'Labsiin Paarlaamaa shororkeessitoota waliin hin mari'atiin hin jedhu' - MM Abiy Ahimed

Madda suuraa, PM OFFICE ETHIOPIA
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed, TPLF waliin waliigaltee nagaa kan mallatteesine faayidaa biyyaaf jenneeti jedhan.
MM Abiy yaa’ii paarlamaa idilee arfaffaa har’a gaggeeffame irratti gaaffii miseensota paarlamaa irraa dhimma dinagdee, qaala’insa jireenyaa, rakkoo nageenyaa fi waliigaltee nageenyaa TPLF waliin gaggeeffame irratti ka’eef ibsa kennaniiru.
Waraanni xumura hin qabne akka bishaan gingilchaatti naquuti,'' jedhan MM Abiy Ahimed.
Wal waraanaa kan turre qaama tokko qofaa waliin miti. Waraanichi torban tokkoof osoo tahe rakkoo hin qabu. Yeroo dheeraaf kan itti fufu garuu badhaadhina keenyaaf hin tahu jedhan.
''Nagaan yeroo hundaa gaariidha, waraanni garuu yeroo kamiyyuu yoo inifatteyyuu hamaadha. Dhukaasta, nama ajjeesta, garuu doolaara tufta,'' jedhan.
Itoophiyaaf balaa kan tahu jiraannaan yeroo kamiyuu isarratti qabsaa'uun waanuma jirudha. Kanarra kan darbe tokkummaa Itoophiyaaf mariin jiraannaan taa'anii mari'achuun hammina hin qabu.
Faayidaa biyyaaf yoo tahe bakka mariin nagaa jiru eessayyuu nan deema jedhan.
''Erga waraanicha mo'annee haal-duree tokko malee mari'anna kan jedhu nuyidha. Nagaa irraa kan buufatu Itoophiyaadha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaaffii shororkeesitoota waliin mari'achuun akkamiin danda'ama jedhamee ka'eef MM Abiy Ahimed ''labsii paarlamaan baase shororkeessaa hin deeggariin, hin leenjisiin jedha malee hin mari'atiin hin jedhu.
''Nuyis hin leenjisne, hin hidhachiisne,'' jedhan. Paarlaamaan biyyattii TPLF fi WBO ''ABO Shanee'' ittiin jedhan shororkeessummaan farrajeera.
MM Abiy hojii guddaan waliigalticha hojiitti hiikuudha jedhanii boru maaltu akka tahu garuu waanti beekamu akka hin jirre dubatan.
''Uummanni Tigiraay baay'ee miidhameera. Rakkinni kun isa gaha. Nyaata barbaada, qoricha barbaada, ani gama koon waliigaltee nagaa tahetti gammadeera.''
Naannolee waraanaan miidhaman deebisnee ijaarra. Jalqaba garuu nyaachisuu, yaaluun barbaachisa.
Tajaajila ibsaa fi bu'uuraalee misoomaa kaan deebisnee ijaarra. Waliigalticha bulee koreen ijaaramuun dhiyeessii tajaajilaa irratti hojjechuu jalqabes jedhan.
Dhimma Walqaayit ilaalchisee waliigalteen Piriitooriyaa aangoo deebii kennuu hin qabu.
Walqaayit saba afaan lamaan, Afaan Tigiree fi Afaan Amaaraa cacabsee dubbatudha. Riqicha gidduu isaanii jirudha. Garuu akkaataa heera mootummaatti deebi'a jenne malee mootummaan Itoophiyaa shira hojjetame jedhu keessaas hin qabu.
Garuu waliigalteedhaan yoo tahe malee humnaan waan tahu furmaata waaraa fidu hin qabu jedhan.
Hidhattoota WBO naannoo Oromiyaa keessa socho'an ilaalchisee ''Shaneen hoggansa gidduugaleessaas hin qabu. Eenyu waliin akka dubbatamu isaanumtuu waan beekan miti. Shororkeesummaadhaan bilisummaan fidu hin jiru,'' jedhan.
Mootummaan hojii guddaa hojjechaa turus quubsaa hin turre garuu amma booda cimsee irratti hojjeta jedhan.
'Magaalaa Satalaayitii haaraa birrii biliyoona 400 ol tahuun hojjechaa jirra' MM Abiy Ahimed
Mootummaan masaraa haaraa Birrii biliyoona 49'n ijaaruu jalqabeera odeeffannoo jedhu kan kaasan MM Abiy dhugaadha ijaaraa jirra jedhan.
''Garuu kan ijaaraa jirru magaalaa satalayiitii [satilite City] jedhama. Birrii biliyoona 400 tahuunidha. Garuu baajata paarlamaa gaafannee osoo hin taane deeggarsa gaafannee ittiin ijaarra,'' jedhan.
