Waa'ee haleellaa tibbana Jaardagaa Jaarteetti lubbuu namaa galaafatee maal beekna?

Maappii aanaa Jaardagaa Jaartee

Torbee darbee eegalee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruu keessatti haleellaa qaamoleen hidhatan raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuun gabaafamaa jira.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa Guyyaa lama dura baaseen hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan Mootummaan ABO- Shanee ittiin jedhu, godinicha keessatti ''namoota nagaafi milishoota irratti ajjeechaa raawwate'' jechuun himatee ture.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Wiixata galgala (Fulbaana26, 2022) baaseen, godinichatti Aanaalee Amuruu, Horroo Bulluqii fi Jaargadaa Jaartee keessatti ALI Hagayya 25 irraa kaasee torbanoota sadii keessatti qofa haleellaa hidhattoota WBO kan Shanee jedhaman, humnootii hidhattoota Amaaraa -Faannoo fi namoota dhuufaatiin raawwatameen namoonni nagaa 100 ajjeeffamuu ibseera.

Kana malees qabeenyaa fi loon saamamuu, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo qabeenyaa isaanii irraa buqqaafamun dhiyeessitii deegarsa namoommaa gahaa ta'e malee haala rakkisaa keessatti akka argaman Komishinichi ibsa isaa kanaan himeera.

Odeeffannoo kanas namoota miidhaman, qaamolee haqaa fi bulchiinsa naannichaa akkasumas dhaabbilee gargaarsaa naannicha keessa socho'an irraa argachuu himera.

Hidhattoonni WBO Lixa biyyattii keessatti ''tarkaanfii mootummaan irratti fudhatuun bittinaa'anii osoo deemanii aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti ajjeechaa raawwatan'' jechuun ture ibsi mootummaa kan hidhattoota kanneen balaaleeffate.

Kaayyoon haleellaa hidhattoota kanaa ''ajajaa waraana naannichaa jaal Urjii fi waahillan isaa ajjeefamaniif haaloo bahuufi ayyaana Masqalaa fi Irreechaa gufachiisuudha'' jedha ibsichi.

Faallaa kanaan ammoo ibsi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Wixata baaseen ''Fulbaana 22- 26'tti qindoomina qaamolee nageenyaa mootummaa Federaalaa, Humna Addaa Naannoo Amaaraa fi Faannoon dhalattoota Oromoo irratti ajjeeechaan raawwatameera'' jedha.

Haleellaa gandoota Qilxu Ceekaa, Haroo Waloo, Toombee, Dangaba, Haroo Guddinaa fi Dargee Kootichaa jedhaman keessatti raawwatameen namoonni 100 ol ajjeefmaniiru jedha ibsi jaarmiyaa siyaasaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan kun ''Oromoota naannichaa lafa isaaniirraa kaasuu irratti xiyyeefate'' kan jedhu ibsi ABO, ''mootummaan saba tokko isa kaan irratti kaasaa jira'' jechuunis himateera.

BBC'n taatee aanaa Jaardagaa Jaarteetti ta'e hordofaa turus, magaalaa aanichaa Aliiboo dabalatee jiraattota naannoo sanii argachuuf yaaliin gochaa ture sababa bilbilli hin hojjenneef hin milkoofne.

Haata'u malee maddeen BBC naannolee haleellaaf saaxilaman keessaa fira qabanii fi naannoolee kanatti dhiyaatan dhukaasni akka ture, namoonni nagaan ajjeefamuufi qabeenyi manca'uu himaniiru.

Aanaa Jaardagaa Jaartee irraa fageenya muraasa irratti kan argaman namni nageenya isaaniif jecha maqaa isaaniifi bakka jiraatan hin eerre tokko, Kamisa torbee darbee '‘haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa raawwataniin firoonni keenya qe’ee isaaniirraa baqachaa gara baadiyaatti deemaa jiru,’’ jechuun dubbataniiru.

Ergasii aanichatti tajaajilli intarneetii fi bibilaa addaan waan citeef haala qabatamaan jiru hubachuun rakkisaa taheeras jedhaniiru.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa dhiyeenya daangaa naannoo Amaaraan waldaangessanitti hidhattoonni naannoo Amaaraa namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuun himannaan yeroo irratti dhiyaatu kun kan jalqabaa miti.

Godinaalee Wallaggaa adda addaa keessatti haleellaa hidhatttoni WBO fi hidhattoonni naannoo Amaaraa saba adda fo'uun raawwataniin lubbuun namoota dhibbaan lakkaa'amu darbaa jira.

Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa namoonni nagaan qaamolee hidhataniin ajjeechaan irratti raawwatamaa jiru yaachisaa ta'uufi mootummaan nageenya lammilee tiksuuf dirqama qabu akka bahu irra deddeebiin hubachiisaa ture.

Taatee alanaa kana irrattis Komishinicha ibsa baaseen, ''Mootummoon naannoo fi federaalaa haleellaawwan saba bu'uureeffachuun naannichatti raawwataman ittisuudhaaf tarkaanfiin fudhataa jiran kan sadarkaa rakkinichaan gituutti ol guddisuun nageenya lammiilee tiksuuf haalaan itti gaafatamummaa saanii bahu qabu'' jechuun irra deebiin yaadachiseera.