Mootummaan hidhattoota WBO 'ajandaa siyaasaa hin qaban' jedhe waliin mariif akka hin teenye beeksise

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'u
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'u

Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota Oromiyaa keessa sosso’aniifi waggoota muraasa darban humnoota mootummaa waliin wal lolaa jiran waliin mariif akka hin teenye beeksise.

Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa gaafa Wiixataa ibsa miidiyaaleef kennaniin, hidhattooti kuni ''ajandaa siyaasaa hin qaban'' jedhan.

‘’Akka mootummaatti qaama ajaja tokko kan hin qabne, ofiifuu kan wal qoodu waliin mari’achuuf ajandaa isaatuu hin qabu. Ajandaa [hidhataan kun] siyaasaa itti qabsaa’u hin qabu,’’ jechuun himan.

Ji’a tokko dura mootummaafi TPLF waraana waggaa lamaaf tureefi biyyattii gaaga’e karaa nagaan xumura itti tolchuuf waliigaltee nagaarra gahaniiru.

Isa hordofee mootummaan haala walfakkaataan hidhattoota Oromiyaa keessa sosso’an waliinis ni taasisa jedhanii kan abdatan turaniiru.

Murtee mootummaa mormuun ibsa kan baase WBO’n mootummaan kan marii dideef dhimma Oromiyaa irratti mari’achuun akka ‘’mo’atamuutti'' waan ilaaluufi jedhe.

Dabaluunis, hanga wal amanteen dhufutti marii sirna qabu eegaluuf haasaan hunduu bakka qaami sadaffaa beekkamti idil-addunyaa qabu jirutti taasifamuu qaba jechuun ibse.

Waliigaltee nagaa TPLF waliin taasisan booda yeroo jalqabaaf MM Abiy Ahimad dhihoo paarlaamaatti yeroo dhihaatanitti hidhattooti kunneen ‘ajajaa tokko hin qaban wal qoodanii ofiifuu wal waraanu’ jechuun himatanii turan.

'Garee saamicharratti bobba’edha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Oromiyaa, keessumaa gama lixaatiin humnoonni hidhatan haleellaa isaan namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufeera.

Ajjeechaa humnoota hidhataniifi maqaa sabaa dhahataniin irra-deddeebiin mudatu mootummaan dhaabsisuu hin dandeenye jedhamuunis komatama.

Badii kanaaf jiraattotu humnoota ‘Faannoo’ fi ‘Shanee’ jedhanitti quba qabu.

Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluun hidhattooti kunneen lammiilee nagaa irratti xiyyeefatanii haleellaa raawwatu jechuun himatan.

Himannaa kana garichi irra-deddeebbiin ni waakkata.

‘’Kaayyoo tokko kan hin qabne, kan walitti dhukaasu, jaarmiyaa isa gaggeessu kan hin qabne, garee saamicharratti bobba’edha.

‘’Nama nagaa ukkaamsee qarshii kuma dhibba, miiliyoonaan garee gaaafatudha. Shiftaa akkanaa waliin haalli [waliin] mari’attu hin jiru,’’ jechuun gaazexeessitootaaf ibsan.

BBC’n jiraattotarraa akka odeeffatetti nama ukkaamsanii qarshii gaafatuun akkaan dabalaa dhufeera. Kana sodaa gara magaalotaa kan baqatan jiru.

Hidhattooti ‘hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaa’u’ akka qabsaa’an himan kunneen himannaa kana hin fudhatan.

Mootummaan waggoota muraasa darban dargaggoota qabsoo hidhannoo keessa seenaniif waamicha gochuun simataa ture.

Adeemsi kuni hangam milkaa’aa akka ture garuu ifa miti.

‘’Wanti gochaa jiru dargaggoonni garee shororkeessaa kana keessa seenan akka deebi’an gochuudha.

‘’Garee ajandaa siyaasaa hin qabne waliin mari’achuun hin danda’amu. Waamichi nuti taasifne garee shororkeessaaf miti. Dargaggoota dogongoraan,’’ garee kana seenaniifidha jechuun ibsan Obbo Hayiluun.

Kanneen jireenya nagaatti deebi’aniif ‘’mootummaan tumsa barbaachisu ni taasisa’’ jechuun himan.

Mootummaan waggoota darban irra-deddeebiin oppireeshinii waraanaa gaggeessuus nageenyi waaraa hin dhufne jedhu jiraattonni.

Qeeqxonni MM Abiy mootummaan dirree dimookiraasii waan dhiphiseef dargaggoonni qabsoo hidhannoo keessa seenuu himu. Angawooti mootummaa garuu yaada kana hin fudhatan.

Hidhattooti WBO bara 2019 ture ifatti dhaaba ABO seeraan galmaa’erraa adda bahuun bosonatti hafanii lola kan gaggeessaa jiran.

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa waliin waggoota muraasa darban itti fufeen lubbuun hedduu darbeera.

Hidhattooti kun saboota bicuu naannicha keessa jiran irratti dabalatee haleellaa raawwachuun himatamu. Isaan garuu ni waakkatu.

Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF fi WBO kan seerri Shanee jedhuun tarree shororkeessaa jala galcheera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) ibsa tibbana baasen rakkoo nageenyaan Lixa Oromiyaatti lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman buqqa’uu hime.

Walitti bu’iinsa itti fufeen lakkoofsi kuni dabaluu akka danda’uufi sochi gargaarsa namoomaarratti dhiibbaa uumuu beeksise.

Akkasumas, deeggarsaaf ummata dhaqqabuun rakkisaa ta’uu hime.

Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa hanga waraana Kaaba biyyattii dhihoo waliigaltee nagaan raawwate xiyyeeffannoo addunyaa hin arganne jechuun komiin ni ka’a.