin jechisiisu,'' jetti.

''Mootummaan haleellaawwan diroonii sababni hammeesseef ifa, hidhattoonni WBO Magaalota guguddoo Lixa Wallaggaa to'achuuf yaalaa jirachuu isaati'' jetti aadde Seenaan.

Qondaalli waajjira nageenyaa naannoo Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garaasuu haleellaa WBO magaalota godinalaa Lixa Wallaggaa keessatti raawatee fi haala naannicha keessa jiru ilaalchisee gaaffii BBC irraa dhiyaateef Odeeffannoo kennuurraa of qusataniiru.

Tibba kana hidhattoonni WBO magaalota Lixa Oromiyaa garaagaraa keessatti haleellaa raawwachuun magaalota akka Najjoo, Biilaa, Mandii fi Naqamtee seenanii akka turan BBCn maddeen irraa mirkaneeffateera.

Akka jiraattonni BBC'n dubbise himanitti, hidhattoonni kunniin waajiraalee mootummaa mancaasanuun, baankiiwwan saamamanis jiru.

Magaalota hidhattoonni WBO seenan keessatti dargaggoonni hidhattoota simachuuf bahuu halellaawwan dirooniin miidhamuu himan.

Dubbii himaan Idila Addunyaa WBO, Odaa Tarbii humnoota isaaniifi kan mootummaa gidduutti waraanni adeemaa jiraachuu himuun, ''mootummaan uummata nagaa bir'achiisuuf haleellaa diroonii nama nagaarratti raawwata'' jechuun himatan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Ogeessii qo'annoo nagaafi walitti bu'iinsa nagaan furuu magaalaa Finfiinnee jiraatuufi nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin ibsamne BBC gaafate tokko sababni haleellaan diroonii Oromiyaa keessatti baayyeeteef humni waraanaa mootummaa kallattii adda addaatti harkifamee waan laafef ta'a jedha.

''Ifatti humni waraanaa Itoophiyaa dhiibbaa jala jira. Garri caalu waarana Kaabaa keessatti hirmaachaa waan jiruuf hidhattootni naannolee Wallagaa keessatti akka jabaatan hiree uumeera. humni naannoo ammoo riphe loltoota qolachuuf gahumsa dhabuu mala.''

''Haalli kun mootummaan mootummaan haleellaa qilleensaarratti akka hirkatu isa dirqisiisera ta'a.''

Ogeessi kun haleellaawwan kanaan namni nagaan miidhamaa jiraachuun mootumma irratti dheekkamsi jabaan akka ka'u, hidhattootnis deeggarsa uummataa akka argatan gochuu mootummaan tarkaanfii kanaan kasaaraa hin eegamne keessa galuu aka malu ibsa.

''Seenaa hariiroo mootummoota Itoophiyaa fi Oromoo, Oromoon ittiin miidhamaa tureen walqabatee haleellaan qilleensaa kun dhukkuba amma duraa kulkulsee dheekkamsa jabaa kaasa.''

Rakkoo siyaasaa Oromiyaa keessas jiru akkuma isa Kaaba Itoophiyaa marii nagaan furuutu furmaatas jedha.

Fayyadama dirooniifi miidhama namoota nagaa

Dirooniin xiyyaara xiqqaa nama malee balaliitee ajaja gidduugala fageenya murtaa'e irratti argamu tokko irraa fudhattuun dhuka'aa baatte dhoosuuf bakka ajajamtetti kan haleeltu ykn dhoostudha.

Teeknooloojiin kun akkuma teeknolojiiwwan kaanii namaan hoogganama. Namni ammoo beekas haa ta'u dogoggoraan bakka hin yaadamne akka haleelu gochuu mala.

Dirooniiwwan kunneen kaameeraa ofirraa qabaniin bakka xiyyeeffannaa haleellaa tokko dursa suuraa fi viidiyoo waraabuun qoratu.

Kunis eddoowwan xiyyeeffannoo haleellaa adda baasuu fi qaamni xiyyeeffannoo ergamichaa hin taane kaan akka hin miidhamne adda baasuuf gahee murteessaa qaba.

Haleellaan diroonii tokko raawwatamun dura qorannoowwan basaasaa danuu walitti qabuu babaachisa.

Fakkeenyaaf US duula farra shororokeessummaa garee al-Qaayidaa irratti banteen dirooniin deeggaraa, milkaahina argachuu himtulleen, Afgaanistaanii fi Paakistaan keessatti lubbuu namoota nagaa dhibbaan lakkaawwaman galaafachuun hedduu qeeqamti.

Syracuse University'tti Piroofeesara damee Inistitiyuutii nageenya biyyaalessaa fi Ittisa Shororkeessummaa kan ta'an Wiiliyaam Baanks, diroonii ''namatu to'ata waan ta'eef dogoggorri nama nagaa ajjeesuu mudataa'' jedhu.

Pireezidantiin duraanii US Baraak Obaamaan tibba duullii mootummaa isaanii jabaatee fi qeequumsi hammaatee tureetti balaa sagantaan diroonii qabu hubachuu dubbatanii ture.

Boodas namoonni nagaan haleellaa diroonii kamiinuu akka hin miidhamnetti, sadarkaa dhibbaan dhibbatti hanga hin mirkanoofnetti akka haleellaan hin raawwatamne imaammata qopheessanii ture.

Dirooniiwwan waraanaa akka xiyyaara waraanaa guddoo miti garuu ammoo nama malee balali'anii ergama kan raawwatan ta'uun keessumaa bakka loltuu erganii waraanuun yaaddoo ta'etti filannoo gaarii ta'aa dhufaniiru.

Adeemsi dirooniin haleellaa raawwachuu walxaxaa fi ulfaataa ta'uu isaatiin ogeeyyii jabaa gaafata.

Ogeeyyiin fayyadama sagantaa diroonii waraanaa qeeqan milkaa'ina teeknoolojii kanaa caala miidhaa hedduudha qaba jedhu.