Rakkoo nageenya Oromiyaa: Miseensonni paarlaamaa maaliif ummataaf sagalee ta’uu dhaban?

Bakka bu'oota ummataa Itoophiyaa

Madda suuraa, ZACHARIAS ABUBEKER

Naannoo Oromiyaa, keessumaa gama lixa naannichaatiin humnoonni hidhatan haleellaa isaan namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufeera.

Jiraattonni BBCn yeroo gara garaatti dubbise haleellaa namoota nagaa irratti raawwatamu kanaaf humna ‘Fannoo’ jedhan, akkasumas kan mootummaan ‘Shanee’ jedhu akka ta’e dubbatu.

Sababa lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan seerri Itoophiyaa Shanee jedhu gidduutti gaggeeffamaa jiruunis namoonni nagaa hedduun lubbuufi qabeenya isaanii dhabaniiru; qe’ee isaaniis gadhiisanii baqataniiru.

Rakkoon nageenyaafi lola naannoo Oromiyaa keessa jiru kun ija sabaa-himaalee jalaa kan dhokate fakkaata; hawaasa idil-addunyaa irraas xiyyeeffannaa hin arganne.

Hunda caalaa ammoo bakka bu’oonni uummataa paarlaamaa jiranillee rakkoo nageenyaa waggootaaf bubbule kana yeroo kaasan hin dhagahamu jechuun komiin irratti ka'a.

Bakka buutonni uummataa Oromiyaarraa ta'an paarlaamaa Itoophiyaa keessatti teessuma 178 qabu. Kun ammoo teessoo paarlaamaa waliigalaa 547 jiru keessaa isa olaanaadha.

Miseensonni paarlaamaa ummata bakka isaan buufateef sagalee ta'un irraa eegama.

Marii tibbana paarlaamaan Itoophiyaa taa'e irratti waa'ee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaa hammaate miseensi kaase hin turre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taateen akkanaa yoo mudatu kuni kan jalqabaa miti. Kuni garuu maalirraa madde?

Pirofeesar Mararaa Guddinaa ALI bara 1997 paartii mormituu bakka bu'uun miseensa paarlaamaa tahanii waggaa shaniif tajaajilaniiru. Waggoota dheeraaf ammoo siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaataa jiru.

Miseensi Paarlaamaa tokko sammuu [hilliinaa] isaa fi uummata bakka isa buufateef malee paartiif bitamuu hin qabu jedhu.

Akka isaaniitti addunyaarratti paarlaamaa sadarkaa sadiitu jira. Inni jalqabaa paarlaamaa jabaa yoo tahu, kun seera gaarii baasuu fi hojiirra oolchuuf humna qaba.

Kan lammataa paarlaamaa seera gaarii baasu garuu hojiirra oolchuuf humna hin qabnedha.

Kan sadaffaa ammooo warri faranjii kan ‘Talking shop’’ jettudha. Kun paarlaamaa seera gaariis hin baasne, isa baases hojiirra oolchuuf itti rakkaatuufi rakkoo ummataaf sagalee tahuu hin dandeenyedha jedhan.

‘’Paarlaamaa Itoophiyaa yoo ilaalle isa sadaffaa kanaan gadidha. Seera gaariis baasuu hin danda’u, raawwachiisuus hin danda’u. Dabalata rakkoo uummataallee sodaa tokko malee dubbatee hin bahu,’’ jedhan.

Pirofeesar Mararaan rakkoon kun kan maddu biyyi tokko sirna dimokiraasii gaariidhaan buluu dhabuu irraati jechuun ibsu.

Keessummaa rakkoo nageenyaa bal'aa Oromiyaa keessa jiruufi teessuma caalmaa naannichi Paarlaamaa keessatti qabuun sagalee hedduufi jabaatu dhaga'amuun irra ture jedhu namoonni.

