Horro Guduruu Aanaa Jaarteetti namoonni ajjeefaman, manneen gubatan - Jiraattota

Madda suuraa, Oromia Police/ Facebook
Jalqaba torban kana Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa Alibootti ajjeechaan raawwatuufi manneen jireenyaas gubachuu jiraattonni himan.
Manneen jireenyaan ala manneen amantaa irrattis haleellaan raawwachuu BBC’n jiraattoota bakkichaa gara magaalaa godinaa Shaambuutti baqatan irraa odeeffateera.
Haa ta'u sababa bilbilli hin dalagneef lakkoofsa namoota du'an jedhamaniis ta'e waan Jaarteetti raawwate jedhame ofiin BBC'n mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Haleellaan kuni erga poolisiin Oromiyaa xumura torban darbe magaalattii gadhiisee bahe booda torban kana gaafa Kibxataa dhaqqabuu ibsame.
Magaalaan Aliboo gama Lixa biyyattii Finfinneerraa 360km fagaatti.
Badii raawwateef jiraattonni hidhattoota Amaaraa finxaaleyyii jedhaniin himatani. Waan gama hidhattootaa jiru BBC’n adda baafachuu hin dandeenye.
Dhimma kana irratti gama aangawoota mootummaa wanti jedhame hin jiru. BBC'n aangawoota aanaa hanga naannoo jiranirraa odeeffachuuf yaalee ture.
Torban muraasa keessatti mootummaan ala hidhattooti mootummaan Shanee jedhuufi amma immoo humnooti finxaaleyyii jechuun jiraattonni waaman magaalaa Aliboo to’ataniiru.
‘’Waraana marsaa sadii kessummeessite magaalaan suni,’’ jechuun ibsu jiraataan maqaa nuuf dhoksaa jedhan tokko.
Hidhattoonni maqaa sabaa dhahatan haleellaa raawwataniin badiin yoo dhaqqabu kuni kan duraa miti. Mootummaan lammiilee tiksuu dhabuunis jiraattotaan komatama.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) ibsa tibbana baasen rakkoo nageenyaan Lixa Oromiyaatti lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman buqqa’uu hime.
Walitti bu’iinsa itti fufeen lakkoofsi kuni dabaluu akka danda’uufi sochi gargaarsa namoomaarratti dhiibbaa uumuu beeksise. Akkasumas, deeggarsaaf ummata dhaqqabuun rakkisaa ta’uu hime.
'Hirmii baafadhaa jedhanii natti bilbilan'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka jiraattonni nageenya isaaniif maqaa nuuf dhoksaa jechuun BBC’tti himan jedhanitti, rakkoon magaalaa Aliboofi gandoota jala jiranirratti dhaqqabe.
Akka jiraattotaatti, Aliboo dura hidhattooti Amaaraa kan dhalootaan aanichuma ta’aniifi Abbayya ce’anii dhufan aanichuma keessa magaalaa Jaardagaas erga to’atanii bubbuleera.
‘’Manneen magaalaa Jaartee [Aliboo Jaartettis ni waamu] karaa tokkoffaarra jiran manni tokko osoo hin hafin kan koo mataa isaa gubateera,’’ jedhan jiraataan biraa.
Jiraataan kuni obboleessi isaanii lubbuun hafee imala sa’aatii 8 booda Shaambu gahuu dubbatan.
‘’Guyyaa facaasaa irraa kaasee hanga har’aatti [Jimaata] mi’a harree, motoratti guuru,’’ jechuun himan.
Aliboon magaalaa Godina Horro Guduruu Shaambuu irraa 50km fagaachuu jiraattonni dubbatu. Haa ta’u malee, sababa tajaajilli konkolaataa adda citeef namoonni miilaan imalu.
Haleellaa tibbanaan jiraataan fira dhihoo lama dhabuu BBC’tti himan yeroo ammaa magaalaa Shaambuutti gadda taa’aa akka jiran dubbatani.
‘‘Arfan isaanii masjiidatti awwaaleera. Hirmii keessan baafadhaa jedhe kaleessa [Kamisa] nuuf mirkaneesse,‘‘ jedhan.
Kanneen du’an keessaa abbaan ijoollee torbaa akka jiran himan. Akka isaan jedhanitti, firri isaanii lafa networkiin jiru bahanii bilbilaniif malee bilbilli adda citeera.
Maatiin isaanii biroo immoo hidhattoota kanaan qabamanii akka jiran himan.
Kaayyoon hidhattoota kanaa ifa ta‘u baatus kana dura hidhattooti WBO kan mootummaan galmee shororkeessummaa jala kaa’e sabaan fo’anii haleellaa raawwachuun himatamu.
Eegasii of ijaaruun haleellaa haalo ba’umsaa kan isaan ‘ofirraa ittisuu’ jedhan raawwachuu eegalu dubbatu.
Jiraattota hidhattoota kanaaf dahoo kennan jedhanis waggoota muraasa darban haleellaa irratti raawwachuun himatamu. Kanaanis, lammiileen qe’eefi qabeneya isaaniirraa buqqa’uf dirqaman.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa baatii Fulbaana keessa humnoota hidhatan lamaaniin: WBO fi hidhattoota Amaaraan magaalaa Aliboofi Jaardagaatti raawwateen hedduun buqqa’aniiru.
Kanneen Aanaa Amuruu irraa buqq’an dabalatee kumaan kan lakkaa’aman gara magaalaa Shaambuu guyyaa tokko – sadii keessa imalanii Shaambuutti dahataniiru.
Ta’us, osoo kanneen buqqa’an magaalaa Shaambuu jiraniiti haleellaa biraa raawwateen haleellaa tibbanaan namoonni biroo buqqa’aa jiran jedhan jiraattonni.
‘’Kanneen deebi’anii galanii bakka qabatanii jiraniis, bakka tokko tokkotti hin buqqa’in hafanis amma bifa haaraatiin meeshaa jajjaboo hidhatanii buqqisani,’’ jedhan jiraataan Shaambuutti baqatan.
'Waraanni sadanuu nuuf rakkoodha'
Mootummaan lammiileef eegumsa jabaa gochuu dhabuudhaan komiitu irratti ka’a.
Jiraataan maqaa naaf dhoksaa jedhan ‘’sadanumti isaanii unuuf madda rakkooti,’’ jechuun komii jabaa ibsu.
‘’Ummanni sadan isaaniiyyuu waan sodaatuf keessummeessa malee fedhii waraanaa hin qabu. Waggaa afur itti furamanii barbadeessaniiru ummata kana.
‘’Ummata beela argee hin beekne, ummata dheebuu argee hin beekne qaamonni sadan akka hin jirre godhan. Inni jirus laga jira waan nyaatu, waan dhugu hin qabu,’’ jechuun ibsa.
‘’Inni fira qabu gara godinaa, gara Oromiyaa [Finfinnee] baqachaa jira. Inni kaan immoo achumatti dhumaa jira. Nuuf sababa kan ta’e immoo waraanni kuni sadanuu nuuf rakkoodha,’’ jechuun himan.
Hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu bara 2019 ifatti dhaaba ABO seeraan galmaa’erra adda bahuun sochii hidhannoo itti fufaniiru. TPLF waliinis waliigaltee tolfatan.
Taatullee waraana humnoota mootummaa gidduu adeemaa jiruun lammiileen hedduu lubbuu dhabaniiru, kan qe’eerraa buqqa’anis hedduudha.
Haa ta’u malee, hanga waraana Kaaba biyyattii dhihoo waliigaltee nagaan raawwate xiyyeeffannoo addunyaa hin arganne jechuun komiin ni ka’a.












