Ibsi waloo mootummaa Itoophiyaa fi TPLF maal jedha?

Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniifi obbo Getaachoo Raddaa waliigaltee mallatteessa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa fi humnootni Tigraay Roobii Sadaasa 2/2022 Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti jaarsummaa Gamtaa Afrikaan waliigaltee waraana dhaabuu mallatteessaniiru.

Qaamoleen lameen ibsa waloo qabxii 12 qabu baasanii gara waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuutti ce'an.

Qabxiiloon ijoo ibsa waloo isaanii kun sagalee dhukaasaa hambisuu, olola qaamolee lamaan gidduu deemu dhaabuu, mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa akka dhiyeessuu kan jedhan fi kaanis ni argamu.

Waliiglateen kun obbo Getaachoo Raddaa fi Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin mallatteeffame.

Ibsi waloos bakka buutota qaamolee lamaan kanatu wal-harkaa fuudhee duubbise.

Tokkoffaa:

Mootummaan Federaalaa Rippablika Demokraatawaa Itoophiyaa fi TPLF, waliigaltee nagaa aaraaa fi waraana dhaabuu kanaan, bakka bu’oonni mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi TPLF, marii cimaa guyyoota kudhaniin booda waliigaltee nagaarra gahuusaanii, uummata Itoophiyaafi addunyaa maraaf, beeksisuu barbaanna.

Lammaffaa:

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbataan dhukaasa dhaabuufi Kaaba Itoophiyaatti lola ganna lamaaf turetti xumura kennuuf waliigalleerra.

Sadaffaan:

Waraanni kun mancaatii lubbuu namaafi gaaga’ama hedduu fideera. Kanaafuu boqonnaa waldhabdee boodatti dhiifnee, nagaafi tasgabbiin jiraachuuf fedhii uummata Itoophiyaa maraati.

Afraffaa:

Walabummaa fi birmadummaan daangaa Itoophiyaa kabajamuu akka qabuufi heerrii mootummaa biyyattii kabajamauu akka qabu waliigalleerra. Kanaafuu Itoophiyaan humna ittisaa tokko calla qabaatti.

Kana malees, haala qabatamaa lafarra jiru tilmaama keessa galchuun, loltoota TPLF’f sagantaa waraana hiikkachiisuu, fi hawaasatti deebisuu irratti waliigalleerra.

Shanaffaa:

Mootummaan Itoophiyaa ejensiiwwan qarqaarsa namoomaa wajjin hojjechuu itti fufuun, kanneen qarqaarsi barbaachisu hundaaf akka dhiyeessu waliigalameera.

Jahaaffaa:

Tarkaanfiiwwan cehumsaa naannoo Tigraay keessatti heera mootummaa bakkatti deebisuu , akkasumas sagantaa haqa ceehumsaa, itti gaafatamummaa, dhugaafi araaraa of keessaa qaburratti waliigalleerra.

Torbaffaa:

Waliigaltee kana hojiirra oolchuuf akka nu gargaaruuf, lola gosa kamiyyuufi pirooppogaandaa hatattamaan dhaabuuf waliigallleerra. Kanumaafis lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi alaa jiran, waliigaltee kana akka deeggaran, sagalee qoqqodiinsaa fi jibbaa akka dhaaban, akkasumas humna isaaniin diingadeen akka bayyanatuuf akka gumaachaniifi hariiroon hawaasa gidduu ture akka haaromu akka hojjetaman gaafanna.

Saddeettaffaan:

Mootummaan Itoophiyaa naannolee miidhaman hundatti tattaaffii tajaajiloota bu'uraa deebisuu cimsee itti fufa. Waliigalteen kun raawwii isaaf deeggarsa uummataa gaafata.

Seenaa biyyattii keessattis boqonnaa haaraa fi abdii qabuudha.

Qabxileen afran hafan qaamolee mariin nagaa kun akka milkaahu gumaachan galateeffachuu fi dhaabbileen idila addunyaa biyya waraanni mancaase kana deebisanii ijaaruuf tumsa akka gidhu gaafata.