Adeemsa marichaarratti wal amanuu dhabuun rakkoo ijoo ture - Ambaasaddar Rediwaan Huseen

Ambaasaadar Reediwaan Husseen

Madda suuraa, Getty Images

Waraanaa Kaabaa Itoophiyaa wagga lama guutee karaa nagaatiin furuudhaaf marii nagaa mootummaan federaalaa fi TPLF jidduutti gaggeefamaa ture amma sadarkaa hojiirra oolmaarra gaheera.

Waliigalteen jalqaba Afriikaa Kibbaa Pirotoriyaatti waliitti fufiinsaan waldhabdee dhaabuufi dhimmoota biraa irratti taasifame, marii Naayiroobii Keeniyaatti ajajoota waraanaa gama lamaaniitiin taasifameen waliigalticha gara hojiitti geeddaruuf tartiibawwan hojii irratti waliigalteerra gahamera.

Mariiwwan Piritooriyaafi Naayiroobbiitti taasifaman irratti gama mootummaa federaalaatiin bakka bu’aa marichaa kan ta’an Ambaasaadar Rediwaan Huseen adeemsa marichaa keessatti wal amanuu dhabuun rakkoo ijoo akka ture dubbataniiru.

Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Muummee Abiy kan ta'an Ambaasaaddar Rediwaan Naayoriibiitti BBC waliin turtii taasisaniiru.

BBC:Adeemsa marii Naayiroobiitti gaggeeffame irratti danqaawwan ijoon maal turan?

Ambaasaaddar Reediwaan Huseen: Rakkoon ijoon adeemsa kanaa wal amantaa dhabuu ture. Waraana marsaa sadii keessa dabarree jirra. Akkasumas, himannaawwan, deebiiwwan himmannaafi dhimmoota hedduutu ture. Wal amataa dhabiinsa cimaan waan tureef, gama lamaaniinuu dhimmoota yaaddeessoo ta’an sirreessuuf hojjataa turre.

Kanaaf, gargaagarummaa jidduu keenya ture guutuu fi gara waliingaltee walootti dhufuuf, daandiin deemnii kan biraa ture.

Kana malees, ummannii mootummaan federaalaa bakka bu’u jira, akkasumas qaamni gara biraas ummata bakka bu’utu jira. Ummannii qaama lamaanuu bakka buufatee dhimmi eeggataa ture jira. Kanaaf, dhimmoota ergaawwan sirrii hin taane dabarsuu ni danda’u jenneen waliin sirreessuu nurra ture.

Adeemsa kanaanis tokko tokko sanadawwan ilaaluufi caalaa sirreessuun nurra ture. Kana raawwachuun keenyas ergaawwan adeemsi nagaa cimee akka hin dhaabbatu taasisan hin jiraanneef kan qalbii qajeelluummaatiin raawwatamanidha, garuu cimaa ture.

Waliigalteen kun kan waliigaltee Pirotoriyaa sana raawwachiisuu ta’ulleen, ni salphata jedhameen yaadamee turulleen, wal amantaa dhabuun hanga tokko akak cimu taasisee ture.

Waliigaltee siyaasaa kan ture waliigalteen Piritoriyaa cimaafi rakkiisaa ture. Kun ammoo waliigaltee Piritooriyaa ija waraanaafi nageenyaatiin ilaaluun, raawwachiisuuf kan ajajoonni waraanaa irratti waliigalanidha.

Raawwachiisuuf kan rakkiisuufi kan hin rakkiifne kan hubatan ajajoota waraanaati.

Haata’u malee, jalqaba isaarraa kaasee wal qabatanii kan dhufe wal amantaa dhabuutu ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaafiidha yeroo dheeraadhaaf teenyee garaagarummee keenya sirreessuuf kan yaalle. Garuu ammo dhumarratti, sana hundaa darbuun waliigaltichi mallattaa’eera.

Kanaan booda itti gaafatamummaan jiru kan keenyaa. Waan nurraa eegamu hubachuun sirreessuu, kutannoon itti fufuufi gufuuwwan yaalii waliigaltee kana raawwachiisuu keessatti nu mudatan darbu qabna. Dhummarratti milkaa’inaan xumurameera.

Kanaafidha yeroo dheeraa fudhannee garaagarummaa jiru furuuf kan yaalle. Haa ta’u garuu, dhuma irratti kana mara dabarree walii galtee kana mallatteessineerra.

Kan booda itti gaafatamummaan jiru kan keenya. Waanta nurraa eegamu hubannee sirreessuu, kutannoon itti fufuu, akkasumas walii galtee kana raawwachiisuu keessatti gufuuwwan nu mudatan darbuu nu barbaachisa. Dhuma irratti garuu milkaa’inaan xumurameera.

BBC: Akka waliigaltee Piritooiyaa irratti haqni cehuumsaa qaama adeemsichaa akka ta’e ni beekama. Garuu, adeemsi siyaasaa kun adeemsa haqaa irratti dhiibbaa akka hin finne sodaatu jira. Waraana kana irratti kanneen sarbamni mirga namoomaa guddaan irratti raawwateef haqas ta’ee beenyaa mirkaneessuf mootummaan federaalaa hangam kutannoo qaba?

Ambasaddar Redwaan Huseen: Waraana kanaan gochaan bineensummaa heddu dalagameera. Tokko tokko ragaadhan deeggaruu barbaachisa. Kaan ammoo fakkii isa guddaa ilaaluu barbaachisa. Gochaan gara jabinaa inni guddaan kanneen qofaa miti, kan miidhame walitti dhufeenya hawaasati.

Waggoota 30 darban daneessummaa [diversity] hanga barbaadamuu ol siyaasaf oolchun eenyummaa fi fayidaalee waloo dagatamee ture, kanaaf walitti dhufeenya hawaasaa deebisanii ijaarudhaan kana furuun danda’ama. Hawaasni karaa mataa isaa Itoophiyummaa waloo isaa barbaadee argachuu akka danda’u gochuudhan furama.

Miidhamni haleellaa hedduun isaanii mana murtii fi dhiifama gochuu qofaan osoo hin taane beenyaa fi waan isaan dhaban akka deebi’uuf godhamuu qaba.

Jireenya guyyuu qofaa osoo hin taane godaannisni hamilee isaan keessa jira. Kanaaf adeemsi haqaa madaa hawaasummaa fayyisuuf qofa osoo hin taane yakkamtota mana murtiitti dhiyeessus of keessatti hammata.

BBC: Akkaataa waliigaltee kanaatti adeemsi itti aanu maalidha? Qormaata jettanii kan yaaddan maalidha?

Ambasaddar Redwaan Huseen: Nagaa kana fiduuu danda’uun keenya rakkoolee kutaalee Itoophiyaa biroo keessa jiran furuudhaf carraa nuuf kenna. Akkasumas rakkoo kana furuu yoo dandeenye, itti fufiinsan biyya keenya deebisnee ijaaruf carraa nuuf kenna.

Kuni gara fuulduraatti garaa garummaan keenya osoo gara walitti bu’iinsatti nu hin geessin dursinee akkamitti akka furru baruumsa nuuf kenna jedheen yaada.

Adeemsi marii kun Itoophiyaanonni kana qofa osoo hin taane rakkoo siyaasaa isaanii bifa hunda galeessa ta’een akkamitti akka furan fakkeenya gaarii ta’a. Ardaa hudni keessatti dhageettii qabu banuun garaa garummaa furuun akka danda’amu barsiisa.