''Mana bosonaa [caakkaa] jedhama. Qeeqni nurratti ka'us hojjechuu waan hin dhaabneef yeroo keessan hin gubiinaa'' jedhan.
Magaalaa Finfinnee bareechuuf hojii guddaan gama paarkotaan hojjetamuu kan dubbatan MM Abiy ammas pirojektota gurguddoo hedduun hojjetamaa akka jiran himan.
Dabalataan Jimmaa deemee lafa hektaara 700, Arbaa Minci irraa hektaara afur naaf kennan. Garuu baajata guddaa gaafata jedhan. Lafa kennameef kana irratti magaala diizaayinii addaan hojjecuu barbaada jedhan.
'Qaala’insi jireenyaa ji’oota arfan keessa hir’ataa jira'
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed gaaffilee miseensota paarlmaa irraa ka’aniif deebii yeroo kennan diinagdeen Itoophiyaa Baha Afrikaa irraa tokkooffaa taheera jedhan.
Biyyoota Sahaaraa gadii keessaa sadaffaa irra jira kan ejdhan Dr Abiy dinagdeen biyyattii bara kana doolaara biliyoona 126.7 gahuu ibsan.
Haa tahu malee, waraana biyyattii keessa ture, waraana Yuukireenii fi weerara koroonaa irraa kan ka’e qaala’insi jireenyaa hammaachuu ka’eera. MM Abiy kun rakkoo adunyaa guutuu tahuu kaasanii, dinagdee Itoophiyaaf miidhama guddaadha jedhan.
Ji’oota darban arfan keessa qaala‘insi jireenyaa Itoophiyaa keessaa ol ka’ee ture gadi bu’aa jiraachuu agarsiisa jedhan.
Dinagdeen Itoophiyaa bara darbe %6.4’n guddachuu himanii bara kanas %7.5niin guddachuuf karoorsinee hojjechaa jirra jedhan. Itoophiyaan waggaatti ruuzii kuntaala miliyoona shan galchaa akka turte kaasuun bara kana garuu kuntaala miliyoona saddet argama jedhamee eegama jedhan.
"Akka qamadii biyya alaatti ergina jechuu baannus biyya alaa irraa galchuu dhaabna. Bara dhufu garuu kana caalaa oomishnee biyya alaattis erguuf hojjenna,‘‘ jedhan.
Ooomishni bunaa %20’n akka dabale kan himan Dr Abiy galiin nama tokkoo gidduugaleessaan doolaara 1,212 gaheera jedhan.
Indaastirii biyyattii keessaa bara kana %4.5 guddateera jedhan.
Sekteroota guddina agarsiisan keessaa Etiyoo telekomii fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Namootni biyyattii keessaa bilbila fayyadamanis miliyoona 69 gahuu ibsaniiru.
Bara kana Maallaqni baankiitti qusatame Birrii tiriiliyoona 1.6 gahuu kaasuun namootni miliyoona 80 ol tahan herraga baankii akka qaban himan.
'Dhiyeenyatti yuunvarsiitii haaraa hin bannu'
MM Abiy Itoophiyaan kana booda qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffachuun hojjetti jedhan.
Bakka adda addaatti yuunvarsiitiin haa banamu gaaffiin jedhu akka jiru kan kaasan Dr Abiy yeroo dhiyoo keessatti yuunvarsiitii haaraa hin bannu jedhan.
Itoophiyaan waggoota 15 as yuunavarsiitota haaraa baay’ee banteetti. Haa tahu malee, yuunvarsiitiiwwan Itoophiyaa keessaa baajata mootummaa irratti hirkatu.
"Yuunvarsiitiin ofii qorannoo gaggeessee rakkoo furuu fi of danda’uu qaba. Yuunvarsiitiin Finfinnee yeroo dhiyootti of danda’ee mootummaa irraa ba’a. Yuunvarsiitotni kaanis akkasuma suuta kan itti fufan taha‘‘ jedhan.
Itoophiyaan barattoota miliyoona 9.5 tahan guyyaatti si’a lama nyaachisuun barsiisaa jirti jedhan MM Abiy. Bara darbe barattoota miliyoona 9.2 tahaniif mana barumsaatti nyaata dhiyeesuun barsiisaa turte.
Kunis maatiin harka qalleeyyii tahan ijoollee saanii mana barumsaa irraa akka hin hanbisneefi jedhan.
MM Abiy saamicha lafaa biyyattii keessatti gaggeefamu ilaalchisee "Itoophiyaatti ‚‘lafti kan uummataas miti, kan mootummaas miti, kan dallaalotaa taheera,‘‘ jedhan.
Dhimma kana furuuf qorannoon akka barbaachisu himanii yoo xiqqaate naannoo magaalaatti kan nama dhuunfaallee tahuu qaba. Gurgurateellee itti fayyadama jedhan.