‘’Warruma biyya bulchutu murteessa, warri paarlaamaa keessaa sagalee sabaa tahuu hin danda’an. Warruma isaan filachiisetu isaan ajajuufi to’achuu danda’a’’ jechuun qondaalli nama siyaasaa kuni himu.

Walgahii paarlamaa Itoophiyaa tibbana taa’ame irratti miseensi paarlaamaa bakka bu'ummaa magaalaa Finfinnee qaban tokko tokko yoo gaaffii dhiyeessan ‘’miira ukkaamamuutu natti dhagahame’’ jedhanii ture.

Miseensi paarlaamaa kun akka yaada isaanii ibsatan eeyyama argatanis dhumarratti deebiin MM Abiy Ahimad kennan ajandaa tahee ture.

‘’Eenyutu si beeka, paartii bakka buutee filatamte malee’ kan jedhu dubbatan.

Pirofesar Mararaan dubbiin kun kan agarsiisu, ‘’eenyutu si beeka, nuyitu si filachiise malee jechuu isaaniiti, kun ammoo saba biratti hin beekamtu jechuu isaaniiti. Uummatni filatee bakka hin buufanne jechuudha,’’ jedhan.

Paarlaamaan Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattiitti jalqabeen booda TPLF fi ''ABO shanee'' kan jedhan hidhattoota WBO shororkeesummaan farrajeera.

TPLF waliin mariin nagaa yommuu gaggeeffamu biyyattii keessatti nagaa guutuu fiduuf wal dhabdeen hidhattoota WBO waliin jiru maal taha jedhee kan gaafate garuu hin turre.

Lixa Oromiyaa aanolee adda addaa keessatti caasaan mootummaa diigamuu, akkasumas sochiin geejjibaa danqamuu jiraattotni BBCtti himaniiru.

Bakkeewwan tokko tokko tajaajilli bilbilaa hin jiru, magaalota aanolee Godina Horroo Guduruu tokko tokko keessa ammoo namni maallaqa barbaadeyyuu Birrii 1,000 ol akka hin kennamne BBC'tti himan.

Kun yaa'ii Paarlaamaa Itoophiyaa tibbanaa irratti irruma keessaan malee cimsamee hin ilaalamiin darbuun komii kaaseera.

'MM nagaa yoo jedhan nagaa jedhu...lola yoo jedhan lola jedhu'

Paarlaamaan Itoophiyaa murtee warri biyya gaggeessan dabarsan dura dhaabbatanii yeroo jijjiirsisan ykn falmii jabaa gaggeessan hin mul'atan.

Paarlaamaa biyyoota guddatan akka Ameerikaa, UK fa'a fudhannee yoo ilaalle paarlaamaan isaanii nama biyya gaggeessu dura dhaabbachuun murtoo jajjabaa dabarsuus, kan dhiyaate kuffisuus danda'u.

Kun ammoo biyyi tokko namuma aangoo olaanaa qabu tokkoon akka hin bulle agarsiisa.

Haa ta'u malee, wanti akkanaa mana maree bakka bu'oota ummataa Itoophiyaa keessa kan laafe ta'u hayyuuleen himu.

Kun biyyaafis uummataafis balaadha jedhu namni siyaasaa kuni.

''MM yeroo lola jedhan lola jedhu..yeroo nagaa jedhan nagaa jedhu..''

Rakkoo guddaan Itoophiyaa keessa jiru madaallii aangoo [Check and Balance] dhibuu isaati. Aangoon walitti qabamee harka Koree Hojii Raawwachiiftuu jira jedhan.

Dabalataan manni murtii dhiibbaa kam irraayyuu walaba tahuun hojjechuu qaba. Murteen isaa raawwachiisuun ammoo dirqama seeraati.

Haatahu malee, namootni siyaasaa hidhaa turan akka hiikaman yoo manni murtii ajaju poolisiin hojiirra hin oolchu. Kun ammoo manni murtii walaba akka hin taaneefi humna raawwachiisuu akka hin qabne agarsiisa jedhan Pirof. Mararaan.

