Waliigalteen har’a mallattaa’e rifoormii Itoophiyaan waggaa afur dura jalqabde tarkaanfachiisa- MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) waliigalteen Afrikaa Kibbaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti mallatteeffame imala rifoormii Itoophiyaan waggaa afuriifi wallakkaa dura jalqabde gara fuula duraatti tarkaanfachiisa jedhan.

Mariin nagaa buusuu gaggeessummaa Gamtaa Afrikaatiin (AU) guyyoota 10 darbaniif Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti gaggeeffamaa ture kun waliigalteen mallattaa'eera.

Kana ilaalchisuun MM Abiy qaamoleen mariin kun akka milkaa'uuf hojjechaa turan galateeffachuuf ibsa baasaniin, “Murannoo nuti nagaaf qabnu kan hin jijjiiramnedha. Dhimmamuun hojiirra oolmaa waliigaltee irra ga’amee kanaatiif qabnus akkuma kana,” jedhan.

Bakka buutonni mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay waliigaltee dhaabbataadhaan waraana dhaabuu Sadaasa 02, 2022 mallatteessaniiru.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti jalqabamee waggaa lama guutuuf guyyaan lama hafe kun gaaga'ama lubbuufi qabeenya guddaa erga qaqqabsiiseen booda yeroo jalqabaatiif waraana dhaabuun rakkoo jiru karaa nagaatiin bu'uura seeraafi heeraatiin akka furamu wal mallatteessaniiru.

Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo ''duula walirraa hin cinnee booda TPLF fi Mootummaa Itoophiyaa waliigaltee waraana dhaabuurra gahaniiru,'' jedhan.

Kunis ''dhuma xumura marii araraa osoo hin taane jalqabbii gaariidha,'' jedhan.

Waliigaltee abbaa qabxii 12 kana keessatti humni waraanaa biyyattii keessa jiraahchuu qabu tokko qofa waan ta’eef humnoonni TPLF hidhannoo akka hiikkatan waliigalaniiru jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka waliigaltee mallattaa’e kanaatti birmaddummaafi tokkummaa daangaa Itoophiyaa mirkaneessuuf, akkasumas Heera Mootummaa Itoophiyaa kabachiisuudhaaf qaamoleen lamaan kan waliigalaniiru.

Haala nageenyaa lafarra jiru ilaalcha keessa galchuudhaan aanga’oonni qaamoleen wal waraanaa jiran lamaan “sagaleen rasaasaa akka hin dhaga’mne” waliigaluun waraanichi bifa waara’aa ta’een waliigaltee walitti bu’insa dhaabsisuu danda’u mallatteessaniiru.

Garaa garummaa siyaasaa furuudhaaf naannoo Tigraay keessatti sirna Heera mootummaa akka jiraatu, akkasumas bu’uuraaleen misoomaa waraana kanaan manca’an deebisanii ijaaruudhaaf qaamoleen lamaanuu waliigaluun isaanii ibsameera.

 Sirna waliigaltee mallatteessuu gaggeeffame irratti mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uudhaan gorsaan dhimma nageenyaa biyyaalessaa ministira muummee Ambaasaaddar Rediwaan Huseen, gama TPLFn ammoo aanga’aa olaanaa garee sanaa kan ta’an Obbo Getaachoo Raddaa mallatteessaniiru.

MM Abiy maqaa uummataafi mootummaa Itoophiyaatiin dhaabbileefi namoota, akkasumas qaamoleen mariin nagaa kun akka milkaa'uuf hedduu dhama'an galateeffataniiru.