Wallagga Lixaa magaala Biilaatti haleellaa 'diroonitiin' lammiilee nagaan ajjeefamuu jiraattonni himan

Haleellaa qilleensarraa mootummaan Godiina Wallaga Lixaatti gaggeesseen lammiilee nagaan heddu du'uu jiraattonni BBCtti himan.
Aanaa Boojjii Dirmajjii magaala Biilatti Sadaasa 2 gaafa Roobii haleellaa diroonii gaggeeffameen jiraattonni heddu du'uu isaanii namoonni maatin jalaa du'anii fi jiraattonni BBCf mirkaneessan.
Jiraataa magaala Biilaa kan ta'an tokko namoota haleellaa qilleensarraan gaafa Roobii ajjeefaman keessaa tokko ilma isaanii barataa sadarkaa lammaaffaa baratu akka ta'e BBCtti himan.
"Jawaar jedhama, mana barumsa Boojjii Dirmajii Sadarkaa 2ffaatti kutaa 11ffaa barata ture. Manuma baruumsaa oolee galee ajjeefame" jedhan.
Dabaluunis, "Guyyaa sana lolli homaatuu naannoo keenya hin turre. Naannoo ijoolleen mana baruumsatii bahanitti hoggantoonni [mootummaa] magaala gadi dhiisanii bahaa turan. Namni hunduu maaltu akka uumame waan wallaalef bakkee bahee ture," jedhu.
Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Biilaatti luboota tajaajilan keessaa lubni nageenya isaanif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, namoota gaafa Sadaasa 2 haleellaa qilleensarraa magaala Biilatti gaggeeffameen ajjeefaman keessaa miseensonni waldattii keessatti akka argaman BBCtti himan.
Haleellaa diroonii kanaafi miidhama namoota nagaarra gahe ilaalchisee qaamolee nageenyaa fi bulchiinsa sadarkaan jiru dubbisuuf yaaliin BBC'n irra deddeebiin taasise hin milkoofne.
Namoota nagaa haleellaa qilleensarraa magaalattiitti gaggeeffameen du'anii ilaalchisee jiraattonni lakkoofsa garaa garaa himu.
"Yoo xiqqaate namoonni 60 ol ajjeefamaniiru. Aniyyuu mucaan obboleettii kootii kutaa 11 baratu du'ee gadda taa'aa jirra. Mana sadi keessaa nama lama lamatu du'e," jedhu lubni kun.
Haleellaa gaafa Roobii qaqqabeen bulee hanga sa'aatii shaniitti reeffi ka'ee akka hin dhumnee fi ofii isaanituu reeffa namoota hedduu dhaqanii akka argan dubbatu.
BBC'n lakkoofsa namoota haleellaa kanaan lubbuu dhabanii kan jiraattotaan himamu malee ofiin qulqulleeffachuu hin dandeenye.
"Reeffi osoo hin ka'in ture maatin isaanii kan warra baadiyyaa jiraniiti. Namoota wajjin mariyannee reeffa ni kaasna erga jennee booda maatin dhufanii reeffa fudhachuu isaanii dhageenye," jedhan.
Walda Makaana Yesuus damee garaa garaa qofaatti miseensota waldaa du'an nama 11 awwaaluu isaanii dubbatu lubni kun. Nama tokko ammoo Waldaa Beetelitti awwaalamuu isaa fi waldaa biraatti ammoo namoonni sagal awwaalamuu isaanii odeeffannoo qabaachuu himan.
'kan ajjeefaman harki guddaan namoota nagaadha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraatan ilmi isaanii jalaa ajjeefame akka jedhanitti gaafa Roobii osoo haleellan diroonii magaala Biilatti hin gaggeeffamin dura hojjattoonni mootummaa magaalattii gadi dhiisanii bahaa turan.
Namoonni BBCn dubbise kunneen akka jedhanitti lolli homaatuu qaama mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti hin gaggeeffamne. Inumaayyuu waraanni mootummaa dursee akka magaala keessaa bahe himan.
"Waraanni mootummaa dursee waan baheef osoo WBOn magaala hin seenin dura dargaggoonni tokko tokko waajjiraalee mootummaa irratti saamicha garaa garaa gaggeessaa turan. Boodarra waraanni WBO dhufee qabeenya akka hin saamnef ijoollee dhorkaa turan," jedhu.
Lubni Waldaa Makaana Yesuus gama isaanitiin yeroo haleellan gaggeeffamu bakka waldaa akka turanii fi odeeffadheera akka jedhanitti, waardiyyaa baankii fa'aa irraa ijoollen meeshaa fudhannaan loltoonni WBO ijoollen meeshaa akka deebisanii fi saamicha hin gaggeessineef walitti qabee gorsaa ture.
"Osoo ajajaan isaanii ijoollee gorsaa jiruu namoonni itti tuucha'anii waan ta'aa jiru ilaaalaa turan. Kana gidduudhani egaa haleellan diroonii kan gaggeeffame. Akkan odeeffadhetti namoota achitti du'an keessa miseensota Waraana Bilisummaa sadi qofatu jira, warri kaan namootuma nagaadha," jedhan.