Waggaa lama dura yeroo mootummaan federaalaa fi naannoo Tigiraay bulchaa kan ture TPLF wal dhaban paarlaamaan rakkoon naannoo Tigiraay keessa jiru rakkoo siyaasaati, siyaasaan hiikamuu qaba jedhanii yeroo dubbatan hin dhagahamne.

Waraanni yoo jalqabe lubbuu namoota kumaatamaa balleessa, baajata guddaa mancaasa, biyya rakkoo irra buusa jedhanii yeroo dura dhaabbatan hin argamne.

Waamichi waraanaa yeroo godhamaa turetti waraanicha deeggaruu, waliigaltee nagaa erga mallattaa'ees waliigaltee nagaa sanarratti dubbachuurra kan darbe gahee isaanii yeroo bahatan hin mul'atan jedhan Piroofesr Mararaan.

‘’Sabni nuyi bakka buune gaaffiin isaa kana, fedhiin isaa kana, yoo akkas hin taane rakkoo kanatu mudata jechuu hin danda’an.’’

''Waanuma MM dubbatan deebisanii dubbachuudha, paarlaamaa Itoophiyaa keessatti waanti barame’’ jedhan Pirof. Mararaan.

Paarlaamaan akka kanaan deemuun isaa bu’aa isaa naannoo Tigiraayitti argineerra, Oromiyaa irrattis argaa jirra jedhu hooogganaan KFO.

Yakkoonni namoomaa yeroo raawwatan kan dubbatu waan hin jirreef rakkoon isaa biyya irratti mul’ataa jira jedhu.

Itoophiyaan yeroo gara Somaaliyatti seenuun Al-shabaab irratti Somaaliyaatti yeroo gaggeesite miseensotni paarlaamaa mormanii akka ture yaadatu Pirof. mararaan.

''Yeroo sana Mallas nu dide, aduu torban tokkoo keessatti xumurra jedhee murteesse. Lubbuun nama hedduu darbeera. Amma waggootni hedduun darbaniiru, Itoophiyaanis waraanicha xumurtee hin baane,'' jedhan.

Pirof. Mararaa Guddinaa
Ibsa waa'ee suuraa, Pirof. Mararaa Guddinaa, Dura Taa'aa Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO)

Gaaffiin Paarlaamaa dursee ergamaa?

Siyaasa Itoophiyaa keessatti muuxannoo dheeraa qabaniifi miseensa paarlaamaa tahuunis bara MM duraanii Mallas Zeenaawii keessa kan tajaajilan Pirof. Mararaan, yaa'ii paarlaamaa dursuun waan dubbattu san galchuu qabda jechuun seera nutti baasan jedhan.

Seerichi ammayyuu hojiirra akka jiru himanii, gaaffiikee galfattee yeroo carraa siif kennan ammoo ''yoo jabaa taate yeroo siif kenname keessatti yaadakee hafe gidduu galchitee dubbatta. Himata sirratti banan hin qaban,'' jedhan.

Dabalataan miseensi paarlaamaa waanuma paartiin isaa dhiyeesse hunda deeggara miti.

Paartichaafis tahe biyyaaf rakkoo qaba jedhamee itti amannaan mormuun hojiiisaaniiti jedhan. Garuu kun Itoophiyaa keessatti akka hin mul'anne ibsu.

Namootni heddunis paarlaamaa keessatti namootni tokko tokko uummatuma bakka bu'aniyyuu akka deemanii hin argannee fi jireenya uummatichaa hin ilaalle himu.

Filannoo Itoophiyaa bara 2021 irratti naannoo Oromiyaa keessa paartileen mormituu socho'an akka Kongireensii Federaalawaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo filannicha irratti hin hirmaanne.

Paartii Badhaadhinaa ammoo filannicha mo'achuun aangoo irra jira.