Mariin nagaa Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti taa'amaa jiru hanga Roobiitti dheereffame

Mariin nagaa dhimma Itoophiyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Gamtaa Afrikaa Kibbaatti adeemsifamaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Mariin nagaa dhimma Itoophiyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Wal-ta'insa Afrikaa Kibbaatti adeemsifamaa jira

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti torban darbe Afrikaa Kibbaatti eegale hanga Roobii dheereffamuu BBC’n maddeen irraa odeeffate.

Mariin torban darbe gaafa Kibxataa jalqabe Dilbata kaleessaa ni xumurama jedhamee ibsamee ture.

Mariin kuni waraana waggaa lamaaf tureefi lubbuu lammiilee kumaan lakkaa’aman galaafate akkasumas kaan hedduu balaarra buuse xumura itti tolchuuf kaayyeffate.

Qaamoleen waraana keessa jiran lamaan yeroo mariif taa’an kuni yeroo jalqabaafi. Bakka buutonni olaanoo qaamolee lamaanis hirmaataa jiru.

Mariin kuni galma cufaatti Magaalaa Piritoriyaa Waajjira Hariiroo Alaafi Wal-ta'insa Afrikaa Kibbaatti [Ministeera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa] adeemsifamaa jira.

Sadarkaa mariin itti jiru garuu Gamtaan Afrikaas ta’e qaamoleen mariirra jiran waan jedhan hin qabani.

Mariin kuni Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu yoo ta’u Yunaayitid Isteet, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi IGAD taajjabdootadha.

Haa ta’u malee, lolli Tigraayitti ammallee hin dhaabatiin akka jiru gabaasaaleen ni mul’isu.

Qaamolee lamaan waliigalteetti fiduuf aangawoonni Afrikaa sadii jaarsummaan irratti hirmaataa jiru.

KunneenisPirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Olusegon Obasaanjoo, Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaafi Pirezidantiin I/Aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa Pumzile Malaamboo – Naakuk dha.

Mariin kuni yeroo waraanni federaalaa bakkeewwan dabalataa humnoota Tigraay jalaa fudhateefi buufatawwan xiyyaaraa naannicha jiran to’achuuf akka jedhu jirutti jalqabe.

Haata’u malee, waraanni waliinii Itoophiyaa akka furmaata hin arganne wantoonni danqaa ta’uu malan jiru. 

Humnoota Tigraayiif dhimmi ijoo waraanni saffisaan akka dhaabatuufi deeggarsi namoomaa akka seenu gochuudha.

Sababa waraana kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman gargaarsaaf saaxilamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Sababa waraana kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman Kaaba Itoophiyaatti gargaarsaaf saaxilamaniiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadi isaanii kuni dhaabbilee idil-addunyaan kan gaafatamaa turedha.

Angawoonni mootummaa federaalaa immoo 'biyya tokkotti waraanni lama jiraachuu hin danda’u?’ jechuun humnoonni TPLF meeshaa akka hiikkatan gaafatuu malu.

Dhimmi Ertiraa, bakkeewwan waldhabsiisoo ta’aniifi dhimmoonni seeraa qaamoleen lamaan irratti waliigaluu dhaban wantoota waligalteen akka yeroon hin argamneef danqaa ta’u malanidha.

Dhimmi gargaarsa namoomaafi tajaajiloota bu’uuraa bakkatti deebisuus mariirratti ka'u danda'u.

Dhaabbileen idil-addunyaa rakkoo namoomaa hammaate furuuf waraana xumura itti tolchuun akka barbaachisu ibsaa turaniiru.

Naannoo Tigraayitti lubbuu lammiilee miliyeenaa oolchuuf gara naannichaa galuun hayyamamuu akka qabu anga’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) torban darbe gaafataniiru.

Lammiileen hedduun gidiraa hamaa keessa jirus jedhe dhaabbatichi. Eega Hagayya waggaa darbe lolli akka haaraatti eegale gargaarsi naannicha seenaa hin jiru.

Sababa waraana waggaa lama tureen lammiileen kumaan lakkaa'aman akka ajjeefaman amanama. Kunis, waraana, dhibee yookiin hanqina nyaataarraa kan ka’en ta’uu mala.

Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman immoo Naannoo Tigraay, Amaaraafi Afaarirraa qe'eerraa buqqa'un ni yaadatama.