Buufata fayyaa magaala Biilatti ogeessi fayyaa maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate akka jedhetti guyyaa haleellan qilleensarraa gaggeeffame sana gara ganamaa hojii galanis hojjattooni mootummaa ganama irraa kaasanii magaalattii gadi dhiisanii bahaa akka turan hima.
Sana booda haleellaa qilleensarraa gaggeeffameen namoonni miidhamanii buufata fayyaa dhufaa akka turan hima. "Guyyaa sana madaa jajjabaadhan kan dhufan nama 78 turan. Isaan keessaa namoonni 6 achuma buufata fayyaatti battala du'an."
"Kilinikoota dhuunfattis geeffamanii kan du'an jiru. Buufata fayyaa keenyatti kan du'e amma nama 8 gaheera. Walumaa galatti naannoo keenyatti namoonni du'an 69 sagal akka ta'an odeeffannoo qaba," jedha ogeessi fayyaa kun.
'Namoonni baay'een waldhaansa gahaa dhabuu du'an'
Oggeessi fayyaa kun akka jedhutti namoonni madaa'anii gara buufata fayyaa deeman baay'en isaanii kan du'an waldhaansa gahaa dhabuu isaanitini. Waldhaansa gahaa dhabuuf sababni ammoo buufaticha keessa qorichi gahaan jiraachuu dhabuu fi ambulaansin ittiin miidhamtoota gara hospitaalotaatti ergan dhabamuudha.
"Nuti qoricha gahaa hin qabnu waan ta'eef dhiiga dhaabuu qofaa irratti hojjanne. Namoonni dhufan madaan isaanii kan rasaasaa osoo hin taane qaamni isaanii bakki garaa garaa boboccoqamaadha. Baay'en isaanii waldhaansi gahaan waan hin jirreef manatti galanii fa'aa kan du'an jiru."
Haleellaa gaafa Roobii raawwateen hanga gaafa Jimaata BBCn ogeessa fayyaa duubbisuutti iyyuu namoonni waldhaansa dhabuu irraa kan ka'e du'aa akka jiran hima ogeessi fayyaa kun.
Barsiisan ilmi isaanii jalaa ajjeefames, "Ilmi koo erga rukutamee booda fuudhee kilinika dhuunfan geesse. Manatti gallee dhiigni afaani funyaanin keessaa yaa'ee waldhaansa dhabee bulee [gaafa Kamisaa] du'e. Kunoo har'a [Jimaata] awwaalle," jedhan.
"Mana baruumsatii galee takka turee gadi bahe. Ani Masgiida dhaqen se'e. Gaafa sagaleen dhohiinsa dhagahamu fiigee gadi bahee gaafan barbaadu hiriyaan isaa tokko koottu as jiraa naan jedhe. Yeroo sana lubbuun keessa hin baane," jedhan.
Ogeessi buufata fayyaa magaala Biilaa BBCn dubbise akka jedhutti ambulaasnin erga tajaajila kennuu dhaabee waggaa lama akka ta'ee fi kanarraa kan ka'e namoota miidhaman gara hospitaalota Najjoo ykn Gimbiitti rifarii gochuun akka hin danda'amne himuun, "baay'en isaanii osoo waldhaansa gahaa dhabuu irraa kan ka'e du'an," jedha.
UKn lammiilenshee akeekkachiisuu
Waraana Moootummaan fi Waraanni Bilisummaa Oromoo itti jiraniin yeroo dhiyoo as mootummaan godinaalee Orimiyaa garaa garaa keessatti haleellaa qilleensa irraa raawwataa jira.
Kanumaan wal qabatee sababa haleellan qilleensarraa raawwachuu maluuf lammilen ishee gara Lixa Oromiyaa, Kaaba Shawaa, fi gaarren Baalee akkasumas naannoo Amaaraa bakkeewwan muraasa, Uummatoota Kibbaa, Koonsoo akka hin imalle UKn akeekkachiiste.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ji'a Onkoloolessaa keessa aanaalee Cobii, Meettaa Wal-qixxee fi Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaa qilleensarraa mootummaan hidhattoota WBO irrattan fudhadha jedhuun lammiilen nagaan heddu ajjeefamanii turan.
Oromiyaa keessatti lola mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamaa jiruun lammiilen nagaan gaaga'ama guddaaf saaxilaamaa jiraachuu yeroo garaa garaatti himatu.
Jalqaba ji'a Sadaasaa kana loltoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti lolli jabaachun magaalota akka Mandii, Qilxu Kaarra fi Biilaa dabalatee aanalen muraasi to'annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala jiraachutu himama.
Waraanni Mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture karaa nagaatin akka xumuramuuf qaamoleen lamaanuu Afrikaa Kibbaatti waliif mallatteessaniiru.
Waa'ee waraana Mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamuu karaan nagaan xumuruuf garuu waanti jedhame hanga ammaa hin jiru.
Kanaan dura mootummaan naannoo Oromomiyaas ta'ee kan Federaalaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin mariin nagaa godhamu hin jiru, humnaan balleessina jechaa turuun isaanii ni yaadatama.












