Waa'ee haleellaa Horroo Guduruu jiraattonni maal jedhu?

Haleellaan hidhattootaan namoota nagaa irra gahu dabalaa dhufe jedhame

Haleellaa hidhattoonni Godina Horro Guduruu Wallaaggaa aanaalee Jaardagaa Jaartee fi Amuruu keessatti raawwataniin lubbuu namootaafi qabeenyarra miidhaan gahuu jiraattonni BBC'n dubbise himan.

Jiraataa aanaa Amuruu, ganda Goobuu Sirbaa haala keessa jiran yoo ibsu aanaa Amuruu keessa '‘gandi nagaa qaba jennuu hin jiru,’’ jedha.

Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaarraa BBCn kan dubbise Imaad Abdulfataah, dhimma Godina Horro Guduruu Wallaggaa kana hordofaa akka jiraniifi ajjeechaan hidhattootaan naannoo sanatti raawwatamus yeroodhaa gara yerootti dabalaafi yaachiisaa ta'aa dhufuu himan.

Itti dabalunis aanaa Amuruutti namoonni baayyeen ajjeefamuu, qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqaafamuu akkasumas haaluma walfakkaatuun Horroo Bulluqii fi Jaardagaa Jaarteettis yakki walfakkaatu raawwatamuu quba akka qaban BBCtti himan.

Jiraataan Aanaa Amuruu irraa BBCn dubbise tokko, haleellaa hidhattoonni raawwataniin, ''namoonni 50 madaa’uu, 20 lubbuun darbuu akkasumas manneen barnootaa gubachuu, buufataaleen fayyaa caccabuu beeka,'' jedha.

''Nuti amma baqannee jirra. Aanaa irraa gadi nu arii’anii bosona keessa jirra,'' jechuun haala keessatti argaman ibsan.

Akka jiraataan kuni jedhutti, haleellaan kan raawwate ''humnoota Amaaraa Faannoo jedhamaniin yoo ta'u kan nurratti qindeesse immoo namoota warra aanaati,'' jechuun himata.

Jiraataan kun kana haa jedhan malee, mootummaan Federaalaa dhuma torbee darbee ibsa dhimma kanarratti baaseen hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan ABO Shane jechuun waamuun, aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti milishootaa fi uummata nagaarratti ajjeechaa raawwatan jechuun himate ture.

Jiraataan BBC'n dubbise kun garuu WBOn ganda Goobuu Sirbaa keessa akka hin jirre kaasuun, ''uummanni waanuma qabuun, eeboodhaan fa’i ofirraa ittisaa ture,'' jechuun ibsa.

Ammaan tanas Aanaa Amuruu keessa gandi Irgatee jedhamtu warra Faannootu, ''guutummaan guutuutti qabatee jiras,'' jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli Komishinii Mirga namoomaa BBCn dubbise kun garuu, haleellaa hidhattootaan godinicha keessatti raawwatameen namoonni nagaa 100 ta'an ajjeefamuu, kanneen kumaatamaan lakkaa'an qee'efii qabeenya saanii irraa buqqaafamuu akkasumas qabeenyaan ummanni naannichaa ittiin jiraataa ture hedduun saamamuu ragaan odeeffatan akka agarsiisu dubbatan.

Dhaabbanni isaanis ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu qolachuufis tarkaanfiin rakkoo naannoo sana jiru madaalu hin fudhatamne ammantaa jedhu kaasaniiru Obbo Imaad.

Kanaafu, ammas mootummaan rakkoon sun walxaxaafi hammataa akka ta'e hubatee tarkaanfii rakkinicha madaalu akka fudhatuuf waamicha taasisan.

Jiraattoonni BBCn dubbise ammoo qaamni mootummaa naannichatti argamu yoo loon keenyaa hidhattootaan oofamanii fudhatamanis ta'e, nus nu ittisaa hin jiru jechuun komatu.

Kamii jiraattoonni kaasana kanaaf bulchiinsa godinichaa fi aanaalee rakkoon nageenyaa keessatti mudate akkasumas mootummaa Oromiyaa fi feeraalaarraa irraa deebii argachuuf yaaliin BBCn taasisee hin milkoofne.

Mootummaan ''Addi Bilisummaa Oromoo meeshaa isin saamuufi jechuun uummata hiikkachiise, garuu ammoo warra kaaniin hidhachiisee, isaan immoo Shanee ajjeesne jedhanii uummata fixan,'' jedhu jiraataan kun.

Ummanni rakkoo keessa jiruu mootummaatti akka iyyatan, garuu hanga shanee of keessaa bafataniitti jechuun deeggarsa akka hin taasifneef kaasu jiraatan kun.

Jiraataan aanichaa BBCn dubbise kan biraas, rakkoon nageenyaa Godina Horroo Guduruu Wallagaa yoo xiqqaatee waggaa tokkoo ol lakkoofsiisuu himu.

Yeroo kana keessattis jiraattoonni godinichaa gidiraa cimaa keessa dargaa akka jiru himu.

''Rakkoo naannichaatiif akkuma jedhamu yoo hidhattoota WBO ta'e, kanaaf furmaata barbaadee ummata tikkisu kan qabu mootummaadha malee saba biraatiin ta'u hin qabaatu'' jedhu jiraataan kun.

Miidhaan ummata godinichaa irra gahaa jiru kanaaf miidiyaalee dabalatee mootummaafi hawaasni diyaaspooraalleen xiyyeeffannaa gahaa hin kennineef jechuun komatan.