Sirna mallattoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF Piriitooriyaa suuraadhaan

Gorsaan Nageenyaa MM Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessan

Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF marii Afrikaa Kibbaatti guyyoota kudhaniif gaggeessan booda dhumarratti waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'aniiru.

Mariin nagaa yeroo dheeraaf eegamaa ture waliigalteen xumuramuun lammiilee Itoophiyaa fi hawaasa idil-addunyaa hedduu biratti miira gammachuu uumeera.

Waliigaltee kana mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun Gorsaa Nageenyaa Ministira Muummee Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Humnoota Tigraay bakka bu'uun Dubbi himaa TPLF Geetaachoo Raddaatu mallatteessan.

Obbo Geetaachoo Raddaa ibsa waloo abbaa qabxii 12 wayita dubbisan
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsa waloo abbaa qabxii 12 wayita dubbisan

Marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti Afrikaa Kibbaatti Onkoloolessa 24 eegalee Roobii kaleessaa (Sadaasa 02, 2022) goolabame kana Ameerikaa, Igad fi UN irraa qondaaltonni taajjabaa turaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu magaalaa Piriitooriyaatti wayita mallatteeffamu kanneen adeemsa marii kana keessatti hirmaatan marti galateeffatamaniiru.

Jaarsa araaraa- Obaasaanjoo, taajjabdoota, bakka buutota mootummaa fi TPLF akkasumas hirmaattota marichaa kaan bakka tokkotii

Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa kan ta'an Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obaasaanjoo gareen lameen waliigalteerra ga'uu wayita ibsan, ''kun xumura marii araaraa osoo hin taane jalqabbii gaariidha,'' jedhan.

Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa kan ta'an Gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obaasaanjoo
Bitaarraa gara mirgaatti Pireezidantii Itti Aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa Pumzile Malaamboo-Naakuk, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Pireezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa, Oliseegun Obaasaanjoo, Obbo Geetaachoo Raddaa, bakka buutuu UN

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Obbo Geetaachoo Raddaa erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessanii booda bakka taajjabdoonni fi hirmaattonni marichaa hundi argamanitti harka walfuudhan.

Qondaaltonni gam-lachuu bakka bu'uun wal himataa ba'an haala kanaan harka walfuuchuun namoota hedduutti abdii horeera.

Miidiyaa hawaasummaarratti namoonni wayita kana argan gammachuu ibsataniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan fi Obbo Geetaachoo Raddaa erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessanii booda harka walfuudhan

Odeessaalee dabalataa: