Ibsa Gamtaa Afrikaa marii dabalataa TPLF fi mootummaa Itoophiyaan barfate eegalame

Mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti gaggeefamaa jiru maalirra akka gahe har'a ibsama

Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti mariin nagaa Afrikaa Kibbaatti guyyootaaf gaggeefamaa ture maalirra akka gahe Gamtaan Afrikaa ifa gochuuf wayita qophii xumuretti qaamoleen lameen marii dabalataa waan fedhaniif yeroon itti ibsi kennamu barfatee eegale.

Waraana Waliinii Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefamaa jiruuf fala siyaasaa soquuf mariin jalqabaa erga magaalaa Piritoriyaatti gaggeefamuu eegalee torban tokko lakkaa'ameera.

Marii nagaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti kan hoogganaa jiran pireezidantii duraanii Afrika Kibbaa Oliseeguun Obasaanjootu ibsa kana miidiyaaleef kenna jedha Gamtaan Afrikaa.

Obasaanjoon waajira haajaa alaa Afrikaa Kibbaatti sa'aa 10 irra eegalee ibsa ni laatu jedhamee kan ture ta'us, TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduu mariin dabalaa waan barbaachiseef ibsa kana laachuun barfateera.

Gaazexessitoota BBC dabalatee kaanis ibsa kana hordofuuf galma keessaa akka bahan ta'ee tures deebi'anii akka galmatti eegan ta'eera.

Mariin nagaa kun Kibxata darbe erga gaggeefamuu eegalee Wiixata darbe goolabama jedhamee eegamaa turus, itti fufeera.

Hanga ammaa odeeffannoon mariin kun maalirra akka gahe himus bahaa hin turre.

BBC'n mariin kun hanga har'aa itti fufaa jiraachuu maddeen isaa irraa hubateera.

Mariin kun magaalaa Piritooriyaa waajira haajaa alaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajandaawwan marii nagaa kanaa maal akka ta'aniis ifatti hanga ammaa wanti himame hin jiru.

Haata'u malee dubbii himaan waajjira dhimma alaa US Need Piraayis Onkoloolessa 31, 2022 ibsa kennaniin qaamoleen mariyatan wantoota afur mirkaneessuf akka ta’e ibsan.

Ibsa kennaniin kaayyoo marii kanaati kan jedhan hatattamaan waraana dhaabuu, lammiilee Itoophiyaa gargaarsi barbaachisu hundaaf gargaarsa dhiyeessuu, nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuu fi waraanni Ertiraa Kaaba Itoophyaatii akka bahu gochuudha.

Gama kaaniin Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma marii nagaa adeemaa jiruurratti ibsa miidiyaa Chaayinaaf kennaniin giddu-seentummaan qaamolee alaa maricha gufachuusuu akka malu yaaddoo qaban isbaniiru.

Mariin kun eegalamuu torban ture keessatti ammoo hiriirri nagaa gidduseentummaa US balaaleffatu magaalota Itoophiyaa adda addaa keessatti gaggeeffameera.

Mootummaan Ameerikaa marii nagaa kana keessatti shoora taajjabdummaa taphachaa akka jirtu ifa ta'eera.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Hamar qondaaltota Tigraay marii kanarratti hirmaatan Maqalee fuudhanii gara Afrikaa Kibbaa akka imalan Rooyitarsi gabaasee ture.