'Giddu-seentummaan bitaafi mirgaan jiraachuu baannan nagaa ni milkaa'a' - MM Abiy

Madda suuraa, AFP
Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) heeraa fi seera biyyattii kabajuun naannoolee biyyattii keessaa akka tokkootti akka socha'aniif amansiisuu yaalla kan jedhan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, ''gidduu seentummaan bitaa fi mirgaa hin jiru taanaan nageenyi ni milkaa'a'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy miidiyaa Chaayinaa- CGTN jedhamutti wayita dubbatan, biyyoonni alaa karaa garaagaraatiin dhiibbaa taasisan illeen, lammiileen Itoophiyaa garuu rakkoosaanii ofumaan ni furatu jedhan.
''Bitaa fi mirgaan akka fedhan keessa seenu yoo ta'e, haalonni ulfaachuun nama hin shakkisiisu,'' jedhan MM Abiy.
''Lammiileen Itoophiyaa rakkoo keenya ofii keenyaan furachuu akka dandeenyu hubachuu qabu.''
Ministirri Muummee Abiy Ahmad waraanni federaalaa ji'a darbe keessa magaalota ijoo naannoo Tigraay keessatti argaman- Shiree, Aksuum fi Adwaa harka TPLF jalaa walaboomsuun ofii to'achuu ibsaniiru.
''TPLF akka seera biyyattii kabajuuf amansiisuuf guddoo ifaajaa jirra. Heera biyyattii kabajanii Itoophiyaa waliin tokko ta'uu hubatanii akka jiraataniif baayyee yaalaa jirra,'' jedhan.
Mariin nagaa humnoota Tigraay fi mootummaa gidduutti Afrikaa Kibbaatti eegalameef yeroon itti goolabamu kan hin kaa'amne ta'uu dura taa'aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaamat Wiixata kaleessaa (Onkoloolessa 31, 2022) ibsaniiru.
Mariin kun Onkoloolessa 25, 2022 eegale, Dilbata darbe xumurama jedhamee kan ture itti fufee gaggeeffameera jedha gabaasi AFP.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti erga eegalee waggaa lama ga'eera.
Waraana kanaan kanneen kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa baqataniiru.
US, UN fi Gamtaa Afrikaa dabalatee hawaasi idil-addunyaa waraanni dhaabbatee rakkoon jiru mariidhaan akka furamuuf yeroo dheeraaf erga dhiibbaa gochaa turanii booda, mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti eegalus mariin kun akkamiin gaggeeffamaa akka jiruu fi maalirra akka ga'e wanti ifatti beekamu hin jiru.
Mariin torban darbe gaafa Kibxataa jalqabee Dilbata darbe kana ni xumurama jedhamee ture hanaga Roobii dheereffamuu maddeen BBCtti himaniiru.
Mariin kuni waraana waggaa lamaaf tureefi lubbuu lammiilee kumaan lakkaa’aman galaafate akkasumas kaan hedduu balaarra buuse xumura itti tolchuuf kaayyeffate.
Qaamoleen waraana keessa jiran lamaan yeroo mariif taa’an kuni yeroo jalqabaafi.
Bakka buutonni olaanoo qaamolee lamaanis hirmaataa jiraachuutu himama.
Mariin kuni galma cufaatti Magaalaa Piritoriyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Wal-ta'insa Afrikaa Kibbaatti [Ministeera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa] adeemsifamaa jira.
Sadarkaa mariin itti jiru garuu Gamtaan Afrikaas ta’e qaamoleen mariirra jiran waan jedhan hin qabani.
Mariin kuni Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu yoo ta’u Yunaayitid Isteet, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi IGAD taajjabdootadha.
Haa ta’u malee, lolli Tigraayitti ammallee hin dhaabatiin akka jiru gabaasaaleen ni mul’isu.












